Piriimer Liigii Ingilizii baranaatiin eenyutu waancaa fudhata, eenyutu ammoo liigicha keessaa bahaa?

Peeppee Gaardiyoolaafi Yargen Kiloop

Madda suuraa, Reuters

Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti dorgommii waancaaf taasifamaa jiruun olitti bara dhufu carraa Liigii Awurooppaa keessatti hirmaachuu argachuuf jecha sadarkaa 1-4 keessa galuuf taasifamu, akkasumas qabsoon Liigicha keessaa ba'uu ooluuf taasifamu hanga dhuma torban kanaatti itti fufa.

Kana murteessuudhaaf amma walumaagalatti taphoota 15 qofatu hafu. Taphni Piriimer Liigii Dilbata dhufu osoo hin xumuramiin dura taphawwan akkaan murteessoo ta'an wixata har'aa, Kibxataafi Kamisa ni taphatamu.

Kilaba kamitu maal milkeeffachuu barbaadaa?

Dorgommii waancaa

Kibxata: Saawozhampitan Liiverpuul waliin taphata.

Dilbata: Liiverpuul Wolvis waliin, Maanchester Siitiin ammoo Aston Viilaa waliin taphatu.

Maanchester Siitiin kaleessa West Haam waliin lama walqixaan adda baheera. Haata'u malee, ammallee Liigicha dursuu irraa isa hin hambisne. Tapha isa hafe mo'atee jennaan waggaa shan keessatti waancaa Liigichaa afur mo'ata jechuudha.

Maachester siitiin hanga dilbataatti eeguu dhiisuullee mala. Kibxata Liiverpuul Saawozhampitaniin mo'amnaan waancaan kun warra Maanchester Siitiif galuun isaa waan hin oolle.

Liiverpuul ammoo waancaa argachuudhaaf taphawwan hafan lachanuu mo'achuutu isarraa eegama. Tapha gaafa Dilbataan Maanchester Siitiin ammoo Aston Viilaa waliin qabxii dhabuun isaas mirkanaa'uu qaba.

"gareen akka Liiverpuul osoo jiruu taphoonni afur osoo hafanii waancaa argachuun cimaadha. Morkiin hanga dhumaatti itti fufa. Nuun kan nu gargaaru dirree keenya irratti taphachuufi kan murtaa'us numaan ta'uu isati," jedha leenjisaan Maanchester Siitii Peep gaardiyoolaa.

"Eenyuunillee hin ilaallu. Ofii keenya taphicha njifachuu yaalla. Istaadiyeemiin Itihaad akka guutuufi deeggartoonni nu cinaa akka dhaabbatan haalaan nan beeka."

Tpha Kibxataa dura Saawozhampitaniif ergaa yoo qaba ta'eef kan gaafatame Gaardiyoolaan, "Liiverpuuliin 4 fi 0 injifadhaa' jedheera.

Morkii Shaampiyoons Liigii keessatti hirmaachuuf taasifamu

Wixata: Arsenaal Niiwukasil waliin.

Kamisa: Chelsii Leester waliin

Dilbata: Arsenaal everten waliin; Chelsiin Waatfoord waliin, Noorwich ammoo Tootenhaam waliin.

Arsenaal taphawwan hafan alamaan mo'achuu dandeenyaan, erga bara 2016/17 booda yeroo jalqabaatiif carraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti hirmaachuu milkeeffata.

Qabxii gatee jennaan garuu Tootenhaam kufuu isaa kan bare Noorwichiin mo'achuun isaa qofti akka Shaampiyoons Liigii keessatti hirmaatu isa taasisa.

"Ingliiz keessatti carraan Shaampiyoons Liigii argachuu baayyee murtessaadha. Akka liigii biraa keessatti waancaa argachuutti lakkaa'ama," jedhe leenjisaan Tootenhaam Antooniyoo Kontee.

