Qur'aanni Siwiidinitti gubachuun hokkora kaase

Madda suuraa, Reuters
Siwiidin keessatti Qur’aanni gubachuu hordofee jeequmsa hamaa uumameen walqabatee namoonni sadii to’ataman.
Jeequmsi kun kan ka’e erga rogeessi farra-Islaamummaa Iraaq maqaan isaa Salwaan Moomikaa jedhamu Dilbata darbe Qur’aanatti ibidda qabsiisee booda.
Poolisiin akka beeksisetti, namoota 10 nageenya ummataa booressan magaalaa Maalmootti to'annerra jedhe.
Taatee kana hordofuun namoonni dhibbatti siqan erga walitti qabamanii booda konkolaattota hedduutti ibiddi qabate.
Obbo Momikaan Sambata waaree booda addabaabayii guddaa Varnemstorget keessatti Qur'aana tokkotti ibidda qabsiisan.
Mormii farra Islaamummaa otoo addaan hin kutiin gaggeessuurratti kanaan duras Qur’aana kabaja dhorkaa ture.
Gochi isaa kun garuu Baha-Giddugaleessaatti mufii gama dippiloomasii uumeera.
Mormitoonni taatee kanatti dheekkaman Qur’aana akka hin gubne dhaabuuf yaaluun ammoo poolisiifi isaan gidduutti waldhabdeen uume.
Poolisonnis dhagaadhaan rukutamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo Maalmo's Rosengard jedhamu kan hawaaasa godaantotaa baay'ee qabu keessatti konkolaattonni poolisii hedduun ibiddaan gubatan, kanaan duras jeequmsi biroo mudateera.
"Namoonni akkanatti walitti qabamuun miira namootaa akka kakaasu nan hubadha, garuu jeequmsaa fi jeequmsa akka Dilbata waaree booda argine kanaa obsuu hin dandeenyu," jechuun Ajajaan poolisii naannoo Maalmoo Piitra Istenkulaa miidiyaa biyya keessaatti himan.
"Jeequmsaa fi manca'iinsa Rosengarditti yeroo tokko oliif arguun baay'ee nama gaabbisiisa" jedhan.
Iskaandinaaviyaan barana gubannaa Qur'aanaa baay'ee keessummeessite.
Ji'a Waxabajjii darbe keessa Obbo Momikaan masjiida giddu galeessaa Istookoolm duratti Qur’aanatti ibidda qabsiifameera.
Yeroo sanatti Muslimoonni guyyaa jalqabaa Iid al-Adahaa ayyaaneeffataa turan.
Iid al-Adahaan akka lakkoofsa Musliimootaatti ayyaana baay'ee kabajamu keessaa tokko.
Poolisiin Siwiidin akkaataa seera bilisummaa yaadaa bu’uureeffachuun Momikaan akka mormiisaa ibsatu eeyyamef.
Boodarra taatee kun jibba kakaasuun dhimma walqabatuuf qoratamaa ture.












