Ronaaldoon akkuma abdatame Maanchester Yunaayitidiif bu'aa buusaa jiraa?

Kilaba isaa ganamaa keessatti maqaa gaarii horate Maanchester Yunaayitid erga deebi'ee Kiristiyaanoo Ronaaldoo ijoo dubbii ta'uu hin dhiifne. Kilaba akka sadarkaa taphataa addunyaa adda-dureerra gahuuf ka'umsa ta'eef kanatti waggootaan booda yeroo deebi'utti qe'ee Oold Tiraafoord keessatti gaaffiin dhaga'amuutti ka'e. Kiristiyaanoo Ronaaldoo rakkoo Maanchester Yunaayitidiif sababamoo faladha kan jedhudha.

Tapha kaleessa Maanchester Yunaayitid dirree isaarratti Noorwichiin simatee taphatee 3-2n mo'ate irratti Ronaaldoon goolii sadanuu lakkoofsiseera.

Kun hatirikii si'a 50ffaa Ronaaldoon tapha kilabaa irratti lakkoofsise ta'eera.

Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara itti aanu keessa galuuf kilaboonni Piriimer Liigii Ingiliiz taasisaa jiran keessatti Ronaaldoon Maan Yunaayitiditti abdiitti akka deebi'u taasiseera.

Arsenaaliifi Tootenhaam morkattoota isaaniitiin mo'amuun ammoo caalaa carraa bal'iseefiif Maacherster Yunaayitid Arsenaaliin caalee shanaffaarra ta'eera.

Ronaaldoon goolii kaleessa lakkoofsise sadan dabalatee walumaa galatti barana Piriimer Liigicha irratti gooliiwwan 15 qaqqabsiifachuun taphattoota goolii hedduu galchan keessaa sadaffaarra jira.

Taphataan umuriin isaa waggaa 37 ta'e kun ammallee taphattoota Maanchester Yunaayitid biroo caalaa goolii hedduu lakkoofsiseeraaf.

Leenjisaan Noorwichi Diin Ismiiz Ronaaldoon wanta isarraa eegamu bahachaa waan jiruuf Maanchester Yunaayitid taphataa kana akka isaaf maluun qabachuu qaba jedhe.

Tibba kana deeggartoonni Maanchester Yunaayitid mormii guddaa kan dhageessisaa jiran yoo ta'u, taphattoonni kilabichaa yeroo ammaa kunneen uffata Yunaayitid kabajamaa uffachuun kan isaaniif hin malledha jechuun mormii dhageessisaa jiru.

Kun osoo kanaan jiruu garuu taphataan buleessi lammii Poorchugaal kun garuu Oold Tiraafordiin mataa olqabachiisuu itti fufeera.

Ronaaldoon taphoota Piriimer Liigii dabran lamaan dura Tootenhaam waliin gareen isaa taphatee ture irrattis hatiriikii hojjeteera.

Ammallee gatii Ronaaldoon Maanchester Yunaayitidiif qabu guddaa akkuma ta'etti itti fufeera.

Akkuma eegamaa jiru Eriik manaajerummaa Maan Yunaayitid kan fudhatu taanaan hojiin cimaan isa eeggatu Ronaaldoon akka Oold Tiraaford keessa turuuf kontiraata isaarratti dubbachuudha jedhamaas jira.

"Kun murtoo kiyya miti. Kun murtoo manaajerri haaraa dhufuuf jiru boordii waliin ta'ee murteessudha," jedhe manaajerri yeroo Yunaayitid Raalf Raanginiik.

"Haata'u malee, tapha Tootenhaam waliin taphanneefi har'as akkuma argitan kana taphataa jijjiirama akkasii fiduu danda'u ta'uu hojjiin agarsiiseera. Kun waan akka carraa ta'e miti; seenaa keessatti taphattoota hunda caalaa goolii lakkoofsisuun rikkoordii qaba."

Leenjisaan yeroo Maanchester Yunaayitid carraa kilabiin isaa kun 1-4 keessaa tokko ta'uu gaafatamee, taphni Liiverpuul waliin torban dhufu qabaatan akkaan murteessaadha jedhe.

Liiverpuul ammoo gahumsa gaariirratti kan argamu yoo ta'u, tapha FA Cup irrattillee Maachester Siitii 3-2 mo'achuun waancaaf darbeera.