Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eriik Teen Haag: Maanchester Yunaayitid leenjisaa haaraa muude
Maanchester Yuunaayitid leenjisaa Ayaaks kan ture Eriik Teen Haag leenjisaa haarawa gochuun muude.
Namni lammii Daach umurii ganna 52 xumura bara dorgommii kanaa irraa eegalee leenjisaa yeroo Yunaayitid ammaa Raalf Raanginiik irraa baallii fudhatee waggoota sadiif kilabicha leenjisa.
Sadaasa darbe Ole Gunaa Soshaayar irraa baallii kan fuudhe Raanginiik gorsaa ta'uun akka itti fufu himameera.
Teen Haag erga bara 2013 leenjisaan gameessi Yunaayitiid Sar Aleeks Fargusan soorama bahanii booda, leenjisaa dhaabbiin kilabichi qacare shanaffaadha.
"Leenjisaa Maanchester Yunaayitid ta'anii muudamuun kabaja guddaadha" kan jedhe Eriik, hojii guddaan akka isa eeggatu himeera.
"Seenaa kilaba guddicha kanaa fi jaalala deeggartoonni kilabichaaf qaban nan beeka. Kanaaf garee milkaa'ina isaaniif malu fiduu danda'u ijaaruuf kutannoo cimaan qaba."
Yunaayitid ammatti piriimer liigii irratti taphoonni shan osoo isa hafuu sadarkaa jahaaffaa irratti argama.
Wal-duraa duubaan sadarkaa afraffaa fi shanaffaarra kan jiran Tootanhaam fi Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii sadi qaba. Ta'us kilaboonni lamaan taphoota jahaatu isaan hafa.
Eriik ammatti leenjisaa kan jiru kilabni Daach Ayaaks liigii biyyattii dursaa jira.
Mudde bara 2017 leenjisaa Ayaaks ta'uun kan muudame Teen Haag, bara 2018-19 fi 2020-21 al lama liigii fi waancaa Daach injifataniiru.
Bara 2018-19 walakkaa xumuraa Chaampiyoons Liigii Awurooppaaf gahanillee Totanhaamiin injifatamanii milkaa'uu hin dandeenye.
Waggoota lamaafi walakkaaf Ayaaks kan leenjise Teen Haag, san dura leenjisaa garee B Baayarni Muniik ta'uun, leenjisaa Maanchester Siitii ammaa Peep Gaardiyoolaa waliin hojjetee ture.
Leenjisaan Yunaayitid duraanii Olee Gunaa Soshaayar kilabni isaa Waatfoordiin 4-1n injifatamuu booda ture kan ari'ame.
Yunaayitid erga Raanginiik Mudde sadi leenjisaa yeroo ta'ee hojii eegalee booda taphoota piriimer liigii 19 taphate keessaa 9 yoo injifatu, jaha qixxee bahe afur ammoo mo'atameera.
Chaampiyoons Liigii keessaa Atileetiikoo Madiriidiin mo'amee yoo bahu, Waancaa FA keessaa ammoo Miidilsibiraan inifatamee dorgommiin ala taa'e.
Kibxata darbe Liivarpuuliin 4-0n erga injifatamee booda tarii kilabichi taphattoota haaraa 10 barbaaduu mala jechuun Raanginiik dubbatanii turan.
Waggoota 26 Fargusan leenjisaa turan injifannoowwan 38, piriimer liigii 13, Chaampiyoons liigii 2, Waancaa FA 5, fi Waancaa Liigii afur kan injifate Yunaayitid, erga Fargusan sooroma bahanii booda piriimer liigii hin injifanne.