Chaayinaa: Taphattootni kubbaa miilaa garee biyyaalessaa tumaa akka hin tumanne dhorkaman

Taphattoonni garee biyyaalessaa Chaayinaaf taphatan tumaa akka hin tumanne dhorkaman.

Kana malees, Chaayinaan taphattoonni duraan tumaa qaban akka ofirraa balleessan qajeelfama haaraa baafteetti.

Qaamni ispoortii biyyattii hoogganu taphattoota haaraa tumaa qaban sadarkaa biyyalessaatti fi garee dargaggootaatti dabaluun ‘’dhorkaadha’’ jedhe.

Tarkaanfichi ‘’fakkeenyummaa gaarii hawaasa keessatti uumuuf gargaara’’ jedheera.

Jifataa Zayang Linpeng dabalate taphattoonni bebbeekamoon sadarkaa biyyaalessaa muraasni tumaa ofirraa qaban akka hin mul’ifne (haguugan) kanaan dura itti himameera.

Bara 2018 irraa kaastee Chaayinaan dambiiwwan tumaan foddaa Tv irratti akka hin mul'ifamne daangeessuu cimsiteetti.

Taphattoonni qacaramanii taphatan muraasni yeroo sanarraa kaase aartii tumaa harka isaanii dhoksuuf huccuu harka dheeraa uffatu.

Bulchiinsi Ispoortii Chaayinaa ibsa baaseen taphattoonni garee biyyaaleessa tumaa qaban ‘’akka ofirraa haqanitu gorfama,’’ jedhe.

‘’Haala adda ta’een keessatti immoo garee isaanii waliin mariyachuun taphattoonni tumaa isaanii yeroo shaakalaafi dorgommiitti dhofkachu qabu,’’ jedhe.

Aadaa Chaayinaa keessatti tumaa qabaachuun qaanessaa akka ta’eetti ilaalama.

Bara durii namoota yakka dalganitu tumaa tumata jedhanii hawaasni Chaayinaa wal qabsiisu turan, ammas tumaa qabaachuu garee gurmaa’aanii Kibba Baha Eeshiyaatti yakka raawwatan wajjiin walqabsiisu.

Kana malees, saboota Chaayinaa kaan keessatti tumaa tumachuun akka mallattoo doofummaa ykn qaroomuu dhabuutti ilaalama.

Tumaa tumachuun paartii Koministii Chaayinaa biratti fudhatama gaarii hinqabu, taatullee dargaggoota biyyattii birattimmoo jaalatamaa dhufeera.

Jalqaba bara kanaatti qaamni tamsaasa miidiyaalee Chaayinaa to’atu ‘qabiyyee fayyaalessa hin taane’’ jedhurratti to’annoo akka cimsu beeksiseera.

Intarneetiifi Televizhinii irratti taphattootni fi namoonni bebbeekamoon tumaa akka hin mul’ifne fi dhiironni rifeensa mataa isaanii dubbatti akka hin hidhanne daangeeffamaniiru.

Yeroo kun ta’e argame foddaa TV irratti suurri isaanii akka dimimmisu (hin mul’anne taasifama) jedhameera.

Ji’a Mudde keessa taphattoonni rifeensa isaanii halluu dibuun akka hin danda’amne itti himamuu hordofee dorgommiin kubbaa miilaa barattoota yunvarsiitii Chaayinaa gidduutti gaggeeffamu haqameera.