Tiraamp mariisistoonni marii nagaa Gaazaa murteessa ta'e hatattamaan akka jalqaban gaafatan

Madda suuraa, AP
Tiraamp mariin nagaa Gaazaa barbaachisaa ta'e jalqabuuf waan jiruuf mariisiftootni 'saffisaan tarkaanfii akka fudhatan' gaafatan
Marii nagaa al-kallattiin Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamuu Wixata kana Masriitti waan eegaluuf, giddu galeessitoonni waldhabdee Gaazaa furuuf tattaaffii taasifamu keessatti hirmaattan hundi "saffisaan tarkaanfii akka fudhattan" jedhan Tiraamp.
Mariin kun Hamas yaada nagaa Ameerikaa qabxii 20 qabu kan namoota butaman gadhiisuu fi bulchiinsa Gaazaa bulchiinsa Siivilitti dabarsuu kan dabalatu yoo ta'u, dhimmoota biroo irratti mari'achuuf walii galuu isaanii hordofee kan taasifamuudha.
Deebiin garee kanaa gaaffii murteessaa hidhannoo hiikkachuu fi gahee isaan gara fuulduraatti Gaazaa bulchuu keessatti qaban hin ibsine.
Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti mariin kun ''baay'ee milkaa'aa'' ta'uu ibsuun, ''marsaan jalqabaa torban kana xumuramuu akka qabu naaf himamee jira, namni hundis dafee tarkaanfii akka fudhatu gaafachaa jirra'' jechuun eeraniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa kun itti dabaluun ''yeroon murteessaadha ykn dhiiga guddaatu dhangala'a'' jechuun cimsanii dubbataniiru.
Kanaan dura, Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, namoonni booji'aman kun ''yeroo dhiyootti'' gadhiifamuu akka jalqaban abdii qaban ibsaniiru.
Tiraamp waa'ee karoora nagaa isaanii kun akkataa barbaadamuun fooyyeessuu irratti wayita gaafataman ''namni hundi baay'ee waan walii galeef ammatti foyyeessu nu hin barbaachisu, garuu yeroo hunda jijjiiramni tokko tokko ni jiraata'' jedhan.
Itti dabaluudhaanis, "Israa'eliif waliigaltee gaarii dha, biyyoota Arabaa guutuuf, addunyaa Musliimaa fi addunyaa maraaf waliigaltee gaarii dha, kanaaf baay'ee itti gammadneerra," jedhan.
Gama biraatiin ammoo haleellaan qilleensaa Israa'el Gaazaa keessatti itti fufeera, erga Hamaas karoora yaadameef deebii kenneen booda Tiraamp Jimaata darbe Israa'el "hatattamaan boombii akka dhaabdu" qajeelfama kennan boodallee hin dhaabbanne.
Dubbi himaan mootummaa Israa'el Shosh Bedrosian Dilbata darbe gaazexeessitootatti akka himanitti ''haleellaan boombii hanga ta'e hir'atus, yeroo ammaa dhukaasa dhaabuun hojiirra jiru hin jiru" jedhan.

Madda suuraa, AP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaasaan BBC tokko Dilbata ganama Israa'el magaalaa Kibbutiz Be'eriitti naannoo daangaa osoo jiruu dho'iinsa Gaazaa keessaa dhaga'uu fi aarri olka'ee mula'chuu arguu isaa gabaaseera.
Akka ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibsutti, sa'aatii 24 hanga walakkeessa guyyaa duratti tarkaanfii waraanaa Israa'el fudhateen namoonni dhuunfaa 65 kan biraan ajjeefamaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon michuu oduu BBC Ameerikaa CBS News jedhamutti akka himanitti, boombiin kun namootni ukkamfaman akka gadhiifaman hayyamuuf dhaabbachuu akka qabu himaniiru.
"Hanga ammaatti boombii osoo jiruu namoota butaman gadhiisuu hin dandeessu... sun dhaabbachuu qaba, jechuun Dilbata darbe dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis, ''Namoota butaman san dafnee baasuu barbaanna,'' jedhan.
Karoorri qabxii 20 qabu kun lola hatattamaan dhaabbachuu fi namoota booji'aman 48 kanneen keessaa 20 qofti lubbuun jiru jedhamee amanamu akka gadhiifaman akkasumas hidhamtootni Filisixeem hedduun mana hidha akka gadi dhiifaman waliigaltee taasisuudha
Netaaniyaahuun Dilbata darbe haasaa televijiinii irratti taasisaniin, ''guyyoota dhufan keessatti'' namoota butaman gadhiifamuu isaanii beeksisuuf abdii akka qaban ibsaniiru.
Muummichi ministeeraa ''waliigaltee bulchiinsa Tiraamp waliin taasifameen mariin guyyoota muraasaaf akka daangeffamu ifa godhaniiru''.
Netaaniyaahuun jilli Israa'el marii murteessaa ta'e kanaaf qophii ta'uu eeran
Jilli Hamaas mariisisaa olaanaa Khalil al-Hayyaan durfamu, kan ji'a darbe Kaataar Dohaatti yaaliin ajjeechaa Israa'el irratti xiyyeeffate keessaa tokko ture, Dilbata halkan Kaayiroo ni ga'a jedhamee eegama ture.
Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi ministeera haajaa alaa Kaataar Sheek Mohaammad Bin Abdulrahmaan Al Taanis ni argamu.
Mariin kun erga waraanni kun jalqabee kanneen gurguddoo ta'an keessaa tokko ta'a jedhamee kan eegamu yoo ta'u, dhumarratti furmaanni waldhabdee kanaa galma ga'uu danda'uu fi dhiisuu isaa murteessuu danda'a.















