Atileetiikoo Maadirid waliin 'haalli rakkisaan' nu mudachuu mala jedhan leenjisaan Maanchister Yuunaayitid

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan yeroo Maanchister Yunaayitid Raalfi Raayinik tapha Shaampiyoonsi Liigii Atileetiikoo Maadirid waliin godhan irratti 'haalli rakkisaan'' akka isaan mudachuu danda'u himan.
Taphni marsaa jalqabaa Ispeenitti kan gaggeeffamu yoo tahu Oldi Tiraafordi irratti ammoo gaafa Bitootessa 15 taphatama.
''Taphattootni keenya gariif afatni diimaan afameefii hin simataman,'' jedhe Raayinik.
Sammuudhaan haalli rakkisaan nu mudachuu danda'a jennee qophaa'uu qabna. Kun ramaddii salphaa jedhamu miti jedhe.
Maanchister Yuunaayitid garee F keessaa tokkoffaan xumuree darbe. Atileetiikoon ammoo bara darbe waancaa Laaliigaa mo'ate bara kana garuu shanaffaa irra jiru, garee isaa keessaa Liiverpuulitti aanuun lammaffaan xumure.
Taphataan sarara duraa Yuunaayitid Edisan Kaavaaniin miidhama irra gaheen hin taphatu.
Leenjisaan Yuunaayitid Raayinik torbanoota lamaaf shaakalas hin hojjenne waan taheef akka taphatu dhiibbaa gochuus hin qabnu jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
"Carraa nuusa xumuraaf gahuu qabna,'' jedhe leenjisaan lammi Jarman kun. ''Akka isaan calluu itti agarsiisuu qabna.''
''Yoo marsaa itti aanuuf darbine haamilee kee kakaasa. Shaampiyoonsi Liigi keessatti gahumsa kee hundaa fayyadamuu qabda.
''Morkii jabaa nu mudatuuf qophaa'uu qabna. Sammuudhaanis jabaachuu qabna.''
"Qabxii gaariidha jedhamu argachudha. Ramaddichi garuu kanuma Roobii kanaan osoo hin taane tapha marsaa lammaffaan murtaa'a.''
Leenjisaan Atileetiikoo Maanchister Yunaayitid leenjisaa haaraa erga argatte baay'ee cimeera. taphoota 14 keessaa tokko qofa mo'aman. Garee cimaa adunyaa waliin morkanna jedhan.
Gama biraan kileboota Ingiliz keessaa tapha marsaa duraan maanchister Siitii, Liiverpuulii fi Chelsiin morkattoota isaanii mo'achuun tapha itti aanuuf abdii qaban guddifataniiru.













