Dorgommiiwwan Piriimiyeer Liigii Itoophiyaa gurguramuufi

Madda suuraa, Getty Images
Piriimiyeer Liigiin Itoophiyaa miidiyaaleen biyyaa keessaafi biyyaa alaa dorgommiiwwan liigichaa akka dabarsaniif caalbaasii baasuun isaa ibsame.
Hojii gaggeessaan Waldaa Aksiyoona Piriimeer Liigii Itoophiyaa BBC'n dubbisee Obbo Kiflee Sayifuu, waldichi dhimmoota gurguddaa lama gurgurachuu karoorfachuun caalbaasicha baasuu dubbatan.
Tokkooffan Piremiiyer liigiin Itoophiyaa dorgommiiwwan TVdhaan tamsaasuuf mirga biroodcastingi isaa gurgurachuu yaaduun akka midiyaalee biyya keessaafi kanneen idil addunyaas irratti hirmaataniif caalbaasicha basuu ibsaniiru.
Lammaffaan ammo Kubaaniyaan aksiyoona Liigii Itoophiyaa maqaa ittiiin waamamu gurgurachuuf caalbaasii baasuu Obbo Kifleen dubbataniiru.
Waldichi gareewwan 16 kan piriimiiyer liigii keessatti hirmaatan waliin kan hundeesseefi dhaabbata daldalaatiin waldaa ta'ee galmaa'u hojii gaggeessaan waldichaa kun ni dubbatu.
Piriimiyeer Liigiin Itoophiyaa sababii koronaavaayirasiitiin istaadiyeemii cufaatti kan ilaalamu yoo ta'e, akkasumas yoo qorannoon akka gaggeeffamu dirqamni kan kaa'amu ta'e, waan baasii dabalataa gaafatuf baasiiwwan kanneen haguuguuf yaadamee filmaatiiwwan kunneen kaa'amu dubbatan.
Maallaqa caalbaasii irraa argamuun gareewwan miseensa waldaa akisiyoonichaa deeggarsa mootummaa jalaa bahuun akka of danda'an taasisuuf akkasumas akka invasitimantii gareewwan ispoortii sadarkaa afriikaatti ta'ee sadarkaa Awurooppaatti taasisan keessa akka galuuf ka'umsa akka ta'uuf gochuuf jedhan.
Galiin calbaasicha irraa argamu irra caalaan gareewwan kubbaa miilaaf kan kennamu ta'u kan dubbattan Obboo Kifleen, kan hafee ammo baasii dhaabbatichi ittiin hojii gaggeessuu kan hagugamu ta'a jedhan.
Waldichi kan hundeeffamee gareewwan kubbaa miilaa deeggarsa mootummaa jalaa baasuuf kan jedhan hojii gaggeessan kun, kilaboota liigiicha keessatti hirmaatan 16 keessaa kilaboota lama qofti baasii isaanii haguuggachuuniifi deeggartoota kan qaban ta'u himan.
Gareewwan kubbaa miilaa 14 hafan ammo kilaboota magaalootaa ta'usaanii caqasuun, kilaboota kanneen galiin of dandeessisuun kaayyoo duraa waldichaati jechuun BBCtti himaniiru.
Gareewwan Primiyeer Liigii Itoophiyaa keessa jiranis rakkoolee adda addaa akka qaban kan himan itti gaafatamaan kun, sababii rakkina hoggansaatiin kan mindaan hinkanfalamneef waan jiraniif maallaqni caalbaasicha irraa argamu irra caalaan kilabootaaf akka kennamu beeksiisaniiru.
Hirmaannaa galii kan ilaalchisees sanadiin raawwachiiftuu qophaa'uun erga kilaboonni 16'n Fuulbaana keessa irratti mari'ataniin booda kan raggaasifamu ta'us dabaluun himaniiru.
Waldichi irra caalaan caalbaasicha irratti hirmaatan biyya alaarraa jedhaniii kan eegan ta'u dubbatu.
Dhaabbileen biyya keessaas caalbaasicha irratti kan hirmaatan ta'u kan dubbatan Obbo Kifleen, wayita hirmaatanittis tarree yaadaa qopheessuun haala ittiin galii argatan fi haalli qoodinsa gahee maal akka fakkaatu agarsiisuun irraa eegama jedhaniiru.
Itoophiyaatti kubbaan miilaa seenaa bara dheeraa qabaatulleen, garuu Itoophiyaa biyyoota afriikaa dorgommiin itti hingurguramne keessaa tokkodha.













