Diyeegoo Maaraadoonaa: Gaddi guyyoota sadiif turu Arjantiinaatti labsame

Madda suuraa, Getty Images
Qacaleewwan kubbaa miilaa bara kanaa Liyooneel Meesii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo hanga Diyeegoo Maaraadonaan dinqisiifatame danqisiifatamuu ''abjoochuuyyuu hin danda'an'' jedha, hiriyyaan Maaraadoonaa Oosii Ardiiles.
Arjantiinaan du'a goota kubbaa miilaa addunyaaf gumaachiteef guyyoota gadda biyyaalessaa sadii labsiteetti.
Guyyoota sadan kanaaf reeffii Maaraadoonaa teessoo mootummaa biyyattii Kaasaa Roosaadaa jedhamuun beekamu keessa ta'ee namni dhaqee gadda isaa akka ibsatu godhama.
''Diyaagoo Maaraadoonaa ta'uun miidhagina hin amanamneedha'' jechuun Ardiiles BBCtti himeera.
''Haata'u malee karaa biraatiin ammoo salphaa hin turre. Ijoollummaa isaatii eegalee, xiyyeeffannoo sabaa-himaalee ture. Yeroo ijoolummaa baratamaa ta'e hin qabaanne. Dardarummaan isaas akkasuma," jedha.
"Namni hunduu isa waliin ta'uu barbaada, kan amanamuun ol ulfaataadha.''
Maaraadoonaan Kilaboota akka Baarseloonaa fi Naapooliif kan taphate yoo ta'u, bara 1986'tti biyyi isaa Arjantiinaan waancaa addunyaa yeroo inijifattu tapha nuusa xumuraa Ingilaand waliin taphataniin gooliin suuta harkaan tuqee galche fi ''harka rabbii''('Hand of God') jedhamte yoomiyyuu kan hin irraanfatamneedha.
Waancaa addunyaa kan bara 1982 Maaraadonaa waliin kan taphate taphataan Tootanhaam duraanii Ardiiles, inni Arjantiinaa, Napileesi fi addunyaa guutuutti ''waaqaa'' turee jedha.
Inni goota kubbaa miilaa ta'ee yoomiyyuu yaadatamas jedheera.
''Taphataan Juveentusii fi Poortugaal Ronaaldoon ykn kan Baarseloonaa fi Arajantiinaa Meesiin dinqisiifannaa akka isaa argachuu haa hafuutii hin abjotaniyyuu'' jedheera hiriyyaan Maaraadoonaa kun.
Maaraadoonaan mana isaa magaala Boonas Ayiras bakka Tigree jedhamutti argamu keessatti kan boqote yoo ta'u reeffii isaa qorannoof gara mana yaalaa geeffameera.
Ji'uma kana keessa waldhaansa baqaqsanii yaaluu sammuu milkaahaa kan godhe Maaraadoonaan dhugaatii Alkooliitti hirkattummaa jabaa horachuu isaafis yaala hordofaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa kaleesssaa taphootni Chaampiyoonsi Liigii gaggeefaman hunduu Maaraadoonaa yaadachuuf callisa daqiiqaa tokkoon kan eegalan yoo ta'u, taphootni Awrooppaa biroon torban kana godhamaniis bifa walfakkaatuun sirna yaaddannoo gaggeessu.
Meesii fi Roonaaldoon namoota qaroo kubbaa miilaa kanaaf gadda itti dhagaahame ibsan keessaa yoo ta'an, qaroon kubbaa miilaa biroon lammii Biraaziil Peeleen ammoo ''gaafa tokko samiitti kubbaa waliin taphanna'' jedhee akka abdatu ibseera.
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan Maaraadoonaan ''Kubbaa miilaa addunyaa wayyeesse'' jedheera.
Arjantiinaa wayita deemetti baanara maxxanfamee turerratti barreefama ''lubbuu keetiin waanti hojjettu maaliyyuu yoo ta'e, Diyeegoo, wanti jireecha keenyaaf hojjettu hiika qaba''( 'No matter what you have done with your life, Diego, it matters what you do for our lives,') jedhu dubbisuu Gaardiyoolaan himeera.
Sun wanta inni nuu kenne sirriitti ibsa jechuun, nama gammachuu ta'uufi murannoon isaa kubbaa miilaa kan aja'ibsiifamu ta'uu ibseera.
Leenjisaan Tootanhaam duraanii Maawiriisiyoo Pochetiinoon ammoo ''gaddaan cabeera. Diyaagoo, gootaafii hiriyyaa koo turte. Kubbaa miilaafi jireenya si waliin dabrsuu koof abbaa carraadha'' jedhe.
Gadda deeggartoota Maaraadoonaa
Arjantiinaatti Roobii kaleessaa taphni kilaba maaraadoonaa durii Bookaa Juuniyeersii fi Kilab Intarnaasiyoonal gidduutti taphatamuuf sagantaan bahee ture yeroo biraatti darbeera.
Deeggartootni isaa Istaadiyeemii Bookaa Juuniyeers Laa Boomboneeraatti yaa'uun imammaan harcaasaa boohaniiru.
Gariin ammoo ijoollee umrii xiqqaa bara Maaraadoonaan dandeettii kubbaa miilaa isaa addaan addunyaa booji'u hin dhalanne.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Namootni hedduun lafa mana jireenyaa isaafi kilaba inni leenjisu dhaquun gadda isaanii ibsaniiru.
Buufata baaburaatti barreefamni odeeffannoo kennuuf maxxanfaman barreefama "gracias Diego"(Galatoomi Diyeegoo) jedhuun bakka buufamaniiru.
Deeggarootni biroon ammoo 'La Mano De Dios' (Harka rabbii) jechaa faarsaniiru.
Garbaafi galaanaa ce'ee Xaaliyaan magaala Naapolii keessatti istaadiyoomii kilaba isaa durii Saan Paawuloottis sirni yaadannoo gaggeefameera.
Maaraadoonaan kilaba Naapooliif si'a 188 hiriiree goolii 81 lakkoofsiseera.
Biyyaa ollaa Arjantiinaafii fi biyya kubbaa miilaati jedhamtu Biraaziilittis walmorkiin kubbaa miilaarratti qaban boodeetti jedhamee du'a qaroo kubbaa miilaa addunyaa kanaaf gaddi ibsamaa jira.
Qaroon kubbaa miilaa addunyaa lammii Biraazil Peeleen bara walfakkaataa Maaraadoonaan goota kubbaa miila ta'etti uumame. Namootni hedduun, lameen keessa goota tokko filachuun itti cima.
Maaraadoonaan maatii makaa Xaaliyaan qaburraa dhalate, ijoollummaan isaas qarqara magaala Boones Ayirasitti gadadoon kan guutame ture.















