Ameerikaan dizaayinii saantima doolaara tokkoo kan fuula Tiraamp qabu ibsite

Diizaayinii jalqabaa saantimaa Doolara Ameerikaa kan hanga ammaatti hin raggaasifamne,

Madda suuraa, Ministeera Maallaqaa U.S

Ameerikaan wixinee dizaayinii jalaqabaa saantima doolaara 1 kan fuulaa Pirezidaanti Doonald Tiraamp agarsiisu ifoomsite.

Akka Ministeerri Maallaqaa U.S. jimaata darbe beekisertti wixinee dizaayinii saantima doolaara 1 kun qaama qophii waggaa 250 walabummaa Ameerikaa bara 2026 kabajuuf qophaa'eti.

Fuulli saantima yaadame kan Ministeerri Maallaqaa U.S Biraandoon Biich Fuula X irratti qoodee akka mul'isutti fuula saantimaa gam tokko irratti jecha "Libarty" jedhuu suuraa fuula Tiraamp mul'isuu fi gara gadiitt "1776-2026" jedhu qaba.

Gama biraatin ammoo suuraa Tiraamp harka ol kaasee, jechoota wayita yaaliin ajjeechaa bara 2024 irratti raawwatame jalqaba afaan isaa keessaa bahe kan ''Fight, fight, fight'' jedhuu fi Alaabaan Ameerikaa duuban mul'atu ofirraa qaba.

Kana maleess gaaleewwan beekamoo maallaqa Ameerikaa irratti argaman kan akka "In God We Trust," jedhufaa of keessatti hammateera.

Biraandoon Biich suuraawwan jalqabaa kana fuula X irratti wayita maxxansan, barreeffama "kun waan dharaa miti, kunneen kunniin dizaayinoota sadarkaa wixineetti dhiyaatan malee oduu sobaa hin qabu jedhu waliin maxxansaniiru.

Ministeerri Maallaqaa kun dizaayinoonni kun ammallee sadarkaa wixinee irra akka jiran kan mirkaneesse yoo ta'u, dizaayiniin dhumaa hanga ammaatti hin mirkanoofne.

Murtiin dhumaa osoo hin kennamin dura qorannoon seeraa fi teeknikaa gadi fageenya qabu akka taasifaman hubachiiseera.

Falmii Seeraa Dizaayinii irratti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirojektiin kun seera bara 2020 Kongireesiin Ministirri Maallaqaa bara 2026tti waggaa 250ffaa walabummaa Ameerikaa yaadachuuf saantima yaadannoo akka baafatu hayyama kennuu irra wixinee dhiyaate ta'uutu eerame.

Seerichi saantima yaadannoo "mataa ykn suuraa nama kamiyyuu, lubbuun jiruus ta'e hin jirre, yookaan fakkii nama kamiyyuu" of keessatti qabachuu akka hin qabne tuma.

Suurawwaan namootaa akkasii mallattoo biyyoolessaaf fayyadamuun dhorkaa ta'uu ibsa.

"Diizaayiniin dhumaa saantima doolaara 1 kanaa filatamuu baatus, wixineen jalqabaa kun qormaata guddaa gidduuttillee hafuura dandamachuu saba keenyaa fi dimokiraasii calaqqisiisaa," jechuun dubbi himaan Ministeera Maallaqqaa Ameerikaa kan himan

Adeemsi maallaqa haaraa kamiyyuu baasuu sadarkaa gurmaa'insaa fi teeknikaa hedduu keessa kan darbu yoo ta'u, qophii dizaayinii jalqabaa fi koree addaa federaalaa dizaayinoota irratti yaada kennuu kan ta'e Koree Gorsaa Numismatic Advisory jedhamutti dhiyeessu irraa eegala.

Sana booda dizaayiniin kun Komishinii Aartii Ameerikaa kan gama miidhaginaa fi mallattootiin itti gaafatamummaa qabuun ilaalama. Sana boodas yaadonni kennaman dizaayiniin dhumaa akka ragga'uuf dhiyaatu.

Saantima yaadame kana ilaalchisee miidiyaa hawaasaa irratti falmiin ka'eera. Sababiin isaas seerri kun ifatti "suuraa namaa kamiyyuu, kan lubbuun jiruus ta'e hin jirree, fayyadamuu seera US bara 1866 ba'een kan dhorkamedha.

Saantima US irratti yeroo jalqabaaf Pirezidaantii duraanii Dwight D. Eisenhower kan bara 1969 du'aan boqotan kan agarsiisu yoo ta'u, bara 1971tti pirezidaantii jalqabaa saantima doolaara 1 irratti mul'ate ture.

Jimaata darbe Tiraamp wixinee dizaayinii saantima kanaa arganiiruu jedhamuun dubbi himtuun Waayit Haawus Kaarooliin Liiviitif gaaffiin miidiyaalee irraa kan dhiyaate yoo ta'u ''arguu fi dhiisuun isaa mirkanaa'aa miti, garuu akka jaallatu mirkanaa'adha'' jechuun deebisaniiru.