Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Soolshaayer erga gareen isaa Barnileedhaan mo'amee dhiphina guddaa keessa galeera

Madda suuraa, Getty Images
Maanchister Yuunaayitid seenaa kilabichaa keessatti qabxii gadi aanaadha jedhame bara kana galmeessaaa jira.
Kaleessa galgala Barnilee'n 2 fi 0'n mo'achuun Oldi Tiraafoordi irratti kun kan jalqabaati.Taphattoota ciccimoo akka Poogbaa, Mak Toominee fi Raashfoordi miidhamaan kan dhabe Maanchister Yuunaayitid hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf itti cimee jira.
Liivarpuul kan liigicha dursaa jiruun qabxii 30'n caalamee kan jiru Maanchister, Cheelsii sadarkaa 4ffaa irratti kan argamuun ammoo qabxii 6'n boodatti hafeera.
Bakka Soolshaayer leenjisaan duraanii Tootenaam Maarishiyoo Poochetiinoo qacaramuu danda'a oduun jedhus jira. Kun garuu xumura bara dorgommii kanaatti akka tahuu malutu himama.
Ta'us deeggartootni kilabichaa amma mufannaa guddaa keessa galanii akka jiran taphataan duraanii Maanchister Daaren Fileecher dubbateera.
Soolshaayer guddattoota kilabichaaf dursa kennus bakka taphattota kilabicha gadhiisanii kan akka Feelaanii, Aleeksis Saanchez, Roomeluu Lukaakuu fi Ander Heereeraa buusuu dhabuun qabxii kilabichaa irratti dhiibbaa akka uumetu himama.
Liigicha keessatti bara kana gahumsa gaarii irratti kan argamu gareen Bireendaan Roojersi, Leester Siitiin West Haamiin 4 fi 1'n mo'ateera.
Bara kana kilaba kamtu liigicha keessaa gadi bu'a kan jedhuu fi hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argata kan jedhu ammayyuu tilmaamuun rakkisaa taheera.
LiivarPuul ammo har'a Woolvis waliin kan morkatu taha.













