Shaampiyoonsi Liigii: Tapha marsaa jalqabaan Maanchister Siitiin 4 fi 3n Riyaal Maadirid mo'ate

Keevin De Biruun

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kevin De Biruun galchii tokko lakkoofsisuun tokko ammoo mijeessee kan kenne taphoota Shaampiyoonsi Liigii 59 keessaa kun kan jalqabaati.

Tapha Shaampyoonsi Liigii walakkaa xumuraa marsaa jalqabaan Maanchister Siitiin garaagarummaa galchii tokkoo qofaan Riyaal Maadirid dirree isaa Itihaad irratti injifate.

Taphni marsaa lammaffaa Bernaaboo irratti Roobii dhuftu kan eegamu taha.

Siitiin tapha kana irratti gahumsa ol aanaa agarsiise. Taphni jalqabee daqiiqaa 2ffaa irratti Kevin De Biruun kubba Riyaad Mahaarez kenne lakkoofsise. Daqiiqaa 11ffaa irratti booda kana gahumsi isaa addatti kan mul'achaa jiru gabri'el Yesus galchii lammaffaa lakkoofsise.

Gareen Karlo Anchelootii durfamanis irra dedebiin carraan isaanii kanaan akak hin duuneef falmii gaggeessaniiru. Karim Benzemaan galchii 13ffaa Shaampiyoonsi Liigii baranaa kan taateef Madiridiif ammoo kan jalqabaa Siitii irratti lakkoofsise.

Haa tahu malee Fiil Fooden boqonnaan booda galchii sadaffaa Maan Siitiif lakkoofsisuun taphichi Maadiridiif akka ulfaatu godhan.

Taphataan ganna 21 lammii Biraazil Vinisheyes galchii lammaffaa lakkoofsisuun abdii itti hore.

Tapha walakkaa xumuraa marsaa jalqabaa diraamaan guutame kanaan Bernaando Silvaan galchii arfaffaa Siitiif yoo lakkoofsisu Karim Benzeman rukuttaa peenaaliti argamte lakkoofsisun taphichi 4 fi 3'n ol aantummaa Maanchister Siitiin xumurame.

Riyaad Mahaarez kubba galchi tahuu danda'an lama balleessuun Gaardiyoolaa mufachiiseera. Maanchister Siitiin yeroo jalqabaaf Shaampiyoonsi Liigii injifachuuf barana falmii jabaa gagegessa. Riyaal Maadirid waancaa Laaligaa bara kanaa mo'achuuf tapha shan irraa qabxii tokko qofa barbaada.

Maan Siitiin ammoo qabxii tokkoon qofa Liiverpuul caalee PL dursaa jira. Karlo Anchelotiin kileboota Ispeen waliin Laaligaa, Bundisliigaa Jarman, Piriimer Liigii Ingilizii fi Serie A Xaaliyaanii mo'achuun leenjisaa jalqabaati.

Har'a taphni Liiverpuulii fi Vilaariyaal gidduutti gaggeeffamu haalaan eegama. Yargen Kilooppi Shaampiyoonsi Liigii kanaaf qophaa'uun waan ''addaati'' jedhe.

Waggoota shan keessatti sadarkaa kana gahuun isaanii yeroo sadaffaafidha. Kilooppi waggoota shan keessati Liiverpuul dorgommii jabaa Awurooppaa kanaaf si'a afur dhaqqabsiiseera.

Liiverpuul bara kana waancaa afur mo'achuuf abjuu guddaa qabu. FA Cup xumuraaf gahaniiru. League Cup injifataniiru. Piriimer Liigii qabxii tokkoon qofa caalamuun falmiitti jiru.

Shaampiyoonsi Liigii Vilaariyaaliin yoo mo'atan waancaaf ni gahu.

''Tapha hundumaa hafe akka tapha xumura waancaatti taphanna'' jedhe KIlooppi.

Unay Emireen yeroo Siiviyaa leenjisaa ture bara 2015 keessa xumura waancaa Liigii Awurooppaan Liiverpuul waliin taphatanii Siiviyaan injifatee ture.

Kilooppi Unay Emireef kabajaa guddaa akka qabu ibsuun dandeettii leenjisichaas dinqisifateera. Garuu gareen bara sanaaf ammaa tokko akka hin tane himuun taphicha mo'achuuf qophii tahuu ibsaniiru.