Bakka bu'aan taphattoota kubba miilaa bebbeekamoo Miinoo Rayoolaan ganna 54'n du'aan boqotan

Madda suuraa, Getty Images
Miinoo Raayolaa bakka bu'aa taphattoota kubba miilaa maqaa guddaa qabuu fi taphattoota gara kilaboota gurguddaatti jijjiirsisuun beekamu umurii ganna 54'n du'aan adunyaarraa boqoatan.
Rayoolaan taphattoota akka Erliingi Haalaan kan amma kilaboota gurguddaa adunyaan barbaadamaa jiru, Pool Poogbaa fi Ziilaataan Ibiraahimovich bakka bu'uun beekama.
Rayolaan pirezidaantii Fooramii Kubba Miilaa- kan bakka buutotaa fi taphattoota isaaniif dhaabbatuu tahuunis hojjetaa ture.
''Jiraachuun isaa bara baraan dhabame'' jedhan maatiin isaa ibsa baasaniin.
''Gadda dhuma hin qabne, du'a bakka bu'aa fi kunuunsaa taphattootaa dinqisisaa tahee isiniif qoodna,'' jedha ibsi maatii isaa irraa bahe.
''Miinoon hojii isaan jireenya namoota hedduu bira gaheera. Kubba miilaa ammayyaa keessattis boqonnaa haaraa barreessera.''
Dabalataan ibsichi ''Ergamni Miino Raayolaa kubba miilaa taphattootaaf mijataa gochuuf hojjechaa ture kaka'umsa wal fakkaatuun itti fufa,'' jedha.
''Nama hundaa yeroo ulfaataa kana keessatti deeggarsa keessan nutti agarsiiftanii fi nu gaafachaa turtan galateeffanna.''
Taphataa Raayolaan bakka bu'uu fi amma sarara duraa irratti dorgomaa hin qabne Haalaandi Boroshiyaa Dortimondi irraa Maanchister Siitii galuuf qarqara irra gaheera.
Raayoolaan taphatoota akka Maariyoo Baalatoolii, karra eegaa PSG ammaa Jiyaanlujii Doonaaruumaa fi sarara ittisaa Juvantas irra kan taphatu Maatis De Laayit bakka bu'uun beekamu nama falmisiisaa fi dhiibbaa guddaa uumu jedhamuun kubba milaa keessatti beekama.
Leenjistoota kubba miilaa beekamoo akka Sir Aleeksi Fergusan, Pep Gaardiyoolaa fi Yargen Kilooppi fa'aa waliinis wal dhabdee keessa galee ture.
Haa tahu malee bara darbe wal dhabdee mudate hunda irraa barumsa argacuu isaa himee ture.
Pool Poogbaan yeroo Juvantas irraa gara Maanchister Yuunaayitid gale taphaticha bakka bu'uun komishinii hanga paawondii miliyoona 41 argateera jedhama.
Waliigaltee taphattootaa gurguddoo sadii Rayolaan raawwate
1. Pool Poogbaa- Juventas irraa gara Maanchister Yuunaayitid - £89m - 2016
2. Romeluu Lukaakuu - Everteen irraa gara Maanchister Yuunaayitid - £75m - 2017
3. Matis de Laayit - Ayaaksi irraa gara Juvantas - £67.5m - 2019
Raayolaan taphattoota isaaf waliigaltee miindaa irraa eegalee mijeessuufi gatii jijjiirraan wal qabatee nama maallaqa guddaa waamuun homaa itti hin fakkaanne jedhamuun beekama.















