Injifannoon Totanhaam hirmaannaa Arsenaal Chaampiyeens Liigii argachuuf taasisuurratti dhiibbaa gochaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaan ''tapha bareedaatu nu jalaa bade'' jechuun tapha Tootenaamiin injifataman booda dubbatan.
Kilabootni lamaan sadarkaa arfaffaan xumuruuf dorgommi jabaa taasisaa jiru. Tootenaam taphicha 3 fi 0n mo'achuu isaan garaagarummaa qabxii isaan gidduu jiru tokko qofatti dhiphisaniiru.
Galchii jalqabaan Tootenaam rukuttaa peenaaliitiidhaan kan argame yoo tahu, taphataan sarara ittisaa Arsenaal Roob Hooldiingi kaardii diimaan dirree keessaa baheera.
''Waanan yaaduu fi sammuukoo keessa jiru yoon dubbadhe, ji'a jahaaf nan adabama,'' jedhe Arteettaan.
''Akkatti soban waan hin beekneef waanan yaadu dubbachuu hin barbaadu. Waanan yaadu dubbachuu hin danda'u.''
''Taphattoota kootti gammaduu dhiisuu hin danda'u. Taphattoota kootti nan boona. Murteessaan gara kaameeraa duraatti dhufee murtee dabarse akka ibsu nan barbaada. Qaaniidha sababni isaas tapha bareedaatu nu jalaa balleeffame.''
''Murtoon darbeera. Jijjiiruu hin dandeenyu. Murteessaan kubbaa miilaa keessatti murtoo kennuu qaba waan taheef.''
Leenjisaan Tootenaam Antooniyoo Koonteen murtoo darbe irratti yaada kennuu hin barbaadne. Garuu morkataa isaa ammoo qeequu irraa duubatti hin jenne.

Madda suuraa, Getty Images
''Baay'ee komataa ture,'' jechuun Arteettaa qeeqe. ''Garee isaa irratti cimsee xiyyeeffachuu qaba, garee isaa irratti jabaatee hojjechuu qaba,'' jedhan.
''Tapha Livarpuul irratti yeroon ani waa'ee Faabiniyoo fi balleessaa isaa hunda komadhu dhageesseettaa? Lakki. Yoo barbaade gorsakoo fudhachuu danda'a, garuu yoo hin feenes dhiisuu danda'a.
''Jabaatee hojjechuu itti fufuu qaba, sababni isaas Arteettaan leenjisaa baay'ee gaarii waan taheef. Yeroo tapha guutuu irratti leenjisaan komachuufi iyyuun namatti hin tolu,'' jedhan.
Antooniyoo Konteen ammas dubbachuu itti fufan.
''Dhaggeeffataan ture. Callisee komachaa ture. Akkan yaadutti hojii isaa irratti jabaachuu fi garee isaa irratti xiyyeeffachuu qaba.
''Sababni isaas hojii leenjisummaa amma reefu jalqaba waan taheef. Tasgabbaa'ee hojjechuu qaba. Leenjisaan callisee sa'aa guutuu yeroo komatu dhagahuun namatti hin tolu''

Arsenaal tapha hafe mo'achuun sadarkaa arfaffaan xumuruuf isa gargaara. Chelsiin qabxii shaniin caaluun sadarkaa sadaffaarra jira.
Tootenaamii fi Arsenaaliif garuu ammayyuu carraan sadarkaa arfaffaa keessa galuu jira. Carrichi banaadha. Garuu falmii cimaa barbaada.
Akkasumas Man Siitii fi Livarpuul keessaa kamtu shaampiyoona taha kan jedhu adda baasuun rakkisaa taheera. Inni tokko haa mo'uuf tokko mo'amuu qaba.
Tootenaam torban kana keessa Livarpuul waliin qixa bahuun carraa inni waancichaaf qabu jalaa dhiphiseera.












