Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mo Salah: Siidaan taphataa collee Liivarpuul Masiriitti tolfame
Siidaan ykn bobboci rogsadee taphataa collee Liivarpuul fi Masirii Mohammad Saalaa biyyasaa keessatti mul'ate namoota hedduu miidiyaa hawaasummaarratti hawwateera.
Hojiin aartii kun fooramii dargaggoota Addunyaa Sharm al-Sheikh keessatti geggeeffamerrattidha kan inni mul'ate.
Taphataa sarara fuulduraa kana harkasaa bal'isanii wayita goolii galchu akka inni itti gammachuusaa ibsu sana fakkeessanii tolchan.
Namoonni wayita ilaalan Mo Saalaa otoo hin taane Wallisaa Leo Sayer ykn taatuu fiilmii 'Home Alone' Marv the burglar faatti akeeku.
Siidaan Saalaa siidaawwan taphattootaaf hojjetaman keessaa kan namoonni jaallachuuf rincican ta'eera.
Kaan ni jaallattaa wayita jedhamanii gaafataman mataa hooqqatu.
Danaa kana kan yeroo darbe Kiristaanoo Roonaaloof tolfamee madda qoosaa ta'e waliin wal bira qabu.
Danaa kana kan boce jorge Da Silvaa Santos, qeeqa karaa miidiyaa hawaasummaa isa mudatetti mufateera.Ifaajee kootti qoosan jechu aara.
Fooramii dargaggootaa kan danaan Saalaa irratti mul'ate Pirezidaantii Masirii Abdul Fattaa al-Siisii dabalatee namoonni kumaan lakkaawaman argamaniiru.
Erga eegalamee waggaa lama kan ta'e fooramiin dargaggootaa kun nageenyaa fi badhaadhina Masirii keessatti mirkaneessuuf jecha dargaggoota biyyaan hundeeffame.
Kalaqaan bobboca Mo Saalaa Mai Abdallaa Miidiyaa biyya Masiriitti akka himetti Saalaan dargaggootaaf fakkeenya waan ta'eef kabajasaaf jecha kka hojjete dubbateera.
Kaaba Masirii naannawa Nagrig jedhamutti kan dhalate Mohammad Saalaan biyyasaa keessatti baayee beekameera.
Tapha waancaa addunyaaf Masiriin geesserratti dandeettii addaa agarsiisuun goolii galchaa ture.
Tattaaffiisaatiin Masiriin erga bara 1990tii yeroo jalqabaaf dorgommii waancaa addunyaa bara 2018tti makamte.