Waancaa Afrikaa 2021: Tapha Maaliin Tuniziyaa itti mooteen murteessaan dursee tapha dhaabe ijoo dubbii ta'e

Mondeer Kebaayer

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Tuniziyaa Mondher Kebaier osoo taphni hin xumuramiin taphi yeroo dhaabatu komii dhageessisan
    • Barreessaa, Roob Istiivansiin
    • Gahee, BBC Sport Africa

Tapha Waancaa Afrikaarra murteessaan osoo yeroon hin xumuramiin firimbii (fiishkaa) afuufe irratti Maaliin Tuniziyaatiin 1fi 0'n mo'atte.

Taphoonni Waancaa Afrikaa gaafa Dilbataa eegalan adeemsifamaa jiru.

Erga murteessaan yeroo malee tapha dhaabe booda leenjisaan Tuniziyaa Mondheer Kebayeriifi kan isaan waliin dalagan dirree seenuun murteessaa Jaani Sikaaziweetti komii dhageessisaniiru.

Taphni xumuramee ibsi miidiyaalee erga eegalee boodammoo qopheessitoonni dorgommichaa taphni irra deebiin eegalee daqiiqaan hafe akka taphatamu ajajan.

Haa ta'u malee, yeroo kanatti gareen Tuniziyaan dirreetti hin deebine. Sababa kanaaf, Maaliin garee injifataadha jedhamuun labsame.

Maaltu ta'e?

Murteessaan kubbaa miilaa lammii Zaambiyaa Sikaazwee osoo taphni xumuramuuf daqiiqaan shan hafuuti xumuramuu ibsuun kan firimbii afuufan.

Boqonnaa booda murteessaan viidiyoo ilaalaa murteessaa dirree keessaa gargaaruuf akkasumas bishaan dhuguuf daqiiqaa muraasaaf taphni dhaabatee ture.

Gaafa daqiiqaa 90 ta'e murteessaan taphni xumuramuu labse. Kunis, yeroo qisaasa'eef osoo homaa hin dabaliini.

Yeroo kanatti leenjisaan Tuniziyaafi gargaartonni isaanii dirree seenuun mufii isaanii murteessaafi gargaartota isaaniirratti ibsan.

Sa'aatii isaaniitti quba qabaa sa'aatiin dabalataa akka hin kenname yaadachiisuu yaalan.

Eegasii yeroo murteessitoonni dirreedhaa bahan humnoonni nageenyaa murteessitoota akka gaggeessan ta'e.

Yoona kana taphattoonni Maalii deeggartoota isaanii fuulduratti gammachuu ibsaa turan. Garuu atakaaroon achitti hin dhaabanne.

Dqiiqaa 20 ol erga turee booda taphattoonni Maalii daqiiqaa hafte taphachuuf dirreetti deebi'an.

Ta'us taphattoonni Tuniziyaa as bahu waan dhabaniif injifataa akka ta'an labsame.

Ibraahimaa Konee penaalitiin Maaliif galche

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ibraahimaa Konee penaalitiin Maaliif galche

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa akkamiin akka taphni dursee xumurame deebii kennuu qaba.

Galchii Maaliin itti injifatte penaalitii daqiiqaa 48ffaarratti argame Ibraahimaa Koneen galcheen lakka'ame.

Haa ta'u malee, daqiiqaa 77ffaarratti jarri Tuniziyaa penaaliitii argatanii turani. Garuu kubbaa Wahbii Kaazrii rukute karra eegaan Tuniziyaa Ibraahiim Munkoroo deebisuu danda'eera.

Gama kaaniin taphataan Maalii jijjiiramee seene El Bilaal Tuure sababa komee ittisaa Tuniziyaa Daayilaan Biroon qabateef daqiiqaa 87ffaarratti kaardii diimaan dirree keessaa baheera.

Biyyi Lixa Afrikaa Maaliin gulaallii Waancaa Addunyaarratti mo'amuu dhabuun ga'umsa agarsiisteetti.

Ta'us, tapha har'aa irratti qabxii caalaa ijoo dubbii kan ta'e murtee murteessaan raawwatedha.