Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiristaanoo Roonaaldoo: Taphataan Maan Yuunaayitidii fi Poorchugaal taphataa jalqabaa galchii 800 lakkoofsise tahe
Lakkoofsaan: Taphoota 1,097, galchiiwwan 801.
Kiristaanoo Roonaaldoon seenaa kubba miilaa keessatti taphataa jalqabaa dorgommii gurguddaa irratti galchiiwwan 800 ol lakkoofsise jalqabaa tahe.
Kamisa Arsenaal irratti galchii lama lakkoofsisuun waliigalaan galchiiwwan 801 irraan gahate. Dubbii Roonaaldoon haala taphaa leenjisaa yeroofii Yuunaayitid qacare Raalf Raangnikiif hin tahu jedhuuf galchiin isaa kaleessaa lamaan deebii sirrii deebise jedhan xiinxaltootni kubba miilaa.
Taphataan lammii Poorchugaal tahe kun ammallee ganna 36 tahee gahumsi isaa gadi hin buune.
Galchiin isaa Arsenaal irratti lakkoofsise ammoo Maan Yuunaayitidiif 130ffaa tahuu isaaiiti. Galchii shan Ispoortiingi Liisban, 450 Riyaal Maadiridiif, 101 Yuuvantas akkasumas biyya isaa Poorchugaaliif 115 lakkoofsise.
Roonaaldoon tapha kubba miilaa idil-adunyaan dhiirotaan taphataa galchii ol aanaa lakkoofsise yoo tahu, Shaampiyoonsi Liigii fi Riyaal Maadiridiif galchii lakkoofsiseenis kan isa qixxaatu hin jiru.
Dorgommii Piriimer Liigii keessatti galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii kan qabu Alan Shiirer Amaazon irratti akka dubbatetti, ''callistee teessee ilaaltee'Wow' jechuun dinqisiifachuu qabda.''
Kuni kutannoodha. Sadarkaa guddaa irra gahuun matumti isaa ulfaataadha. Inni garuu sadarkaa guddaa kanarra gahuun itti fufe. Ganama kaatee deemuu qabda. Adunyaa guutuun torban torbaniin akka gahumsaan taphattu ilaalti. Waan inni hojjete kun dinqisiisaadha.''
Mucaa biyya isaa kan tahe Buruunoo Fernaandez ''ajaa'iba, tapha irraa taphatti, waggaa irraa waggaatti fooyyessaa deemaa jira. Taphataa cimaa tahuu fedha. Kanumas hojjete. Akkatti of onnachiisu itti beeka,'' jedhe.
Roonaaldoon badhaasa Ballon d'Or yerooshan yoo injifatu Mesiin si'a 7ffaaf mo'ateera.
Peelee fi Roomaariyoon walumaagala galchiiwwan 1000 ol mata mataatti lakkoofssneerra jedhu. Garuu tapha michummaa gaggeessan irratti kan lakkoofsisan yoo hir'istu 700 taha.
Waldaan Kubba Miilaa Cheekoslovaakiyaa taphataan Yooseef Biikaan jedhamu Cheekosloovaakiyaa fi Oostiriyaaf taphachuun galchii 821 lakkoofsiseera jedha. Bakka biraatti ammoo lakkoofsi kun 805 tahuu hima. Kun garuu garee eeggataaf kan lakkoofsise, taphoota idileen alaa irrattis kan lakkoofsise dabalata.
Rgaan qabatamaa hin taane kaan kan himu Peelee galchii 769 Roomaariyoo fi Fireenki Puskaas qofa qofaatti 761 galchuun kanneen Roonaaldootti dhiyaatanidha.
Itti aanuun Liyonel Mesii yoo tahu galchii 756 lakkoofsiseera. Biyya isaa Arjentiinaaf 80, Baarseloonaaf 672, PSG'f galchii afur lakkoofsiseera.