Sir Alex Ferguson: Leenjisaan duraanii Maanchister Yuunaayitidii fi Aberdeen Fergusan wantoota ittiin beekaman torba

    • Barreessaa, Iskoot Muulen
    • Gahee, BBC Isport, Iskootilaandi

Caamsaa bara 2013, kubbaa miilaa bara baraan guyyaa itti jijjiirame. Maxxansi marsariitii Maanchister Yuunaayitid irraa oduuwwanii fi dubbii ijoo miiidyaa haawwaasaa irraa qoodamuu fi adunyaa guutuu irraa namootni yaada adda addaa irratti kennan mirkaneesse.

Ergaan barraa'e gabaabduu, guutuu fi gaddisiisaa ture. ''Sir Aleeksi Fergusan soorama bahan.''

Ji'a tokkoon booda lammiin Iskootilaandi kun waancaa Piriimer Liigii 13 Oldi Tiraafoordi irratti mo'achuun, hojii leenjisummaa waggoota 39'f keessa turanitti xumura godhan.

Garuu injifannoon waancaa Aberdenii fi Maanchister Yuunaayitiditti galmeessan qofti leenjisaa cimaa Biriiteen yeroo kamiiyyuu jechhun nama bara darbe filattan kana guutummaatti hin ibsan.

BBC Iskootilaandi kabaja guyyaa dhalootaa isaa waggaa 80ffaa sababeeffachuun icciitiiwwan duuba leenjisaa kanaa jiran qindeessera.

'Qaruuraa wayinii lama qofa na afeeri'- Owen Kooyil

Leenjistootni hedduun Fergusan irraa deeggarsa akka argataa turan yaada kennaa turan. Bara 2008 yeroo gannaa keessa leenjisaan Barnilee Owen Kooyil deeggarsa barbaade...

Eeyyama leenjisummaakoo xumuraa jira ture. Dorgommii shaampiyoonshiippiif Iswiizerlaandin jira ture.

Jiim Filiitiingii fi obboleessa Aleksi Fergusan Maartiin Fergusan waliin turre. Osoo odeessinuu ''Maartiin waa na deeggari. Nama jabaa kanatti naa bilbili. Taphataa waan qabuuf nama kamiyyuu dursee itti dubbachuun barbaada,'' jedhe.

Innis bilbileefii natti kenne. ''Deeggarsa keen barbaada. Kiriis Eegilsi qabada. Inni ammoo anaaf taphataa addaa taha,'' jedheen. Innis deebisee, ''Gaafa Adoolessa 4 waan deebinuuf waan tahuu qabu goona. Waadaa siifan gala garuu sana dura akka na hin rakkisne,'' na jedhe.

Adoolessa 4 gaama sa'a 2:30 irratti bilbilaan akkas na jedhe. ''Jecha kee eegdeetta. Yeroo qophii dorgommin duraaf waan isa barbaaduuf gara Afrikaa Kibbaatti fudhadhee deemuun barbaada. Garuu deebinee dufnu yoo gara kee dhufuu barbaade kan keeti.''

Baasii waan hundaa Paawondii miliyoona tookkon walii galle. ''Hangan deebi'utti ammas akka na hin rakkisne, deebi'een qaqajeelchina,'' na jedhe.

Anis tapha isaan Afrikaa Kibbaatti taphatan hunda isaa irratti taphaticha nan ilaale. Dorgommicha irratti nama galchii baay'ee lakkoofsise hin taaneeree? Ofirraa bu'ee taphata. Taphataa kana dhabuukoti jedheen sodaadhe.

Gaafa guyyaa jalaqabaa deebi'an anis nan bilbileef. ''Bilbilakee eegaan turen jedhe.'' '' Ilmakoo, tole, dubbiin jalqaba waliigalle akkasumatti eegamee jira. Isattis himeera, yoo gara kee dhufuu barbaada tahe kunooti kan keeti,'' na jedhe.

Gaafa dorgommii shaampiyoonshippii keessaa mo'annee gara Piriimer Liigiitti guddannu ergaa naaf barreesse. ''Bara kana waan guddaa hojjette. Garuu yaadadhu gaafa tapha jalqabaaf gara dirree keessanii dhufnu wayini diimaa qaruuraa lama ofiikoofi miseensotakoof sirraan barbaada,'' na jedhe.

Akkuma jedhetti taphni jaqaba taasifne Maan Yuunaayitid waliin ture. Taphicha ni mo'anne. Taphaan boodas sa'a 1:30 kan tahu ana waliin taa'uun taphate. Nama guddaa akkasiiti inni.

Nama yeroo sana Barnileetti qunnamtii kilabaa irra hojjechaa ture Dareenitti himeen wayinii qaruuraa lama qobbaneesituu keessaa baasee fidee Fergusanii fi hojjettotni isa waliin jiran sirriitti dhuganii haala gaariin dabarsine, jedhe leenjisaan Barnilee yeroo sanaa Owen Kooyil.

'Haatikoo bilbila gurra isaa irratti cufte' - Dareen Filecher

Taphataan Maan Yuunaayitid duraanii waancaa Piriimer Liigii shanii fi Shaampiyoonsi Liigii Fergusan jalatti mu'ate waan harmee isaafi leenjisaa isaa gidduutti tahe yaadachuun dubbate.

Niw Kaastiliif mallatteessuuf fiixee irra gaheen ture. Umuriikoo ganna 12 jalqabee gara Yuunaayitid deemuu barbaada ture. Maan Yuunaayitid kilaba guddaa yeroo sanaa yoo tahu Niw Kastil ammoo kilaba guddaa lammaffaa yeroo sanaa ture. ''Namni hunduu ilaali, taphatttoota sararra gidduu isaan qaban, carraa taphaa hin argattu na jedhu ture. Niw Kastil ammoo gara qe'eettis dhiyoo jira. carraas argatta na jedhu ture,'' jedhe.