"Arsenaal har'a ni taphata. Yeroodhaaf qabxii lamaan isaan caalla. Yoo mo'achuu baatan carraa keenya kan murteeffatu numadha. Yeroodhaaf garuu kubbaan kan jirtu harka isaaniiti."

"Taphni dhumaa nuuf murteessaadha. Ingiliiz keessatti taphni salphaadha jedhamu hin jiru. Gara Noorwichi deemnee mo'annee qabxii sadii argachuu qabna."

Chelsiin bakka Shaampiyoons Liigii dhabuu danda'a. Taphawwan hafan lamaan Leesteriifi Waatifoord waliin qabu keessaa qabxii tokko argannaan gahaadhaaf.

Morkii Yurooppaa Liigiifi Konferaansi Liigiitiif taasifamu

Dilbata: Biraayitan West Haam waliin, Kiristaal Palaas ammoo Maanchester Yunaayitid waliin taphatu.

West Haam fi Maanchester Yunaayitid waggaa dhufu dirree Awurooppaa irratti akka hirmaatan mirkaneeffataniiru. gaaffiin amma jiru garuu dirree isa kam irratti kan jedhudha.

Maanchester Yunaayitid tapha dhumaatiin Kiristaal Palaasiin yoo mo'ate hirmaannaa isaa Yurooppaa Liigii ni mirkaneeffata. West Haam ammoo Konferaans Liigii keessatti hirmaata.

West Haam mo'atee Maanchester Yunaayitid mo'achuu dadhabnaan garuu west haam Yurooppaa Liigiitti hirmaatee maanchester Yunaayitid ammoo Konferaans Liigiii keessatti hirmaata jechuudha.

"Ja'affaa taaneen xummurraan milkaa'ina guddaadha. Torbaffaa ta'uunis waan guddaadha. Ja'affaa yoo taane ammoo caalaa gaarii ta'a. Torban dhufu akka milkeessinu abdiin qaba. Milkeessuudhaafis ni yaalla."

Morkii Piriimer Liigii keessaa bahuu ooluuf taasifaman

Peep gardiyoolaa, Raalfi Raayiniik, Maayik Jaaksan fi yargen Kiloop

Madda suuraa, EPA/Reuters

Kamisa፡ Everten Kiristaal palaas waliin; Aston Viilaan ammoo Barnilee waliin taphatu

Dilbata: Arsenaal Everten waliin, Bereentifoord Liids waliin, Barileen ammoo Niiwukasil waliin taphatu.

Taphoota lama Kamisa taasifamaniin kilaboonni liigicha keessaa bahan ni murtaa'a.

everten, Liidis fi Barnileen garaa garummaa qabxii lamaan toora galanii jiru. Barnileen oddoo warrra kufanii keessatti argama. Tapha walqixxeessuti ammoo isa hafa. Kanaaf, carraan Liids warrakaaniirratti hundaa'a.

gareen Firaank laapaard tapha kaleessa Bireentifoord waiin taasise osoo mo'ateera ta'ee akka hin kufne ni mirkaneeffata ture. Kamisa Palaasiin mo'annaanis ni mirkaneeffata.

"Kamisa waan qabnu mara kennuu qabna. Hanga dhumaattis ni qabsoofna. Carraan keenya harka keenya jira," jedheera.

Barnileen Kamisa galgala Aston Viilaa waliin taphatee mo'annaan kufaatii irraa oola.

"Deeggartoota keenya fuulduratti akka taphannu ni beekna. Qabxii argachuu qabna," jedhe lenjisaan yeroo Barnilee Maayik Jaaksan.

"Baayyee ifadha. Dhoksuu hin barbaachisu. Tapha itti aanu mo'achuudhuma qabna."

Morkiin Liidsiifi Barnilee hanga dhuma torbaniitti itti fufa. Liids Reentifoord waliin yoo taphatu, Barnileen ammoo Niiwukasil waliin taphata.