Arsenaal Chelsiitiin 4-2n mo'achuun kilaboota afran duraa keessaa tokko ta'ee xumuruuf abdii itti hore

Sagantaan tapha Piriimer Liigii Ingiliiz Roobii Ebla 21, 2022 galgala kilaboota magaalaa Landan gurguddoo lama walitti fideera - Arsenaaliifi Chelsii.

Arsenaal qe'ee Chelsii Istaamfoord Biriij deemuun 4-2n mo'ate. Kun ammoo erga tapoota sadii walitti aansuun mo'atameen booda akka tooratti deebi'e kan agarsiise yoo ta'u, morkii cimaa sadarkaa duraa afran keessa galuun Shaampiyoonsi Liigiitti hirmaachuuf taasifamu jabeeffatus godheera.

Piriimer Liigii Ingiliiz torbanoota 32f taphatame kanaan, Arsenaal, Tootenhaam, akkasumas Maanchester Yunaayitid morkii sadarkaa afran duraa keessa galuudhaaf taasisaniin taphawwan hafan keessatti mo'annu malee duunee argamna jechaa jiru.

Arsenaal halkan edaa dirree masaanuu isaa Chelsii deemuun goolii afur lakkoofsisee lama ammoo irratti galee mirgaan galuun isaa yeroo murteessaa ta'etti injifannoo argate jedhameera.

Yeroo darbe walitti aansuun Kiristaal Paalaas, Biraayitaniifi Saawuzhaampitaniin kan mo'ame Arsenaal, eda garuu dandeettii ajaa'ibsiisaa agarsiisuun Chelsii haleelee maqaa isaa biroo 'Ze Gaaners' jedhuun maseeffamaa buleera.

Gareen Mikeel Arteettaa kun hanqinoota akka tapha walakkaatti mudhukuufi hamilee dhabuu, yeroo dhiibbaan irra gahu naasuun akka wallaaluu, akkasumas hanga dhumaatti dhiibbaa uumuu hanqachuu jedhan sirreeffachuun Chelsiif bahe.

Tokkicha kana mo'achuun hangam barbaachisaa ta'ullee gaaffiiwwan hundaaf deebii ta'uu hin danda'u. Garuu halkan kun Arsenaal manaajera isaanii Mikeel Arteettaa jalatti ammallee abdii akka qaban agarsiisedha.

Ammas taanaan galma kaawwatan milkeessuuf ittuma fufanii hojjechuu akka danda'an agarsiisuu qabu jedhameera.

Gooliin duraa taphataa sarara ittisaa Chelsii irraa butanii lakoofsifatan hangam akka Arsenaal mo'achuudhaaf akka dhimmamaa turan agarsiisteetti.

Piriimer Liigii keessatti garaa garummaa baayyina goolii qabaniin qofa Tootenhaamiin caalamee ammallee sadarkaa shanaffaarra kan jiru Arsenaal, Caamsaa dhufu Landan darbii Istaadiyeemii Emiraatis keessatti gaggeeffamuun dubbiin murtaa'uuf jirti.

Murtoon Arteettaa Emeriik Awubaamaayaang Amajji keessa Baarseloonaaf kennee osoo bakka isaa hin buusiin Aleksaander Lakaazeet qofaarratti rarra'uun waan hanqise jiraachuu agarsiisee ture.

Haata'u malee, leenjisaan kun waan qabu keessaa baasee waan milkaa'aa jiru fakkaata. Lakaazeetiin kaa'ee taphataa umuriin isaa waggaa 22 ta'e Edii Niketihaa baasuun sarara sana cimsachaa jira.

Arteetaan taphataa kana akka goolii akka lakkoofsisuuf sarara jifachuurratti akkuma bobbaaseen innis miira goolii suufuu keessa ta'uun lama lakkoofsisuu danda'eera.

Goolii lamaan yeroo lakkoofsises dadhabiinsa sarara ittisaa Chelsiitti gargaaramuun bu'aa Arsenaaliif buuseen, yeroo inni taphataa biroon jijjiirametti deeggartoonni kilabichaa lafaa ka'anii kabaja kennaniiruuf.

Amma Arsenaal carraa garee afran duraa keessaa tokko ta'ee xumuruu of harkaa qaba.

Kana milkeessuu danda'uu laata?

Waan Arsenaalumti filate irratti hundaa'a. Yoo akka taphawwan tibba dabre walitti aansuudhaan bakkaa bade ta'ee, carraa isaan milkeessuu danda'an dhiphaadha. Yoo ammoo akka Chelsii waliin taphatan kana ta'anii argaman garuu carraa guddaa ni qabaatu.

Walumaagalatti, Arsenaal ammallee kilaba bu'uura gaarii qabuufi baasee agarsiisuu danda'u ta'ee itti fufuudhaaf, ganna dhufu taphataa murteessaa Awubaamaayaangiin bakka bu'u danda'u fiduun abshaalomuu qaba.

Aaroon Raamsideel goolii eeguun taphataa cimaa dhufe ta'eera. Been Waayit fi Gaabri'el walitti qindoomanii ittisuu irratti irraa miidhagaa dhufeera. Bukaayoo Saakaa fi Emil Ismiiz Roow akkasuma Piriimer Liigii keessatti qalbii hawwachaa jiru.

Chelsiif garuu halkan edaa dirree isaa Istaamfoord Biriij irratti gaddisiisaa ture. Rakkoo kilabiin kun sarara ittisaa isaarratti qabu ammas kan ifatti mul'ise ta'eera.

Halkan edaa halkan Arsenaal ture; yeroo itti ofitti amanummaa isaa deebifatedha.