Waancaa Afrikaa 2021: Sababa Covid osoomallee taphattoonni 11 hafan taphni hin haqamu jedhame

Dursaa taphataa Masrii Mohaammad Saalaah leenjiirra

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jifataan Livarpuul Mohaammad Saalah (bitaa) garee D keessatti garee Masriif dursaa taphataa ta'un Waancaa Afrikaa irratti hirmaata

Biyyoonni weerara Covid'n rakkataa jiran taphattoota qaban keessaa osoomallee 11 hafanii taphni suni hin haqamu jedhame.

Qajeelfamni Konfedereeshinin Kubbaa Miilaa Afrikaa (Caf) haaraa bahe akka jedhetti osoo taphattoota 11 keessaa karri eegaanillee dhibe taphichi inuma taphatama.

Biyyi sagantaa baherratti argamtee taphatuu dhabde garee ishii morkatuuf galchiin 2fi qabxiin sadii ni kennama jedhameera.

Qajeelfamni kuni taphichi Dilbata har'aa eegaluu isaan dura biyyoonni taphattoonni isaanii Covid-19'n qabamuu erga ibsanii booda bahe.

Akka murtee ''addaatti'' koreen dorgommicha qopheessu ''murtee madaalawaa ni fudhata,'' jedheera Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa.

Gaafa Jimaataa Masriin imala gara biyya dorgommicha qopheessitu Kaameroonitti taasistu tursiteetti. Kaampii leenjiitti koronaavaayirasiin namni qabame waan argameef leenjiin haqameera.

Jarri Fara'oon biyya kamuu caalaa Waancaa Afrikaa si'a torba fudhatan kuni gaafa Sambataa gara Kaameroon imalaniru.

Jifataan Arsenaal Piyere-Emeriik Obamiyaang taphattoota Gaabon lama gaafa Kamisaa koronaavaayirasiin irratti argame keessaa tokkodha.

Giiniinis taphattoota ishee sadii bakka leenjii Ruwaandaatti dhiistee deemte.

Torban darbe garee Itoophiyaa waliin ramadamte Keep Verdeefi biyyi yeroo jalqabaa Waancaa Afrikaarratti hirmaattu Gaambiyaa keessatti taphattoonni Covid qabaman argamaniiru.

Tuniziyaanis kaampii walmorkii dura qophaa'e keessa namni Covid qabame argamuu ibsiteetti.

Garee Itoophiyaa dursee gara Kaameroon imale keessa taphataan koronaavaayirasiin qabame jiraachuun isaa hin ibsamne.

Waancaan Afrikaa Dilbata har'aa tapha qopheessituu dorgommichaa Kaamerooniifi Burkinafaasoon waliin taasisaniin eegala.