Meesan Giriinwuud: Taphataan Maanchistar Yunaayitid himannaa 'dirqiin gudeeduun' hidhame

Taphataan Maanchistar Yuunaayitid Meesan Giriinwuud himannaa dirqiin gudeeduu fi qoccollaa saal-qunnamtii miidiyaa hawaasaarra deemaa jiruun shakkamee to'annoo jala oolfame.

Poolisiin Gireet Maanchistar "suuraawwanii fi viidiyoowwan dubartiin tokko maxxansitee fi miidhaan irra gahuu ittiin himte" quba qabaachuu hime.

Itti dabaluunis taatee kana hordofee "himannaa dirqiin gudeeduu fi qoccollaa saal-qunnamtiin shakkamee dargaggeessi umuriin isaa ganna 20 keessa jiru to'annoo jala ooluu ni mirkaneessina" jedhe.

Taphataan lammii Ingilaand kun hanga qorannoon taasifamutti to'annoo jala tura.

Kilabni Maanchistar Yunaayitid dursee taphataan kun hanga beeksifamuutti yeroof leenjiis ta'e dorgommii irratti akka hin hirmaanne himee ture.

"Hokkora bifa kamiiyyuu hin fudhannu" kan jedhe kilabichi himannaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti taphataa isaarratti dhiyaate quba qabaatus, hanga "ragaa qabataamaan argamutti" yaada dabalataa hin kennu jedhe.

Meesan Giriinwuud himannaa miidiyaa hawaasaa kanaaf deebii hin kennine.

Taphataan ganna 20 kun yeroo duraaf Bitootessa bara 2019 Maanchistar Yunaayitidiif hiriiree taphate. Gahumsa gaarii agarsiiseen Guraandhala 2021 kilabicha waliin waliigaltee ganna afurii mallatteesse.