Israa'el Kaataar haleeluusheef biyyoonni Arabaa akeekkachiisan

Muummee Ministiiraa Kaataar Mohammed bin Abdulrahman al-Thani

Madda suuraa, Getty Images

Gaggeessitoonni biyyoota Arabaa Israa'el Kaataar irratti haleellaa raawwachuufi naannichatti hariiroo uumuuf tattaaffii godhamu "yaaddoo keessa galchite" jechuun akeekkachiisuuf akka jiran Rooyitars gabaase.

Gaggeessitoonni biyyoota Islaamaa kunuunneen har'a wal-gahuun dhimma haleellaa Israa'el Kaataar irratti gaggeessiteefi haala naannichaa irratti wal-gahuun murtii ni dabarsu jedhamee eegama.

Gaggeessitoonni biyyoota kanneenii akka irratti maritaniifi murtee dabarsaniif sanada qophaa'e argadhe jechuun Rooyitars akka gabaasetti, Israa'el irratti akeekkachiisa cimaa ni dabarsu jedhamee eegama.

Israa'el qondaalota olaanoo Hamaas Kaataar keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun haleellaa qilleensarraa gaggeessuu hordofee hawaasa idiladdunyaarraa mormiin cimaan ishee mudateera.

Biyyoonni Arabaas Kaataar cinaa dhaabbachuun Israa'el balaaleffachuuf magaalaa guddoo Kaataar Dohaatti argamaniiru.

Haleellaan Israa'el Fulbaana 9 magaalaa Dohaatti gaggeessiteen miseensonni shan jalaa ajjeefamuu garuu qondaalonni olaanon lubbuun ooluu Hamaas ibsee ture.

Haleellaa kun Kaataraaifi biyyoota Musliimaa qofa osoo hin taane michuu Kaataarifi Israa'el kan taate US illee mufachiisera.

Tarkaanfiin waraanaa Israa'el Baha Giddu Galaatti fudhattu, hariiroo Israa'el biyyoota akka Yunaayitid Arab Emireetisifi biyyoota Arabaa kaan waliin tolfatteefi tolfachuuf jirtu illee yaaddoo keessa galchuutu himama.

Sanadi biyyoonni kunneen akka murtii dabarsaniif qophaa'e Israa'el duguuggaa sanyii, beelessuufi tarsiimoo lafa babal'ifannaa akka gaggeessitu ibsa jedhe Rooyitars gabaasa isaa kanaan.

"Haleellaan hamaan Israa'el Kaatar irratti raawwatte, akkasumas gochaawwan duguuggaa sanyii, sanyii balleessuu, beelessuu, ugguruu, koloneeffachuufi tarsiimoon lafa babal'ifannaa itti fuftee jiru nageenyafi waliin jireenya naannichaa balaarra buusera," jedha sanadichi.

Gaggeessitoonni biyyoota Arabaa kunneen har'a osoo wal-hin gahin dura ministiironni dhimma alaa isaanii wal-gahuun sanadicha qopheessutu gabaafame.

Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatte kan jedhu himannaan kallattii garaa garaa irraa irratti dhiyaata.

Dhiyeenya beektonni dhimma duguuggaa sanyii lakoofsan heddu ta'an Israa'el Filisxeemota irratti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun murtee dabarsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el garuu himannaa hawaasa idiladdunyaarraa irratti dhiyaatu kana ni waakkatti. Haleellaa Fulbaana 9 Kaataar irratti raawwatte ilaalchisee Beeniyaamin Netaaniyaahuu deebii kenneen, Kaataar qondaalota Hamaas simattee waan jirtuuf haleellicha raawwachuun murtee sirrii ta'uu ibse.

"Qondaalota Hamaas of keessaa baasuun seeratti dhiyeessaa, ta'uu baannan nutuu seeratti dhiyeessina," jedhe.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp haleellaan Kaataar irratti gaggeeffametti akka hin gammanne ibsuun Israa'el deebitee Kaataar irratti haleellaa akka hin gaggeessine ibse.

Gama biraan ammoo Hamaas balleessuun waanuma sirrii ta'uu dubbate.

Erga Yordaanos bara 1994tti Israa'el waliin hariiroo tolfattee as biyyoota Arabaa keessaa Israa'el wajjin walitti dhufeenya kan tolfate UAEdha. Kunis sagantaa Tiraamp beeksisee ture Abraham Accord jedhuun yoo ta'u, kaayyoon sagantichaa biyyoota Arabaafi Israa'el gidduu hariroon nagaa akka jiraatudha.

Haleellaa Israa'el Kaataar irratti raawwatte booda, hariiron Israa'elifi biyyoota kana dura ishee waliin hariiroo tolfatanii yaaddoo keessaa galuu mala sodaan jedhu jira.