Waancaa Chaampiyeens Liigii: Riyaal Maadiriid duubaa ka'ee Maanchistar Siitii injifachuun xumuraaf darbe

Kaaris Benzeemaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristaanoo Roonaaldoo (450) fi Raawul (323) qofatu Beenzeemaa (322) caalaa Riyaaliif galchii hedduu lakkoofsise
    • Barreessaa, Emiliin Begliitiin
    • Gahee, BBC Sport irraa

Maanchister Siitiin dorgommii Chaampiyeens Liigii murteessaa tahe irratti osoo hin eegamiin kufaatii guddaa keessa gale, Riyaal Maadirid duubaa ka'uun injifachuun xumuraaf Liiverpuul waliin taphachuuf darbe.

Siitiin garaagarummaa galchii waliigalaa lamaan osoo dursuu daqiiqaa 90 irra gahe. Torban darbe 4 fi 3'n injifatanis Riyaad Maahireez galchii tokko lakkoofsisuun ol aantummaa Siitii dabalee ture.

Booda Roodiriigoon dirree seene. Osoo hin eegamiin galchi jalqabaa isaa kubba Benzemaan dabarseef lakkoofsise.

Kubbi kun yaalii gara galchiitti Riyaal Maadirid godhan jalqabaas turte.

Sekondii 90 booda ammas Roodiriigon kubba Maarkoo Aseensiyoon dabarseef mataan dhahee lakkoofsisuun galchii waliigalaan wal qixxeesse.

Kun sagalee istaadiyeemii Bernaaboo keessaa dura callisaa fi abdii kutannaatti deebi'ee ture gara faaruu ajaa'ibaatti deebise.

Maan Siitiin waggoota lamaaf walitti aansuun xumura waancaa Awurooppaaf geenye jedhanii yaadaa turan tasa gara kufaatii nama rifaasisuutti jijjiirame.

Gareen lamaanuu daqiiqaa 90 keessatti carraa wal mo'achuu qabu ture. Galchii sadaffaa lakkoofsisuuf Roodiriigoon kubbi yaale karra eegaan Siitii Endarsan harkaa oolche.

Fiil Fooden kubba rukuttaa peenaalitii keessatti argate irra keessa baasuun carraa Siitii dabarsuu danda'u balleesse.

Kanaaf taphichi gara yeroo dabalataatti deeme.

Beenzeemaan kubba qabatee sarara rukuttaa peenaaliitii keeessa yoo galu taphataan sarara ittisaa Maan Siitii Ruuben Diyaaz isa kuffisuun rukuttaa peenaaliitii argatan.

Beenzeemaan galchii 43ffaa isaa kan bara dorgommii kanaa lakkoofsise. Kun taphoota 43 irratti galchii 43 lakkoofsisuu isaati.

Amma carraa Peep Gaardiyoolaan qabu qabxii tokkoon caalee dursaa kan jiru waancaa Piriimiyeer Liigii qofaadha. Taphootni afur osoo hafanii Liiverpuul waliin morkii guddaa keessa jiru.

''Kubbaan miilaa hin tilmaamamu''-Gaardiyoolaa

Pep Guardiola

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pep Gaardiyoolaan tapha walakkaa xumuraa jaha mo'amu isaati, kun rikardii Joosee Mooriinoo waliin wal qixa isa taasisa.

Leenjisaan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan, ''gahumsa keenya isa ol aanaadhaan hin taphanne.

''Walakkaa xumuraa waan taheef taphattootni dhiibbaa keessa galuun waanuma jirudha. Boqonnaa dura hedduu taphachuu baannus miidhaan nurra hin geenye ture,'' jedhan.

Gaardiyoolaan ''Riyaal taphattoota hedduu akka Eder Militahoo, Vinishiyes Juuner, Roodirigoo, Beenzemaafi kaan fuulduratti dabarsuun rukuttaa peenaaliitii keessatti kubba dabarsaa turan.

''Galchii lama lakkoofsisan. Kubbi miilaa hin tilmaamamu'' jechuun dubbatan.

Leenjisaan Riyaal Maadiriid Kaarloo Anchelootiin ammoo seenaa kilabichaatu nu gargaare jedhan. Riyaal tapha Chelsii fi PSG waliin godhe irrattis duubaa ka'uun mo'atee as gahe.

Riyaal Maadirid yeroo 17 xumura waancaaf gahee yeroo 13 waancaa Chaampiyoonsi Liigii mo'ateera.

Maan Siitiin erga bara 2008 abbootiin qabeenyaa Abu Daabii kilabicha bitanii waancaa Piriimer Liigii shan mo'ataniiru.

Kilaba Awurooppaa gurguddaa keessa galchuuf kan isa gargaaru Chaampiyeens Liigiin garuu milkaa'uufii hin dandeenye.

Bara darbe Chelsiidhaan mo'amuun waancaa dhaban.

Siitiin waancaa kana hin mo'atiin turraan deeggartootni Maan Siitii maqaa Roodiriigoo bara baaraan abaaraa jiraatu. Taphataa lammii Biraazil, ol adeemaa Riyaal Maadiridiif abdii guddaa kennedha.

Riyaal Maadirid waancaa Laaliigaa bara kanaa mo'ateera.

Kaarloo Anchelootiin Everteen osoo leenjisaa jiranii bilbila halkan tokko Maadirid irraa bilbilameefiin tole jechuun gara kilaba duraan leenjisaa turaniitti deebi'an.

Amma waancaa Chaampiyeens Liigiifis Liiverpuul waliin Paaris irratti ni falmatu.

Kiristaanoo Roonaaldoo (450) fi Raawul (323) qofatu Beenzeemaa caalaa Riyaaliif galchii hedduu lakkoofsise. Beenzeemaan galchii 322 Riyaal Maadiridiif lakkoofsisuu isaati.

Paaris irrattihoo seenaa bara 2018 yeroo Liiverpuuliifi Riyaal waancaaf taphatanii Riyaal Maadirid injifate irra deebi'amamoo barana Liiverpuul waancicha harkaa baafata?

Paarisitti Caamsaa 28, 2022 kan ilaallu taha.