Maanchistar Siitiifi Riyaal Maadriid keessaa eenyu xumura Chaampiyoonsi Liigiif darba?

Kariim Benzeemaa

Madda suuraa, Charlotte Wilson/Offside

Xumura shaampiyoonsi Liigii Awurooppaaf darbuuf tapha marsaa lammeessoon Maanchistar Siitiin dirree ispeenitti Riyaal Maadriid waliin falmata. Waayee tapha har'aa kana maaltu jedhame?

Tapha ajaa'ibaa gareen lameen torban darbe dirree Siitii Etihaaditti agarsiisaniin booda amma Siitiin kan hanga ammaa shaampiyoonaa Awurooppaa hin taane walitti aansee yeroo lammataaf waancaaf qaqqabuuf falmata.

Bara darbe Cheelsiin 1-0 injifatamee kan waancaa dhabe torbee darbe dirree isaatti 4-3 Maadriid injifate.

Maadriid shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti seenaa guddaa kilaba qabu yoggaa ta'uu yeroo 13 saampiyoonaa ta'eera. Sanbattan irra laaligaa Ispeen injifachuunis fuula gara tapha Siitii kanaatti naanneeffateera.

Injifataan garee lamaan kanaa Caamsaa 28 Liivarpuul kan dhaqaa galaan Vilaariil 2-5 injifate waliin waancaaf falamata.

Tapha marsaa jalqabaan Siitiin 2-0 dursaa osoo jiruu Kariim Benzemaan Maadriidiif galchii tokko galchee, achii Foodeen Siitiin garaagartummaa galchii lamaan akka dursu hiree uume.

Achiis Vinishiyees goolii lammeessoo Maadiridiif galche. Beernaandoo Silvaa Siitiif goolii arfaffaa galchee garaagartummaa goolii lamaa Siitiin yoo eeggatu Benzemaan ammas rukuttaa peenaalitiin gargaagartummaa goolii tokkotti dhiphise.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa gammadoodha, kana caala gaariis hammaataas ta'uu danda'a ture jedhaniiru taphicha yoo ibsan.

Tapha kanaaf taphataan ittisaa Kayeel Wooker miidhama irraa bayyanatee deebi'uu Peep Gaardiyoolaa ibsaniiru. Jiyoo Kaanseeloonis adabbii booda deebi'eera. Istoons miidhama waan qabuuf Fernaandiinihoon bakka isaa ni bu'a jedhamee eegama.

Gama Maadriidiin ittisni Maadriid Daaviid Alabaan miidhamuus taphataan sarara gidduu Kaasemiiroon deebi'uun boqonnaa kenneefiira.

Barri kun Siitiif bara Shaamipiyoonummaa ta'aa?

Siitiin piriimiyeer Liigii Ingiliz xumura jala gahe qabxii tokkoon Liivarpuul kan amma xumuraaf darbuu beekkate dursaa jira. Yoo akkanumaan xumure baroota 11 keessatti yeroo jaha injifata, erga Gaardiyoolaan leenjisaa ta'eemmoo yeroo afraffaaf.

Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'uuf garuu ammas fiixeerra jira.

Keevin De Bruuyinaa

Madda suuraa, Getty Images

GaArdiyoolaan kan bara Baarselonaa leenjisan Maadriidiin sirriittI beekan lamaan keenyayyuu walakkaa xumuraa gahuun gaariidha jedhanii Maadriidiin kuffisuuf tapha lamaaniittuu cimuun barbaachisaa ta'uu himanii ture.

Takka takka wanna sii malu hin argattu jedhu Gaardiyoolaan.

Real Madrid Riyaal Maadriid

Madda suuraa, Anadolu Agency

Kaarloo Anchelootiin Siitii jalqabumarraa irratti galchuuf akka taphatan himan. ''Ittisaan yoo jalqabne nama 10 duubarra qabaannus Siitiin si'a 99 galchiif ni yaala,'' jedhan.

Rakkoo tarkaanfiin isaanii fiduu malu osoo hin sodaatiin adeemuun amma dura milkii waan isaaniif argamsiiseef, ammas balaa isaa osoo hin sodaatiin akka itti adeeman himaniiru. Taphattoota isaanii sarara fuuldurattis abdataniiru.

''Dirree keenya irratti ta'uun isaa hiree nuuf kenna. Akka yeroo kaanii hammaannee taphanna. Ijoollee jajjaboo fulduurarra waan qabnuuf jifachuuf hiree qabna.''

Taphataan sarara gidduu ganna 36 Moodriich ''akkaan onnanneerra jifannee dabarra. Marroo jalqabaa akka gaarii hin taphanne sanuu sadii galchinee,'' jedhe.

Kilabichi tapha kana si'a 13 kan injifate ta'uun gahee guddaa qaba. Ilaalcha keenya irratti dhiibbaa gaarii qaba. Huccuu kanaan waan feete milkeessuu akka dandeessu sitti dhagaahama,'' jedhe Moodriich.