Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liivarpuul Moo Saalaah poolisiitti dabarsee kenne
Taphataa sarara duraa kilaba Liivarpuul kan tahe Mooh Saalaa, kilabiinsaa viidiyoo konkolaataa osoo oofuu bilbila fayyadamuu agarsiisu erga argateen booda poolisiitti isa dabarseera.
Poolisiin Meersiisaayiid viidiyoon sun gara kutaa ilaallatutti darbuusaa ergaa tiwiitarii irratti barreesseen mirkaneesseera.
Dubbii himaan kilabichaa erga taphaticha waliin marii'anneen booda poolisii beeksifnee jedha.
Viidiyoon marsaa hawaasaa tiwiitarii irratti naanna'aa ture, taphataa waqtiii dhumaa darbetti Liivarpuuliif goolii 44 galche marii konkolaataa duuba taa'eefi deeggartoota isaan marfamee otoo inni bibila fayyadamu agarsiisa.
Dubbii himaan kilabiichaa,'' Kilabichi erga taphaticha waliin mariiyateen booda poolisiin waa'ee viidiyoo sanaafi maaliif akka waraabamuu danda'e akka beeku taasifame'' jedhu.
''Taphaticha waliin haasofneerra waan itti aanee dhufu karuma keessaa fixna.''
''Kilabiinis tahe taphatichi dhimma kana irratti kana booda waan jedhan hin qaban.''