Itoophiyaan maaliif waadaa Atileet Solomoon Baaraggaaf seente raawwachuu dhabde?

Atileet Solomoon Baaraggaa Komishinii Ispoortii Federaalaan badhaasni konkolaataa ji'oota torba dura kennameef ture hanga yoonaa harkasaa akka hin seenne BBC'tti hime.

Sagantaan yeroos Masaraa Biyyaalessaatti qophaa'een konkolaataa birrii miiliyoona 3'tti siqu baastu harka Pirezidantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee akka fudhate ibsamee ture.

Solomoon Olompiki Tookiyoo 2020 irratti 10,000m'n medaaliyaa warqii waan argamsiiseef ture kan badhaafame. Warqiin biyyaaf fide warqii takkittii biyyattiin taphicharratti argattedha.

Turtii BBC waliin taasiseen ji'a torba booda konkolaataa kan inni hin fudhatiin jiru sababa hanqina sharafa maallaqa alaan ta'uu hime atileetichi.

Badhaasicha yeroos kan isaaf kenne Komishinii Ispoortii Federaalaa yoo ta'u, amma waajjirichi Ministeera Dargaggoofi Ispoortii ta'eera.

Solomoon erga fudhata jedhame ji'a torba ta'us dhaabbilee kanarraa ammallee tumsa akka hin dhabne dubbata.

''Ministeeronni wal jijjiiraniiru. Namooni dhufan haaraadha. Anis 'eessa gahe?' jedhee hin gaafanne. Dhaabbati Moenco ni galcha jedhamee ture.

''Akka natti fakkaatutti dhaabbatichi konkolaaticha galchuuf sharafa alaa argachuu hin dandeenye. Inumaa karaa ani fedhuun na tumsaa jiru,'' jechuun BBC'tti hime.

Ministir Di'eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, badhaasi atileetichaaf waadaa seename hanqina sharafa alaan hanga yoonaa isaaf hin kennamne jedhan.

Badhaasa injifannoo isaa qixxaatu erga murtaa'e booda ''konkolaataan filatame biyya keessa waan hin jirreef bajati qabamee akka dhihaatuuf murtaa'eeti sagantaan kan taasifame,'' jedhan.

Atileetichi injifatee biyyatti deebi'a qophiin jedhu hin turre. Haa ta'u malee, injifatee akkuma biyya seene badhaasi kabaja biyyaan qixxaatu taasifamuufi qaba ture.

Sababa kanaaf, modeelli konkolaataa barbaadame filatamee qophiin taasifame. Dhaabbati Moenco ''amma konkolaataa of harkaa hin qabu alaa nan fida,' jedhe.

''Sagantaa badhaasaa irratti konkolaataan mul'ate waadaa kan seenameef malee kan isaaf kenname miti,'' jechuun Ministir Di'etaan Ministeera Aadaafi Ispoortii BBC'tti himaniiru.

Dhimma kana irratti waajjira Pirezidantii Itoophiyaa irraa yaada isaanii oduu kana keessatti dabaluuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Pirezidantiin Itoophiyaa dorgomtoota Olompikiifi kaan masaraa biyyaalessaatti simachuufi gaggeessuun waan yeroo dheeraaf adeemaa turedha.

'Ani hin mufanne, hin komannes'

Atileet Solomoon Baaragaa badhaasni konkolaataa waadaa isaaf seename harka isaa seenuu dhabuus haala uumameen akka hin mufanne BBC'tti himeera.

''Haala biyyattiin keessa jirtun walqabatee sharafni alaa waan hin jirreef malee wanti biraa dhalatee miti. Kiyya xiqqoo ture malee atileetota ana dura turaniis mudateera.

''Ni harkifata. Tureeti kan isaaniif [illee] kenname,'' jechuun hime.

''Baay'ee na tumsaa jiru, hordofaa jiru. Callisaniiti Fesbuukii irratti kan odeessan. Ani komiin galche hin jiru. Yeroo biyya keessa haalli hin sirroofne kanatti konkolaataan naaf hin kennamne yeroo jedhan miti.''

Atileet Solomoon gatiin konkolaataa kennamuufiif ture itti kennamee, ofii isaatiin sharafa alaa qabuun alaatii qaraxa malee galchuuf Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin mari'ateera.

Ministeerichis tumsa gochaafi akka jiru hime.

''Qaraxa malee akkan galchuuf xalayaan Ministeerri Ispoortii barreesse yeroo ammaa Ministeera Maallaqaa jira,'' jechuun BBC'tti hime.

Haaluma wal fakkaatuun, Ambaasaaddar Masfiin Charinnat gaaffii Atileet Solomoon bu'uura godhachuun waajjirri isaanii tumsa akka jiru himan.

Kunis, qarshiin bittaa konkolaataaf oolu kennameefi sharafa alaa isaan qaraxa malee konkolaataa alaa akka galchu xalayaa Ministeera Maallaqaaf barreessuun hordofaa himmisaa akka jiran ibsan.

Atileetonni kaanoo?

ALI Sagantaa Hagayya 27, 2013 Masaraa Biyyaalessaatti qophaa'e kan qopheesse Komishinii Ispoortii Federaalaa ta'uu yeroos miidiyaaleen mootummaa biyya keessaa gabaasaniiru.

Sagantaa sana irratti atileetota Olompikii Tookiyoorratti meetii fidaniif birriin miiliyoona 1.5 yoo kennamu Nahaasa kan fidaniif badhaasni birrii miliyoona tokko akka kennamu ibsame.

Qarshiin kuni qarshii kana dura kennamaa ture mara ni caala.

Olompikii Tookiyoorratti gufachiisa 3000m'n meetii kan biyyatti fide Atileet Lammeechaa Girmaa badhaasni waadaa isaaf seename akka kennameef BBC'f mirkanesseera.

Akkasumas 5000m fi 10,000m'n meetii kan argatan Gudaaf Tsaggaayiifi Lattasanbat Giday tokko tokko isaaniif badhaasni miiliyoona tokko akka kennameef nami isaanitti dhihoo jiru BBC'f mirkanesseera.

Lafa isaaf kenname

Atileet Solomoon Baaragaa erga Olompikii Tookiyootii deebi'ee badhaasa konkolaataan ala magaalaa Walqixxeetti lafni kaare meetira 10,000 [hektaara tokko] akka kennamuuf ibsamee ture.

Kunis, sagantaa magaalaa Hawaasaa adeemsifameerratti ibsame. Haa ta'u malee, badhaasni kunis harka atileetichaa hin seenne.

''Lafichi magaalaa Walqixxeetti argama. Kaare meetira 10,000 dha. Isas bakka filataa jiru. Bilbilaan waliin haasa'aan jira. Bakka bareedaa filataa jiru.

''Gaafa xumurre siif bilbilla naan jedhaniiru, bilbila isaanii eegaan jira,'' jechuun haala irra jiru BBC'tti himeera.