Manchistar Yunaayitid: Roonaaldoon aariin bilbila deeggaraa erga cabsee booda dhiifama gaafate

Taphataan sarara duraa Maanchistar Yunaayitid Kiristiyaanoo Roonaaldoo aariin bilbila deeggaraa kubbaa miilaa lafaan rukutee erga cabsee booda dhiifama gaafate.

Tapha piriimer liigii torbee 31ffaa Sanbata Manchistar Yuunaayitid Gudisan Paarkitti Eevartan waliin taphate irratti Yunaayitiid 1-0n injifatameera.

Ronaaldoon taphni kun xumuramee dirreedhaa yoo bahu bilbila deeggaraa tokkoo harka isaa keessaa dhahuun lafaan yoo rukutu viidiyoon waraabamee bal'inaan qoodameera.

Taphataan ganna 37 Ronaaldoon booda kara miidiyaa hawaasummaa isaa dhiifama gaafate.

"Haala ulfaataa nuti amma keessa jirru akkanaa keessatti miira ofii to'achuun salphaa miti," jedhe.

Yunaayitid injiftamuun isaa abdii afraffaa ta'ee xumuruun dorgommii shaampiyoons liigii bara dhuftuu irratti hirmaachuuf qabu jalaa balleesse.

Eevartan kan qabxii gadi aanaa qabaachuun sodaa dorgommii bara dhufuu keessaa haqamuu qabuuf ammoo injifannichi daranuu barbaachisaa ture.

"Maaliifuu, yeroo hunda kabajaa agarsiisuu qabna, obsa qabaannee dargaggoota tapha miidhagaa kana jaalataniif fakkeenya ta'uu qabna," jedhe Ronaaldoon.

"Aarii koo daangaa darbeef dhiifama gaafachuun barbaada, yoo danda'ame, mallattoo haqaa akka ta'uu fi akka nama ispoortii tokkootti, deeggaraa [bilbilli jalaa cabe] kana gara Ooldi Tiraafoordi dhufee tapha akka daawwatun affeera," jedhe.

Kilabiin Manchistar Yunaayitid wanta uumame quba akka qabuufi qorannoo poolisiitiif tumsa kan godhu ta'uu beeksiseera.

Tapha Sanbata waaree boodaa taphatame irratti Yunaayitiid boqonnaan dura yaaliiwwan goolii taasise, gooli eegaan Eevartan fashalsuu danda'eera.

Taphicha booda leenjisaan yeroo Yunaayitid Raalf Raanginiik akkaataa kanaan Yunaayitid shaampiyiins liigii bara dhufuuf darbuun "ulfaataadha" jedhan.

"Akka har'aa kanatti taphanna taanaan shaampiyoons liigii irratti taphachuun nuuf hin malu," jedhan.

Ammatti tapha 31 taphatee taphoonni 7 kan isa hafan Yunaayitid sadarkaa torbaffaarra kan jiru yoo ta'u, sadarkaa afraffaarra kan jiru Totanhaam waliin garaagarummaa qabxii jaha qaba.

Taphni tokko osoo isa hafuu sadarkaa shanaffaarra kan jiru Arsenaal waliin ammoo garaagarummaa qabxii sadii qabu. Sadarkaa 6ffaarra kan jiru Weestihaam waliin qabxiin qixa yoo ta'an gooliin wal caalu.

Yuunaayitid ammatti leenjisaa dhaabbii qacaruuf adeemsarra kan jiru yoo ta'u, kun qabxii amma kilabichi galmeessisaa jiruuf sababa ta'uu hin danda'u jedhan Raanginiik.

Dilbata har'aa taphoonni afur kan taphataman yoo ta'u sadarkaa tokkoo fi lamarra kan jiran Manchistar Siitii fi Liivarpuul dirree Siitii Etihaad irratti waliin morkatu.

Siitiin kan injifatu yoo ta'e dursummaa isaa kan cimsatu yoo ta'u, Liivarpuul yoo irra aane dursummaa yeroo dheeraaf Siitii harka ture fudhata.

Taphoota biroon Weestihaam Yunaayitid Bireentifoordi waliin, Kiristaal Paalaas Leesistar Siitii waliin, Noorwiich ammoo Barnilee waliin taphatu.