Diyeegoo Maaraadoonaa: Tishartiin 'harka Waaqaa' gatii akkaan jabaan gurgurame

Diyeegoo Maaraadoonaan biyyi isaa Waancaa Addunyaa 1986 akka injifattu taasise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diyeegoo Maaraadoonaan biyyi isaa Waancaa Addunyaa 1986 akka injifattu taasise

Tishartiin lammiin Arjantiinaa Diyaagoo Maaraadoonaan Waancaa Addunyaa bara 1986 irratti uffatee Ingilizii irratti lakkoofsise gatii rikoordii ta'e paawundi miiliyoona 7.1'n gurgurame.

Uffatti kuni gatii akkaan guddaa kana dura uffata ispoorteessitoota yaadachuuf gurgurame hunda caala.

Galchiin Maaraadoonaan galche 'harka Waaqaa' yookiin 'Hand of God' jedhamuun beekamti.

'Galchii jaarraa kanaa' yookiin 'goal of the century' jechuunis leellifamti.

Uffata kana caalbaasiif kan dhiheesse utubaa yookiin taphataa sarara gidduu Ingilaand Istiivi Haajidha.

Taphataan kuni waggoota 36 dura uffata Maaraadoonaa waliin erga wal jijjiiran booda ol kaa'ee ture.

Taphi seenaa qabeessa suni Meeksikootti kan taasifame ture yoo ta'u tapha hirboo-maayii (nuusa xumuraa) ture.

Erga Maaraadoonaan Sadaasa 2020'tti du'ee booda taphatichi tishartichi gabaaf kan dhihaatu miti jedhee ture.

Taatullee namoonni akka gurguru ''balbala kiyya boqonnaa malee rukutaa jiru'' jechuun ergasii ibse.

''Anaaf dogongoraafi kabaja dhabuudha. Gurgurtaaf hin dhihaatu, ani gurguruuf yaalaa hin jiru,'' jedhee ture Mudde 2020'tti.

Manni caalbaasii Sotheby jedhamu tishartii Maaraadoonaa kana gatii tilmaamerra caalaatti gurgure. Gatiin silaa tilmaamame paawundii miiliyoona 4 - 6 ture.

Kana dura uffata taphataa beezbolii Babe Ruth kan ture yoo ta'u innis dolaara miiliyoona 5.6'n gurgurame.

Akkasumas maanifestoon Olompikii inni jalqabaa, kan bara 1892 katabame, dolaara miiliyoona 8.8 (paawundii miiliyoona 7)'n gurguramee ture.

Kanaanis yaadannoo ispoortii gatii jabaan gurgurame tahee ture.

Uffati Maaraadoonaa taphataan duraanii Ingilizii ol kaa'e hammana baasa jedhamee hin eegamneyyu.

Inumaa maatiin Maaraadoonaa uffati caalbaasiif dhihaate kan Maaraadoonaan yeroo Ingilizii 2fi 1'n injifatan uffate miti jechuun yaada dhiheessanii turan.

Boodarra dhaabbati caalbaasii baase uffatichi yeroo galchiiwwan lamaan galche uffaten wal sima jedhe.

Galchiiwwan lamaan Ingilizii irratti Maaraadoonaan galche galchiiwwan haalaan ittiin beekamedha.

Galchiin isaa jalqabaafi waldhabsiisaa turte sagalee FIFA'n qophaa'een galchii jaarraa kanaa jedhamuun filatamteetti.

Waggaama sanas Jarmaniin 3fi 2'n injifachuun Waancaa Addunyaa Arjantiinaan akka argattu taasiseera Maaraadoonaan.

Maaraadoonaan taphataa beekamaafi maqaa guddoo horatan keessaa ijoodha.

Uffata Maaraadoonaa (harka Waaqaa) osoo caalbaasiin hin gurguramiin dura agarsiisaaf bal'ifamee

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Uffata Maaraadoonaa (harka Waaqaa) osoo caalbaasiin hin gurguramiin dura agarsiisaaf bal'ifamee