Yargen Kiloop hanaga bara 2026tti Liiverpuul turuuf waliigaltee haaraa mallatteesse

Yargen Kilooppi waliigaltee haaraa mallatteesse

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kilooppii fi hojjettootni isa waliin leenjisan waliigaltee hanga bara 2026 isaan tursiisu mallatteessan

Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kiloop waliigaltee isaanii waggaa lamaan dheeressuun hanga bara 2026tti kilabicha leenjisuuf waliigaltee haaraa mallatteessan.

Kiloop amma ganna 54 tahan, bara 2015 ture Liiverpuul leenjiuu kan jalqaban. Ji'a Bitootessaa keessa yeroo waliigalteen isaanii bara 2024 xumuramu kubba miilaa irraa takka boqonnaa fudhachuu akka barbaadan himanii ture.

Haatahu malee, Liiverpuul leenjisichaafi garee isaa hundaa waliigaltee haaraa hanga bara 2026tti isaan tursiisu mallatteesisan.

Liiverpuul bara kana waancaa afur injifachuuf morkii cimaa keessa jira. Kilooppi waliigaltichaan ''akkan gammadeera, eebbifameera, kabaja guddaadha,'' jedhan.

Kiloop itti dabaluun: ''Yeroo abbootiin qabeenyaa waliigaltee keenya haaaressuuf naaf dhiyeessan, waanan ifatti itti yaadaa turen of gaafadhe. Amma ani aannisaafi humna kilabni dinqiiisaan akkasii waajjira leenjisaa irraa barbaadu ofiif kennuu danda'aa jedheen of gaafadhe.

''Dhugaa isaa deebisuuf yeroo dheeraa na hin gaafanne. Deebiinkoo salphaa ture... kilaba kana keessa turuu nan jaalladha, ittan gammada.''

Dubbiin Kiloop kunis faaruu tibbana deeggartootni kilabichaa isa deeggaruuf faarsaa turan fakkaata. Innis ''I Feel Fine[ miira gaariin qaba] jedhudha.

Gargaartotni leenjisaa isaa Pep Layinndersii fi Piiter Kirawiiz akkasuma waliigaltich ammalleessaniiru. Pirojektii keenya waliin itti fufsiisuuf ''waan guddaadha'' jedhe Kilooppi.

Kilooppi haati warraa isaanii Uulaan murtoo isaa kanaaf murteessituu akka turtes himan. Waliigaltee baay'ee murteessaa an jireenyakoo keessaatti Uulaa waliin mallatteesse,'' jedhan.

''Deeskii mana nyaata bilcheessan [kitchen] irra teenyee: 'Bara 2024tti waan baanu tahee natti hin mul'atu.' Asitti waan hunduu jalqabe.''

Bakka kanaa waan baay'ee jaalannu jira. Osoo as hin dhufiin durayyuu beekan ture, garuu ergan dhufee isa duraa caalaa waan hundaa bareera.

Akkuma hariiroo fayyaalessa kaanii daandii lamatu jira. Waliif waan qajeelaa tahuu qabda. Walii keenyaaf sirrii akka taanu kan nu godhe jalqabuma maaliif akkan bakka kana dhufedha, ammas kanumaafan waliigalteekoo dheeresse.''

Kilooppi kilabni isaanii ammayyuu humnaa fi aannisaa haaraa akka qabu himan. Itti fufinsaan kallattii sirrii irra jirra kan jedhan Kilooppi abbootiin qabeenyaa kilabichaas kutannoo waliin hojjechaa akka jiran himan.

Kilooppi erga kilabicha leenjisuu eegaanii waancaa shan injifataniiru. Liiverpuul bara kana waancaa 'Carabao Cup' injifachuun Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Cup injifachuufis carraa guddaa qabu.

Kilabni Ingiliz tokko illee bara dorgommii tokkotti waancaa afur injifatee hin beeku. Leenjisaan duraanii Boorushiyaa Doortimondi kun deeggartootni isaanii ''shakkuu irraa gara amanuutti'' fiduuf waadaa galaniiru.