Dhimma Nabii Mohaammadiin walqabatuun Indiyaatti namni tokko ajjeefamuun muddama uume

Ajjeechaan raawwatame dheekamsa kaasun Udayipuritti ibiddi qabsiifame

Madda suuraa, ANI

Bulchiinsa Kaaba Indiyaa Rajastaan jedhamu keessatti namni amantii Hinduu hordofu tokko ajjeeffamuun naannichatti muddama uume.

Namni ajjeefame kun Kaanahiya Laal yoo ta'u, huccuu hodhuun jiraata ture. Laal araddaa Udayipur jedhamtu keessatti Kibxata darbe namootni amantaa Islaamaa hordofan lama wayita gorra'anii ajjeesan viidiyoo waraabuun intaraneetiirratti maxxansan.

Namoonni ajjeechaa raawwaatan Laal yaada walfalmisiisaa qondaaltonni siyaasaa Nabii Mohaammad ilaalchisuun dubbatan deeggare jedhan.

Ajjeechaa sana hordofee mootummaan tajaajila intarneetii yeroof addaan kutuun, namoonni akka walitti hin qabamne uggureera.

Poolisiin namoota lamaan viidiyoorratti mul'ataan hidheera.

Viidiyoo waraabame kan biraa irratti ajjeechaan raawwatan boonsaa akka ta'etti kaasaa, albee mirmirsaa Ministira Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii akeekkachisaa turan.

Qondalli poolisii Rajastaan viidiyoo ajjeechaa sana ''sukanneessa argaaf hin tolle,'' jechuun miidiyaaleen akka hin tamsaasne dhorkeera.

Ministirri Rajastaan Ashok Gehlot, namoonni akka tasgabba'aan gaafatan.

Mootummaan Federaalaa Indiyaa dhaabbanni qorannoo farra-shororkeessummaa ta'ii sana akka qoratu gaafate.

Maxxansa X irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali XQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa X

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni Laal ajjeesan akka maamilaatti suuqiisaa erga seenanii booda otoo inni dheerina isaanii safaraafi jiruu haleelan.

Laal haleelamu isaan dura miidiyaa hawaasaaarratti yaada walfamisiisaa Dubbi-himtuun Paartii BJP kan turte Nupur Shaarmaa ji'a darbe dhimma Nabii Mohaammad ilaalchisuun dubbatte deeggaruun maxxansuu hin oolle jedhamee shakkama.

Haasaan Nupur Shaarmaan dubbatte Indiyaan hariiroo dippiloomasii biyyoota musliimaa waliin qabdurratti waldhabbii kaasuun mormii kaaseera.

Paartiin biyyattii bulchaa jiru BJP'n Nupur Shaarmaa miseensummaa paartichaarraa uggureera.

Haasaan walfamisiisaan sun Indiyaa keessatti mormii hamaa dhimma amantiin walqabatu kaase. Hiriirtonni dhagaa darbachuun qabeeya hawaasaa mancaasaniiru.

Kaanahiya Laal ajjeefamuu isaa torban sadiin dura miira amantii miidhuun shakkamee poolisiin hidhee akka ture 'Indian Express' gabaasera.

Erga hidharraa hiikamee booda ''lubbuu kootiif nan sodaadha'' jechuun poolisiin eegumsa akka godhuuf gaafatee ture.

Poolsiin Muslimoonni fi warri Hinduu yaa'ii nageenyaa akka ta'aan kan gaafate Laal "tarkaafiin nama kamirrattuu akka fudhatamu hin barbaadu" erga jedhee booda ta'uu poolisiin gaazexaa kanatti himeera.

Ta'ii mudate kana qondaaltoonni siyaasaa paartilee garaa garaa biyyattii keessa jiran balaaleffataniiru.

Hoggantoonni paartii biyyattii bulchaa jiru BJP muraasni ajjeecha kana magaalaa guddoo biyyattii Deelhitti hiriira bahanii balaaleffachuuf waamicha dhiyeessan.