Vilaariyaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii xumuraaf darbuuf har'a marsaa lammaffaan Liiverpuuliin morkata

Madda suuraa, Fantastista
Yargen Kilooppi Liiverpuul tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Vilaariyaal waliin har'a taasisan irratti ''cabsanii darbuuf qophaa'uu qabu'' jedhan.
Liiverpuul tapha marsaa jalqabaan galchii lamaa fi 0'n ol aantummaa qabaatus taphni kun akka itti cimuu danda'u ibseera Kilooppi.
Galchii tokko taphataan Vilaariyaal galchii isaa irratti lakkoofsisee fi galchii lamaffaa Sadiyoo Maanee lakkoofsiseen injifatus ''tapha baay'ee cimaa tahe taphachuuf qophaa'uu qabna, sababni isaas isaan haalaan nutti qophaa'uu'' jedhan Kilooppi.
Liiverpuul yeroo jahaaf Shaampiyoonaa Awurooppaa tahaniiru. Kan dhiyeenyaa ammo leenjisummaa Kilooppi jalatti kan bara 2019 mo'atanidha.
''Tapha jalqabaa isaaniif eeyyamneen ol tapha baay'ee cimaa tahe taphachuu danda'u,'' jechuun Yargen Kilooppi tapha har'aa dursuun soda qaban himaniiru.
"Yaaddoon koo maal haa hojjennu kan jedhuu fi taphicha mo'achuun darbuuf qophii tahuu qabna kan jedhudha,'' jedhan.
Garuu 1 fi 0'n dursamuu dhiisu yookiin waan kubba miilaa keessatti mudachuu danda'u hundaaf- Garuu taphicha karaa sirriin taphachuu barbaachisa jedhan.
''Kubba jalqabaa galchiitti yoo yaalan, deeggartootni lafaa ol ka'uun deeggaru, falmii tokko tokkoo ishee, deeggartootni sagalee guddaan waliin tahuu fi waan akkanaatu taha.''
Taphataan sarara duraa Divook Origiin dhukkuba irraa fayyuun deebi'eera. Taphataan sarara ittisaa Ibiraahim Koonaatee, Mohaammad Saalaa, Tiyaagoo Alkaantiraa fi Faabinoyoon tapha Niw Kaastil waliin taphachuun 1 fi 0'n injifatan irratti akka boqotaniif hin hiriirre ture.
Taphattootni kunneen har'a ja;qaba irratti ni hiriiru jedhamee eegama.
Gama biraan Roobertoo Firmiinoon garee isaa waliin gara Ispeenitti imalus miidhama miilla irraa waan qabuuf hin taphatu.
'Tapha sirrii tahe taphachuu qabna' - Emiree
Leenjisaan Vilaariyaal Unaay Emireen tapha waancaa Liigii Awurooppaa bara darbee irratti Maanchister Yuunaayitid injifachuun bara kana hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argate.
Bara kanas ramaddii isaa keessa kan turan Baayern Munikii fi Juuvantas mo'achuun darbuu danda'an.
Haa tahu malee gareen Ispeen kun Laaligaa keessatti sadarkaa torbaffaa irratti argamu. Taphootni afur osoo hafanii sadarkaa arfaffaa irra kan jiru Atileetikoo Maadiridiin qabxii sagaliin caalamaniiru.
Unaay Emireen ''tapha baayy'ee sirrii tahe taphachuu qabna,'' jedhanii ''hojii ulfaataadha, garuu taphicha irrati hojjechaa jirra. Tarii waan namni kamiyyuu gochuu hin dandeenye galmeessina taha,'' jedhe.
Itti dabaluun bakka dadhabina Liiverpuul ilaaluun irratti hojjechaa akka jiran himaniiru.
Gareen Kilooppi bara dorgommii kanatti dorgommii hunda irratti taphoota sadii irratti qofa mo'aman. Bara kana waancaa afur injifachuu akka danda'an tilmamameera.












