Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ronaaldoofi jaalalleen isaa Rodrigeez ilmi godhatan duraa du'uu beeksisan
Taphataan Maachistar Yunaayitid Kiristiyaanoo Ronaaldoofi jaalalleen isaa Jorjinaa Rodrigeez ilmi godhatan duraa darbuu beeksisan.
Ibsa maatiin baasaniin kun haalli keessa jiran ''miidhama jabaa maatii kamittuu dhagahamuudha,'' jechuun gadda ibsan.
Taphataan lammii Porchugaal, ganna 37 fi Rodrigeez, 28 ijoollee lakkuu eegaa turan.
Daa'imi dubartii lubbuun oolteetti. Dhalachuun ishee ''abdiifi gammachuun akka jiraannu cimina nuuf ta'e,'' jechuun ibsan.
''Ilma dhiiraa keenya, ati qulqulluu keenya. Yeroo hunda si jaalanna,'' jechuun barreessan.
Ibsa miidiyaa hawaasummaa gubbaa baasaniin, ''ilmi keenya dhiiraa deebi'uu isaa yoo ibsinu gadda guddaani.
''Isa dhabuu keenyatti guddaa miidhamneerra,'' jechuun ibsan.
Jaalalleewwan lamaan Rodrigeez ulfa ta'uu ishee kan ibsan baatii Onkololeessa keessa ture.
Kilabiin Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Maan Yunaayitid: ''Miidhamni kee miidhama keenya. Yeroo kanatti jaalalaafi cimina akka qabaattan hawwina,'' jechuun Tiwiitara gubbaa barreessan.
Taphataan michuu isaa Maarkar Raashford Waaqayyoon akka isaan jajjabeessu dhaame.
Pirezidantiin akkasumas daarektarri boordii kilabii isaa duraanii, Riyaal Maadrid, ''guddaa gadduu'' ibsuun jajjabina hawwan.
Maanchistar Siitii, Liids Yunaayitid fi Pirimiyeer Liigiin gadda ibsuun, jajjabina hawwuun tiwiitara gubbaa barreessaniiru.
Ronaaldoon ilma bara 2010 dhalateefi Kiristiyaanoo Juniyeer jedhamu qaba. Lakkuuwwan Ivaafi Maatewoo immoo bara 2017 dhalatan.
Kiristiyaanoon Roodirigeez irraa daa'ima dubaraa Alaanaa Maartinaa jedhamtuufi bara 2017 dhalatte qaba.