Jihaadistoonni fi Islaamistoonni ajjeefamuu namicha Qur'aana gubaa tureetti gammachuu ibsatan

Jihaadistoonni fi Islaamistoonni ajjeefamuu namicha Qur'aana gubaa tureetti gammachuu ibsatan

Madda suuraa, Telegram

Namichi Siwiidiin Istookoolmi keessatti Qur'aana gubaa ture ajjeefamuu isaatti qaamoleen Jihaadistoota fi garee Islaamaa ofiin jedhan hedduun gammachuu ibsataniiru.

Rogeessi faallaa amantii ta'ee fi jibbiinsa mul'isaa ture jedhamuun himatamaa ture Salwan Momika yeroo adda addaatti Qur'aana erga gubaa turee booda dhihoo rasaasaan ajjeefamuunsaa tarkaanfii sirrii dha jechaa jiru.

Gabaasaaleen aanga'oota naannoo Wabeeffachuun ba'an akka mul'isanitti baqataan lammii Iraaq kan Siwiidiin keessa jiraachaa ture Salwam Momika osoo jibbiinsa amantii Islaamaa karaa TikTok kallattiin dabarsaa jiruu Amajjii 29 ajjeefame.

Ajjeechaa nama kanarratti raawwateen walqabatee namoonni shan to'annoo jala oolaniiru.

Momikan bara 2023 keessa Qur'aana hedduu gubuun kutaalee addunyaarratti mormii kaasisee ture.

Yeroo sanatti jihaadistoonni ibsa baasuun akka namni kun ajjeefamu waamicha dhiheessuun duula gaggeessaa turan.

Haata'u malee hanga ammaa ajjeechaa isaaf gareen yookiin namni dhuunfaa itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Wayita oduun ajjeechaa nama kanaa dhagahametti qondaalli jihaadistii jalqaba yaada kenne garee al-Qaeda Yaman (AQAP) irraati.

Gareen kun ibsa Guraandhala 2, 2025 baase keessatti ajjeechaa nama Qur'aana guberratti raawwatame deeggare, garuu ajjeechaa sanaan hidhata akka hin qabne ibse.

Ibsi kun dargaggoonni Muslimaa addunyaa mara irra jiran ''nama kabaja Qur'aana qulqulluu gadi buuse yookiin Nabiyyuu Mohammad arrabse irratti tarkaanfii walfakkaataa akka fudhatan,'' ajajeera.

Kan hojiisaa argate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga oduun ajjeechaa Salwan Momika dhagahamee as jihaadistoonni fi garee Islaamistoota ofiin jedhan karaa miidiyaalee hawaasummaa fi toora intarneetii kaanii gammachuu ibsataniiru.

Baqataan Iraaq kun yeroo baayyee deddeebi'ee Qur'aana gubuun yookiin kukkutuun hawaasa duratti mormii dhageessisaa ture.

Telegram irratti akkaawuntiin IS kan ''Mutaba'at'' jedhamu deeggartoonni IS addunyaarra jiran duula mata duree ''kaafira ajjeesuu'' jedhuun eegalame akka tumsan waamicha dhiheesseera.

Akkaawuntii kanarratti maxxansi kanaan dura miidiyaa maqaa guddaa qabu irratti ajjeechaa Salwan Momika gaafatee ture ba'eera.

Namni dhimma Sooriyaa irratti xiyyeeffachuun barreessuun beekamu Abuu Yahyaa al-Shaamii akkas jechuun barreesse.

''Ajjeechaan isaa kun kan irraa barannu haata'u. Nama amantii fi waaqeffannaa Muslimaatti qoosuuf barnoota haa ta'u.''

Barreessaan Islaamaa kan biraan Abuu Abd al-Rahmaan al-Gazzaalii haleellaa namicha Qur'aana guberratti raawwatame ''leenca Islaamaa tokkoon raawwatame,'' jechuun jaje.

Chaanaaliin Islaamaa maqaa guddaa qabu Shoun Islamiya jedhamu viidiyoo ajjeechaa Momika mul'isu Amajjii 30 maxxansee ture.

Chaanaaliin kun meediyaalee hawaasummaa hedduu irratti hordoftoota danuu qabu hunda biraan ergaa viidiyoo kana ga'e.

''Warra qoosan irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo baaneerra. Kaanis kanarraa ni baratu,'' jedha viidiyoon akkaawuntii YuoTube maamiloota (subscribers) miiliyoona 1.5 qabu irratti maxxanfame kun.

Akkaawuntiin Telegram kan jihaadistootaa gariin kanneen haleellaa Salwan Momika irratti raawwatan keessaa lama lammiilee Iraaq ta'uu odeessan.

Kaan ammoo tokko lammii Iraaq, lama yookiin ammoo sadi lammiilee Sooriyaati kan jedhanis jiru.

Garuu oduu kana madda walabaarraa mirkaneessuun hin danda'amne.

Momika dhaabsisuuf yaaliiwwan taasifaman

Gareen jihaadistootaa fi deeggartoonni isaanii duraan mormii Salwan Momika Qur'aana fi waliigalatti amantii Islaamaa irratti dhageessisaa ture irratti yaada kennaa turaniiru.

Haalli kun kan dubbii kakaasu qofa osoo hin taane lubbuu nama kanaa kan gaaga'u akka ta'etti ilaalaa turan.

Mormii Salwan Momika Waxabajjii 28, 2023 dhageessise irratti mormiin garee jihaadistootaa akkaan hammaachuu eegale.

Yeroo sana namni kun masjiida Istookhoolmi fuulduratti hawaasa duratti ba'uun Qur'aanatti abida qabsiise.

Poolisiin biyyattiis gochasaa kanarraa hin dhaabsisne. Kun ammoo daranuu dubbii hammeesse.

Kun ta'ee torbee booda IS gaazexaa torbeen qopheessu al-Naba irratti haaloo akka ba'u ibsa baase.

Gareen kun mormiin, diddaa fi lagannaan Istookoolmi keessatti gubachuu Qur'aanaa mormuun gaggeeffamu daangaasaa eeggatee itti fufa jedhee ture.

Muslimoonni hundinuu dhimma kanarratti dirqamasaanii akka ba'anis dhaameera.

Kanneen Qur'aana gubanii fi amantii Islaamaatti qoosan ''lafeesaanii bobeessaa, dhiigasaanii facaasaa'' dhaamsa jedhu dabarse gareen IS.

Deeggartoonni garee kanaa wal qindeessuun Salwan Momika akka ajjeefamuuf bal'inaan duula gaggeessaa turan.

Gareen al-Qaeda Yaman, AQAP, yeroo taateen kun mudatutti Siwiidiin mataasheerratti haleellaa yaalee ture.

Imbasiiwwan Siwiidiin fi fedhii fi dantaa biyyattii ugguruu irratti tattaffii gochaa ture.

Taatee walfakkaataan ji'a tokko dura mudate mufannaa hawaasa Muslimaa kana daran hammeessee ture.

Amajjii 2023 rogeessi garee sirna duriitti cichanii (far-right activist) Rasmas Paludan imbasii Turkii Siwidiinitti argamu fuulduratti Qur'aana gubee ture.

Paludan kabaja Salwan Momikaf qabu mul'isuuf jedhee Guraandhala 02, 2025 gochasaa kana irra deebi'eera.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.