Waancaa Afrikaa 2021: Itoophiyaan taphataa cimaashee Shimallis Baqqalaa malee Kaameeruuniin morkatti

Gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa tapha keeppi Verdee waliin taphatan irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa tapha keeppi Verdee waliin taphatan irratti

Gareen biyyaalesaa Itoophiyaa Kamisa har'aa qopheessituu Waancaa Afrikaa 33ffaa bara kanaa kan taate Kaameeruun waliin taphata, Keeppi Verdeen immoo Burkinafaasoo morkatti.

Leenjisaa Wubatuu Abaatee Kaameeruun garee cimtuu taatus tapha har'aa irratti qabxii argachuuuf qophii gahaa taasifneerra jedhan.

Garee A keessatti tapha jalqabaa Keeppi verdee waliin Dilbata darbe kan taasisan Waaliyaawwan taphni eegalee daqiiqaa 12 irratti taphataa sarara ittisaa Yaareed Baayyah kaardii diimaan dhaban.

Waaliyaawwan taphicha taphatoota kudhaniin daqiiqaa 80 oliif morkatanis galchi taphataan sarara duraa Keeppi Verdee, Juuliyoo Taaveres lakkoofsiseen 1 fi 0'n mo'aman.

Leenjisaan garee biyyaalessa Itoophiyaa Wubatuu Abaataa ibsa miidiyaaf taphaan dura kennan irratti tapha har'a Kaameeruun waliin taasisaniif qophii gahaa gochuu isaanii himaniiru.

''Haala gaariin taphichaaf qophoofneerra. Kaameeruun garee cimaa muuxannoo gahaa qaban akka tahan beekna. Garuu taphicha irraa waa argachuuf qophiidha.''

Kaameeruun taphicha dirree ishee irratti deeggartoota ishee fuulduratti taphatti.

Cimina garee Kaameeruun kan amanan leenjisaa Wubatuu , ''gareen keenya tapha jalqabaan mo'amaniiru. Namni tokko taphni jalqabee osoo hin turiin kaardii diimaan bahee ture.

''Sun ammoo xiinsammuu garee keenyaa miidhee ture. Amma gahumsa qaamanis tahe xiinsammuun tapha kanaaf qophoofneerra,'' jedhan.

Garee A keessatti Kaameeruun, Burkina Faasoo, Keeppi Verdee fi Itoophiyaan argamu. Kaameeruun tapha jalqabaa ishee 2 fi 1'n Burkinfaasoo mo'atteetti.

Itoophiyaa irraa kan hafe biyyootni sadeen taphattoota hedduu liigota Awurooppaa keessa taphatan qabu.

Leenjisaa Wubatuu Abaataa waliin ibsa miidiyaaf kan kenne Mastaawot, ''Kaameeruun biyya taphataa cimaa Saamu'eel Etooti.

''Waancaa Adunyaa irrattis isaan deeggaraa turre. Tapha har'aaf garuu haalaan qophoofneerra,'' jedhe.

Saamu'eel Etoon amma Federeeshinii Kubba Miilaa Kaameeruun gaggeessa.

'Taphataan Itoophiyaa Covid-19 qabame hin jiru'

Tapha jalqabaa Itoophiyaan garee Keeppi Verdee waliin yeroo taasifte leenjisaa garee Keeppi Verdee Buubistaa fi taphattootni sagal biroo sababa koroonaavaayirasiin qabaman taphicha irratti hin hirmaanne.

Gama garee Itoophiyaan leenjisaa Wubatuu Abaataa taphataanis tahe miseensi garee isaanii tokkollee koroonaavaayirasiin akka hin qabamne himan.

Sarara gidduu irratti cimina guddaan taphachuun kan beekamu Shimallis Baqqalaa miidhama isa mudateen tapha Kaameeruun waliin godhamu irratti akka hin hirmaanne Wubatuu Abaataa himaniiru.

Shimallis tapha jalqabaa Keeppi Verdee waliin taphatame irrattis hin hirmaanne turre.

Shimallis Baqqalaa taphattoota Itoophiyaa muraasa kilaba biyya alaaf taphatan keessaa tokko yoo tahu kilaba biyya Masiriif taphataa ture. Tapha har'aaf garuu dhaqqabuu hin dandeenye.

Itoophiyaan tapha har'aa irraa qabxii hin argattu taanaan garee ishee keessaa darbuu ni rakkatti.

Leenjisaa Wubetuu tapha duraa galchii hedduun kan mo'ate akka hin jirre yaadachiisanii daqiiqaa 80 ol taphattoota kudhaniin morkatanii garaagarummaa qabxii xiqqaan akka mo'aman himan.

Amma garee cimaa waliin morkatanis qabxii argachuuf hanga daqiiqaa dhumaatti ni morkanna jedhan.

Taphataan sarara ittisaa Yaared Baayyah balleessaa sarara rukuttaa peenaaliitii alatti Juuliyoo Taavaarse irratti hojjeteen erga viidiyoon murteessaa deeggaru [VAR] ilaalamee kaardii diimaan dirree keessaa baafame.

Wubatuun taphattootni isaanii muuxannoo VAR waan hin qabneef ammas tasa balleessaa xiqqaadhaan dirree keessaa akka hin baane sodaa akka qabanis himaniiru.

Gama Itoophiyaan Geetaanee Kabbadaa fi Abubakar Naasir taphattoota gahumsa gaarii irratti argamaniidha.

Waa'ee garee Kaameruun

Sarara duraa Kaameeruun kan dursu Viinseent Abubakar galchiiwwan lama Burkinaa Faasoo irratti lakkoofsise. Taphataan ganna 29 kun liigota Awurooppaa keessa taphachuun muuxannoo gahaa qaba.

Sarara gidduu kaameeruun irratti ammoo taphataan kilaba biyya Xaaliyaanii Naappooliif taphatu Zambo Anguwisaa cimina guddaa qabu agarsiisa jedhamee eegama.

Ayaaksi Amisterdaam keessatti gahumsa guddaa agarsiisuun ija kilaboota Awurooppaa gurguddoo kan hawwatee ture Andiree Onaanaa galchii Kaameeruun eeguun kan itti fufu taha.

Faallaa kanaa taphattootni Itoophiyaa muuxannoo kilaboota biyyoota alaa gurguddoof taphachuu hin qaban. Itoophiyaan ramaddii cimaa kana keessaa darbuuf falmii cimaa gochuutu eegama.

Garee A kana keessaa Kaameeruuni fi Keeppi Verdeen qabxii sadi sadii argachuun dursaa jiru.