Liiverpuul Vilaariyaal injifachuun xumura Waancaa Chaampiyeens Liigii Awuroppaaf darbe

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Mikaa'el Emonsi
- Gahee, BBC Sport
Liiverpuul tapha Chaampiyeens Liigii Awurooppaa walakkaa xumuraa irratti Vilaariyaal waliin taphateen gahumsa boqonnaa boodaan irra aaneera.
Liiverpuul tapha marsaa jalqabaan 2 fi 0'n injifateera. Ispeen irratti garuu ol aantummaan waan harkaa fudhatame fakkaatee ture.
Liiverpuul injifannoo kanaan waancaa afur bara kana keessatti hirmaataa jiru injifachuuf carraa guddaa qaba.
Bulayee Diyaa taphni jalqabee daqiiqaa sadaffaa irratti galchii jalqabaa Vilaariyaaliif lakkoofsise. Taphataan duraanii Arsenaal Firaansisi Kokuleen galchii lammaffaa lakkoofsee wal qixxaatan.
Liiverpuul boqonnaa booda fooyya'uun gahumsa isaanii duraan ittiin beekaman agarsiisan. Faabiniyoon galchii jalqabaa lakkoofsisuun dhiibbaa garee isaa irra ture salphise.
Luwis Diyaaz boqonnaa irratti jijjiiramee galuun gahumsa ol aanaa agarsiise. Garee Liiverpuul akka onnatu gochuun garee Vilaariyaal irratti dhiibbaa guddaa uume.
Galchii lammaffaas lakkoofsisuun Liiverpuul abdii guutuun xumuraaf akka darbu mirkaneesse.
Sadiyoo Maaneen galchii sadaffaa Liiverpuuliif lakkoofsisuun waggoota shan keessatti Liiverpuul akka waancaaf yeroo sadaffaaf darbu taasise.
Liiverpuul har'a kan injifatu Riyaal Maadirid ykn Maanchister Siitii keessaa tokko waliin xumura waancaaf Paarisitti gaafa Caamsaa 28, 2022 taphata.
Kilabni Ingilizii tokkoyyuu bara dorgommii tokkotti Chaampiyeens Liigii, Piriimiyeer Liigii, FA Kaappii fi Liig Kaappii gahee hin beeku.
Vilaariyaal Baayern Munikii fi Juventas mo'achuun sadarkaa kana gahus amma milkaa'uu hin dandeenye.
Tahus gahumsi agarsiisan deeggartoota isaanii fi beektota kubbaa miilaan haalaan jajameera.
Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kilooppi xumuraaf kilaba injifate kamiyyuu waliin ni taphanna jedhan. Bara 2018 xumuraaf Riyaarl Maadirid waliin taphachuun waancaa dhabuun isaanii ni yaadatama.
Mohaammad Saalaan tapha sana irratti miidhamee dirree keessaa bahee ture. Bara kana garuu yoo Riyaal Maadirid kan darbu tahe ijaa baafachuu akka barbaadu tapha kaleessaan booda dubbateera.
Liiverpuul injifannoo kanaan xumura Chaampiyeens Liigii ykn Awurooppaa Liigiif yoo gahan kanaan yeroo kudhannaffaafidha.
Chaampiyeens Liigii yeroo jaha injifatanii kan bara kanaan yeroo torbaffaaf aggaamaa jiru.
Bara kana waancaa Karabayoo Kaappii injifataniiru. Waancaa sadiif ammoo dorgommii keessa jiru.
Waancaa FA Kaappii Chelsii waliin xumuraaf gahaniiru. Piriimiyeer Liigii ammoo qabxii tokkoon qofa caalamanii jiru.














