Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiristiyaanoo Ronaaldoo: Taphataan Poorchugaal fi Juveentus Covid19n qabame
Taphataan kubbaa miilaa Poorchugaal fi kilaba Juveentus Kiristiyaanoo Ronaaldoo koronaavaayirasiin qabamuu isaa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Poorchugaal beeksise.
Taphataan ganna 35 kun "akka gaarii jira, mallattoo hin agarsiifne, adda of baasee jira" jedhe federeeshinichi.
Poorchugaal Liigii Biyyootaa irratti Roobii Siwiidin waliin taphatti.
Taphattoonni garee biyyaalessaa Poorchugaal hafan kan leenjisaa Fernaandoo Saantoosiin filataman vaayirasicharraa bilisa ta'aniiru.
Dilbata darbe Firaans waliin 0-0 bahuun garee ishee dursaa jirti Poorchugaal.