Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Liiverpuul Maan Yunaayitid 4-0n adabe irratti Mohaammad Saalaah goolii lama lakkoofsise
Liiverpuul kilaba Maanchester Yunaayitidiin dirree ofiiisaa, Anfiild irratti Kibxata simatee 4-0n adabuun amma Piriimer Liigii keessatti sadarkaa tokkoffaa qabateera.
Duraanuu qabxii isaaf malu dhabuudhaan abdii kutannaa keessa kan jiru Maanchester Yunaayitid seenaa keessatti garee morkataa isaa yeroo dheeraa ta'e Liiverpuuliin akka kanaatti garaa garummaa guddaan mo'amuun isaa qaanii guddaa itti ta'eera.
Liiverpuul hanga Maanchester Siitiin Roobii har'aa Biraayitan waliin taphatee yoo mo'ateef tokkoffaa isaatti deebiyutti tokkoffaarra tura.
Leenjisaan Liiverpuul, Jargan Kiloop garuu waan murteeffate fakkaata. Inniifi gareen isaa waancaan baranaa kun nu harkaa hin baatu jedhanii cichoominaan hojjechaa waan jiraniif Maanchister Siitiidhaanis osoo of duubaan hin aansiin kan taa'an hin fakkaatu.
Liiverpuuliin akkasitti mo'amuun, haala Maanchester Yunaayitid yeroo ammaa keessa jiru kan agarsiisu yoo ta'u, manaajera haaraa kilabichi muuddate Erik ten Hag, garuu hojii guddaan akka isa eeggatu agarsiisa.
Maanchester Yunaayitid sababa ilmi reefuu dhalate jalaa du'een Kiristiyaanoo Ronaaldoo malee taphateera.
Tapha Piriimer Liigii keessatti Liiverpuul Maanchester Yunaayitid irratti, bara tokko keessa yoo xiqqaate goolii saddeeti lakkoofsisuun kilaba jalaqabaa ta'eera.
Erga dhiyoo asitti osoo goolii hin lakkoofsisiin kan ture Mohaammad Saalaah tapha gareen isaa Maachester Yunaayitid mo'ate kana irratti goolii lama lakkoofsisuu danda'eera.
Maanchester Yunaayitid daqiiqaa jalaqabaa irraa kaasee walqabachuullee waan hin dandeenyeef haleellaan Liiverpuul irraa osoo addaan hin citiin bayyaannachuu isaan dhorke.
Kubbaan dirree walakkaa irraa ka'ee karra Maan Yunaayitid dhiphisaa ture hunduu taphataa Liiverpuul sarara gidduu Tiyaagoo Alkaantaaraatiin tolfamee ergamaa ture.
Tiyaagoon sarara gidduurraa akkaan kubbaa miidhagsaa ture yeroo Nabii Keetaatiin jijjiiramutti deeggartoonni Liiverpuul istaadiyoomii guutuu lafaa ol ka'anii dinqisiifannaa qabaniif agarsisaniiru.
Tiyaagoo Alkaantaaraa qofa miti, taphattoonni akka Diyaaz, Maaneefi Saalaah hunduu gahumsa gaariirra turan.
Yeroo Piriimer Liigiin sadarkaa murteessaa irra gahe kanatti Liiverpuul akkas cimuun Maanchester Siitiif hirriba dhabuudha.
Manaajera yeroofii Maan Yunaayitid Raalf Raanginiik gareen isaa akkas laafuun hedduu isa gaddisiiseera. Manaajera haaraa gareen kun qacare Teen Haag garuu hojii guddaatu isa eeggata. Leenjisaa kanaaf eessaa akka jalqabullee isa rakkisuu danda'a.