Waancaan Afrikaa Masriin bara 2010 dhuunfatte bade

Madda suuraa, Getty Images
Waldaan Kubbaa Miilaa Masrii Wancaa Afrikaa isa sirrii biyyattiin bara 2010 injifatte dabalatee waancaawwan hedduu magaalaa Kaayiroo keessaa badan barbaadutti jira.
Waancaan kun Masriin bara 2010 marroo sadaffaaf wayita injifattu ture kan kennameef.
Jimaata darbe waldichi dhimma waancaawwan badanii irratti qorannoo eegaluu kan beeksise.
Waancaawwan kunneen baduun isaanii kan barame wayita waldaan kubbaa miilaa biyyattii waajjira isaa muummee Kaayiroo jiru haaromsee, karra gara goda-hambaa kubbaa miilaa Masrii seensisu wayita jijjiiretti ture.
Aanga'oonni waancaawwan kunneen baduu isaaniitti rifaatuu guddaa keessa galaniiru jedha ibsi waldichaa.
Waancaan Afrikaa kun eessa akka jiru ammatti wanti beekame hin jiru.
Bara 2013 erga waajjirri muummee waldaa kubbaa miilaa Masrii haleelamee booda waancaawwan kunneen kutaa kuusaa keessa kaa'amanii turan.
Waancaan kun baduun kan barame garuu tibbana wayita haaromsi waajjira taasifamedha.
Aanga'oonni bara 2013 wayita waajjirichi namoota dheekkamaniin haleelamee ture sana baduu hin oolle jedhu.
Akka seera Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatti biyyi al sadi waancaa Afrikaa injifate wancicha kan dhunfaa godhata.

Madda suuraa, Gallo Images
Gaanaan biyya yeroo jalqabaaf al sadi injifachuun bara 1978 waanchicha dhuunfatte yoo taatu, itti aantee Kaameroon yeroo sadi injifachuun bara 2000 waancicha dhuunfatte.
Biyyi tokko yoo al sadii inijfatte malee waancaa isa sirrii hin fudhattu.
Injifattee ganna lama booda waancaa isa sirrii deebistee kan fakkeeffamee tolfame fudhatti.
Waancaan inni sirriin kan isa Masriin bara 2010 dhuunfatteen wal fakkaatu Aljeeriyaa jira. Kunis sababa bara darbe Kaayirootti injifataniifi.