Kanaafuu Niw Kastiliif mallatteessufan yaadaa ture. Guyyaa tokko Sir Aleeksi manatti bilbile. Obboleettiinkoo kaaste. Ana akka barbaaduu fi leenjichi akka baayyee fedha godhateeru natti himte.

Yeroo sana ani ganna 15 ture. Naaf bilbilee osoo waliin dubbadhuu haatikoo dhageesse dhuftee narra butuun sekondii muraasaaf dhaggeeffattee. '' Ilmakootti lammaffaa akkasiin akka hin dubbanne'' jettee irratti bilbilicha cufte.

Maaltu tahaa jira jedheen yaade.

Ammas daqiiqaamuraas abooda bilbilli bilbilame. Sir Aleksi Fergusanidha. ''Dhiifama guddaa, Aadde Fileecher. Ilmakee baay'ee jaallanneerra. Balalii itti aanuun gara Edenbargi dhufaan jira.''

Haatikoo mana keessa ilaaluun mana hin qulqulleesine jette ilaalaa turte. ''Hin tahu garuu dhufanii si ilaaluu barbaadu,'' na jette.

Sana booda deemeen isaan arge. Murtoo guddaa fi gaariin jireenya koo keessatti murteessedha. Jireenya fi kubba miilaa koo irratti nama dhiibbaa akkasii fiduu danda'edha Fergusan jedhe Fileecher.

Xiinsamuu galagaltoo- Biilii Istaarki

Bilii Istaarki Fergusan jalatti yeroo Aberdeen leenjisaa turan taphateera.

Bara waancaa mo'anne 1985 Aberdeen ykn St Miireen keessatti jechuudha, Seeltik waliin taphannee rukuttaa peenaaliitiidhan dhabe. Taphicha Seeltik 2 fi 1'n mo'an.

Torban isaatti bakka shaakalaatti natti jechuun ''waan sun akka waancaa nu hin dhabsiifne nan amana,'' na jedhe. Waan guddaadha. Sammuukee qabatee akka ati itti yaaddu si godha.

Kaka'umsa guddaa kan siif kennu yoo tahu, galchii lakkoofsisuun barri sun anaaf adda tahuun dhumarratti waancaas injifanne.

Ai hin beeku garuu inni cimina xiinsammuu akkasii qaba.

Fergusan yeroo gargaaraa leenjisaa isaa qacares tahe yeroo taphattoota gara kilabichaatti fidu namoota kilabicha keessatti qooda qaban hunda waliin akka wla baran taasisa. Warra uffatta miiccanii jalqabee hanga hojjettoota biiroo keessatti.

Taphataa dargaggoota guddataa jiran cimina guddaa qaban ammoo gara kilabchaatti fida ykn achumaa guddisa. Haala kanaan Giigsi, Niiki Buut, Beekaam, Gaarii Neevilii fi Fiil Neevil, Iskoolsi kilabicha keessaa akka cimina isaani agarsiisan taasiseera. 'Class of 1992' jedhamuun beekamu.

'Akkam jirta ilmakoo?' - Ole Gunnar Solshaayer

Dhiyeenya leenjisummaa Maanchister Yuunaayitid irraa kan gaggeeffame Ole Gunar Soolshaayer bara 2007 miidhama irra gaheen jilbi isaa akka oppireeshinii tahu himuu sodaate, inumaa kubba miilaa irraa soorama bahuu barbaada ture.

Akkuman konkolaataakoo dhaabeen innis dhufaa jira ture. Akka na argeen ''akkam jirta ilmako?'' na jedhe.

''Gaarii miti. Ammas oppireeshinii dabalataa biraa barbaada, kana irra ammoo kubba taphachuu irraa soorama bahuun barbaada.''

Fergusanis, ''gaariidha, homaa miti ilmakoo. Yeroo tapha kubba miilaa baayyee gaarii dabarsite. Maatiin kee ittiin boonuu qabu, barri xumuraa taphatte kun baayyee gaarii ture. Taphattoota koo sarara duraa maaliif hin leenjistu? Amma gara manaatti galiitii torban muraas abooda ammoo yeroo qophooftu deebi'ii koottu,'' jedhe.

Torban sadiif nan deemeen ture. Yeroon deebi'u gara garee tokkoffaatti na dabaluun akkan Kiristaanoo Roonaaldoo, Waazaa [Wayinii Ruunii], Kaarlos Teevez leenjisu haala naa mijeesse.

Yeroo Kiristaanoo Roonaaldoo ykn Wayinii Ruuniin fa'a miilla taphattoota ittisaa jalaan dabarsuun galchii lakkoofsisan ilmakoo Nohiin ''Abbaakeetu akkasitti isaan barsiise'' jedheen itti qoosa ture.

'Akka abbaakooti' - David Beekaam

Fergusan Deevid Beekam akka Maan Yuunaayitidiif taphatu carraa kenneef...

Kana duras yeroo baay'ee dubbadheera. Leenjisaa jabaa yeroo hundumaa ani hanga ammaatti arge qofa osoo hin taane, yeroon ganna 11 tahee kilabichatti makamee hangan gadhiisee bahutti akka abbaa anaaf tahe.

Seenaa kubba miilaa keessatti leenjisaa jabaa jalqabaa akkasiin qajeelfamuu fi leenji'uukotti nan boona. Isa malee waan amma irra gahe kana irra gahuun tasumaa waan yaadamu hin turre jedhe Beekam.