Mohaammad Saalaah: ‘Jaalalan Masiriif qabu jijjiiruuf waan fedhan godhanis hin milkaa’an’

Taphataan cimaa Kilaba Liiverpuul Mohaammad Saalaah Waldaa Kubbaa Miilaa Masirii waliin dhimmoota irratti waldhaban ilaalchisee marii gara garaa taasiseera.

Keessumaa taphataa cimaa bara kanaa FIFA keessatti hin tarreeffamiin hafuun isaa biyyi isaa akka dorgomaa tokkootti akka dhiyaatuuf sagalee hin kenniifiif hafanii kan jedhu shakkuun isaa hin oolle.

Haata'u malee, leenjisaa garee biyyaalessaa warra Farahoon kan ta'e Shaawkii Gahariibiifi qeellisaan/dursaan garee kanaa Ahimad Elmohaammadii akka tarree taphataa cimaa FIFA bara kanaa keessa galuuf sagalee isaanii kennaniifiif turan.

Akka Waldaan Kubbaa Miilaa Masirii (EFA) jedhutti sagaleen lamaan isaanii Mohaammad Saalaahaaf kennan hin lakkaa'amiin hafeera.

Sagaleen tokkoo isaaniillee fuula marsariitii FIFA irratti hin dabalamiin hafeera.

Kanarraa ka'uunis Waldaan Kubbaa Miilaa Masirii (EFA) maaliif akka sagalee isaan taphtaa cimaa FIFA bara kanaatiif kennan hin lakkaa'amiin hafe irratti FIFA'n akka ibsa kennuufiif xalayaadhaan gaafatee jira.

Erga badhaasni taphataa kubbaa miilaa cimaa FIFA bara kanaa gaggeeffamee booda taphataan sarara fuula duraa Liiverpuul Mohaammad Saalaahaan fuula tiwiitera isaarraa maqaa biyya isaa, Masiriin kaaseera.

Yeroo ammaa fuula tiwiitera isaarratti kan argamu: "Taphataa kubbaa miilaa kilaba Liiverppul" kan jedhu qofaadha.

Mohaammad Saalaahaan dhimma kanarratti tiwiitera isaarratti kan maxxanse ammoo akkas jedha: "Jaalala ani Masiriif qabu jijjiiruudhaaf waan barbaadan yoo godhaniyyu, isaan hin milkaa'an."

Taphataa kilaba Baarceloonaa kan ta'e Lii'ooneel Mesii ture kan taphataa cimaa FIFA bara kanaa kan mo'ate.

Badhasa Wixata darbe galgala taasifame kanaan Mesiin taphattoota Kiristaanoo Roonaaldoofi Viirjil Vaan Jiikiin caalee mo'ate.

Mohaammad Saalaahaan taphataa garee isaa Liiverpuul Viirjil Vaan Jiikii waliinillee tarree taphattoota ciccimoo FIFA bara kanaa keessa galuu hin dandeenye.

Bara 2018 keessa, Saalaahaan badhaasa taphattoota cicimoo garee dhiiraan sadaffaa ta'ee kan filatame yommuu ta'u goolii bareedaatiin tokkoffaa ba'ee 'Puskas Award' argatee ture.

Tokkoon tokkoo biyyaa sagalee sadii qabaatu: kunis sagalee leenjisaa garee biyyaalessaa, qeellisaa/dursaa garee biyyaalessaafi bakka bu'aa miidiyaadha.

Akka Waldaan Kubbaa Miilaa Masirii (EFA) jedhetti garuu Shaawkii Gahariibiifi qeellisaan/dursaan garee kanaa Ahimad Elmohaammadii lamaanuu Saalaahaatiin filannoo tokkoffaa isaanii godhachuun sagalee kennanii turan.

The media representative Hany Danial's choices were Sadio Mane followed by Cristiano Ronaldo, with Salah in third place.

Bakka bu'aan kan miidiyaa garuu sagalee isaa tokkoffaa kan kenne Saadiyoo Maaneetiif yommuu ta'u Kiristaanoo Roonaaldoofi Saalaahaa ammoo duraafi duubaan sadarkaa lamaffaaafi sadaffaa irratti filateera.

Saalaahaan Waldaa Kubbaa Miilaa Masirii (EFA) kana waliin waldhabuun isaa kun isa jalqabaa miti.

Bara darbe Waldichi komii Saalaahaan suura isaa beeksisaaf fayyadamuu ilaalchisee dhiyeessee ture fudhachuufii didanii ture. Kanarraan kan ka'e taphachuu akka dhaabullee akeekkachiisee ture.