Kiristiyaanoo Ronaaldoo 'bakka kan koo ta'eetti' deebi'eera jedhe

Kiristiyaanoo Ronaaldoo 'bakka kan koo ta'eetti' deebi'eera jechuun Maanchistar Yunaayitidittti deebi'uu isaaf yaadannoon leenjisaa duraanii Aleeksi Fargusaniif haata'u jedhe.

Yunaayitid taphataa isaa duranii amma ganna 36 ta'e, mallatteesisuuf Yuuroo miiliyoona 15 Juveentusiif kaffaleera.

Roonaaldoon kilaba isaa kanatti kan deebi'e waggaa 10 booda yeroo ta'u, waggaa lamaaf waliigaltee kilabicha keessa isa tursu mallatteesseera.

Waggaa dabalataa tokkoof turuun akka filannootti kaahameera.

''Namni na beeku kamuu jaalala hin dhumne Maanchistar Yunaayitidiif akkan qabu beeka'' jechuun Inistaagiraam isaa gubbaatti qoodeera.

''Waggootni kilaba kana keessa ture dinqisiisoodha daandiin waliin imalles seenaa keessatti waraqaa warqeerratti galmeeffameeffameera'' jedhe Roonaaldoon.

Itti dabaluunis ''erga Ooldi Tiraafoorditti deebi'uun koo guutuu addunyaatti gabaafamee miira natti dhagaahamaa jiru amma ibsuu danda'uu hin jalbane'' jedhe.

Waggoota darabaniif faallaa Maanchistar Yunaayitid ta'ee yeroo taphatu jaalalaafi deeggarsa deeggartoota kilabichaarraa argachaa turuu himee amma ''Kilabichatti deebi'uun akka abjuu dhugoomeeti'' jedheera.

Injifataan badhaasa taphataa cimaa addunyaa(Ballon d'Or) yeroo shanii Roonaaldoon, ''amma asin jira qe'ee kootti deebi'eera, ammas kaanee waan addaa haa hojjennu! Sar Aleeksi kun siifi...'' jechuun Leenjisaa kilabichaa duraaniif galata dhiyeesseera.

Aleeksi Fargusa bara Roonaaldoon Maanchistar keessatti taphoota 292 taphatee goolii 118 galmeessise leenjisaa kilabichaa turan.

Kilabichatti deebi'uuf murteessuu isaa dura Ronaaldoon Fargusan waliin murtee isaa kana ilaalchisee mariyachuu hin oolan gaabasaaleen jedhan jiru.

Kanaafis kilabichi dabalataan baasii Yuuroo miiliyoona saddeet baasuu mala.

Leenjisaan Maanchistar Yunaatid Oolee Guuner Soolshaayeer ''Kiristiyaanoo ibsuuf jecha dhabda. Inni taphataa addaa qofa miti, nama gaariidhas.

''Hunda keenya dinqisiisuu isaa itti fufa kan jedhuun shakkii tokkoyyuu hin qabu, muuxannoon isaammoo taphattoota dargaggeeyyii kilabichaaf baayyee fayidaa qabeessa.''

Kilaba waan hundi itti jalabametti deebi'uun isaa miira gammachuu guddaa qabas jedhe Soolshaayer.

Ronaaldoon boqonnaa idila addunyaa piriimiyeer Liigichaan booda Fulbaana 11'tti tapha Yunaayitiid dirree isaarratti Niiwkaastil waliin taphatu irratti ni hiriira jedhamee eegama.

Huccuun kilabichaa lakkoofsi torba kan Ronaaldoon ittiin beekamu amma Edisan Kavaaniin qabamee jiraatus, taphataan lammummaa Yuraagaay qabu Kavaaniin Kiristiyaanoof kennuuf fedhii qaba.

Haata'u malee yoo haala addaan ta'e malee seerri Piriimiyeer Liigii lakkoofsa waljijjiiruun gidduu bara dorgommiitti hin hayyammu jedha.

Lakkoofsaan: Maaltu Roonaalduu taphattoota cimoo keessaa tokko isa godhe

  • Yeroo shan taphataa cimaa addunyaa(Ballon d'Or) bara 2008 maanchistar Yunaayitiid osoo jiru, bara 2013, 2014, 2016 fi 2017 Riyaal Maadriid waliin.
  • Yeroo shan chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifateera. Bara 2008'tti Maanchistar Yunaayitiid waliin , bara 2014, 2016, 2017 fi 2018'tti ammoo Riyaal Maadriid waliin.
  • Liigiiwwan biyyoota adda addaa sadii keessatti yeroo torba garee isaa waliin liigicha mo'ateera. Bara 2007, 2008, fi 2009'tti Maanchistar Yunaayitiid waliin. Bara 2012fi 2017 Riyaal Maadriid waliin. Bara 2019 fi 2020 ammoo Juveentus waliin.
  • Biyya isaa Poorchugaal waliin Waancaa Awuroooppaa bara 2016 injifateera.
  • Biyyaa fi kilaboota keessatti taphate keessatti waliigalatti injifannoowwan 32 argateera.
  • Tapha 176 taphatee goolii 134 galchuunis seenaa Chaampiyoonsi Liigii keessatti goolii galchaa adda dureedha.