Dubartiin Indiyaa 'ofitti heerumuuf' sagantaa qopheessuun falmii kaase

Kshama Bindu

Madda suuraa, Kshama Bindu

Biyyoota Lixaa keessatti ofitti heerumuun ykn of fuudhuun (Sologamy) waggoota dhiyoon as akkaan dabalaa dhufeera. Amma ammoo Indiyaas qaqqabeera.

Dubartii lammii Indiyaa Kashamaa Biinduu Waxabajjii 11 sirna cidhaa ofitti heerumtu bulchiinsa Gujaraat mana sagadaa magaalaa Vadodaaraa jedhamu keessatti qopheessuutti jirti.

Sagantaa cidhaa kanaaf wanti akka aadaa Hinduutti barbaachisu hunduu guutamee kan hanqatu abbaa warraa qofa. Dubartiin kun sirna cidhaa ishee erga raawwattee shirri shirrii caagulaaf bakka Goa jedhamu daawwatti jedhameera.

Biinduun Indiyaa keessatti dubartii jalqabaa ofitti heerumaa jirtu ta'uu hin ooltu.

Dubartiin ganna 24 Soshoolojii barattuufi biloogara taate kun, ''namootni baayyeen akkan namaan fudhatamuu danda'u natti himaniiru. Animmoo of fudhachuu koon itti hima,'' jetti.

Biinduun ofitti heerumuu isheetiin jireenyaa ishee of jaalachuuf dabarsitee kennuu dubbatti.

''Ofitti heerumuun ykn of fuudhuun ofiif atumti akka jirtu, jireenya si guddisu fi nama gammachuu qabdu si godhuuf waadaa raawwattu.''

Itti dabaluunis ''ofitti heerumuun eenyummaa koo adda addaa, keessumaa dadhabina koo gama ilaalchaan, qaamaanis ta'e miiraan jiru kabajee fudhachuu koo agarsiisa. Gaa'illi kun gochaa of fudhachuuti. Wantin jechuu barbaade walumaagalatti ofii koo kabajee fudhachuu, qaamaa koo bareedaa hin taaneyyuu,'' jetti.

Haati ishee BBC'tti yoo himan murtee mucaa isaanii fudhatanii eebba isaaniis akka kennaniif, gaafa cidha ishees hiriyyoota isaanii waliin akka irratti argaman himan.

Biinduun ''haati koo yeroo hundumaa waan haaraa yaadda. Hanga si gammachiisutti nuti rakkoo hin qabnu,'' naan jedhaniiru jetti.

Maatiin ishee yaada haaraa simachuuf sammuun isaanii qophaa'aa ta'uu dubbatti.

Kaardii waamichaa Biinduu

Madda suuraa, Kshama Bindu

Presentational white space

Yeroo jalqabaaf namni ofitti heerumuun ykn of fuudhuun oduu haaraa ta'ee erga dhagaahame waggaa 20 ni ta'a. Yaadichi jalqaba kan dhagaahame taatoo diraamaa dheeraa Ameerikaa Sex and the City jedhu Kaarii Biraadshoowiini.

Ergasii cidhi akkasii dhibbaan lakkaawwamu keessumaa ammoo dubartootaan raawwatamuun gabaafameera. Haala raajii jedhameen ammoo moodeeliin Biraaziil ganna 33 tokko ofitti heerumtee ji'a sadii booda of-hiikuun gabaasameera.

Kanaan walqabatees dhaabbileen wantoota cidha kanaaf barbaachisan dhiyeessan gabaa isaanii ho'isaa jiru.

Odeessaleen kanaan walqabatan hedduun garuu gurra warra Hindii hedduu hin galle. Ofitti heerumuun Biinduu dhagaahamuun dubbii ijoo ta'eera.

Ogeettiin fayyaa sammuu Dr Savita Malhotra yaadni ofitti heerumuu kun xiqqooshee adda jechuun BBC'tti himan.

''Namni hunduu ofiif jaalala qaba. Nama hunda keessa jira. Gaa'illi ammoo wanta qaama lama gidduutti raawwatuudha,'' jedhu.

Miidiyaa hawaasaa gubbaatti namootni gariin dubartii kana jajanii kaaniifis kaka'umsa taati yeroo jedhan, kaan ammoo yaaduma ofitti heerumuu ykn of fuudhu jedhu dhagahuu hin fedhan.

Bakka namni biraan cidha sana raawwatu hin jirretti yaadumti gaa'ilaa maalii? jechuun gaafatti dubartiin tiwiitara gubbaa barreessite tokko. Namni biraan ammoo Biinduun gaafatama maatii miliqaa jirti jedha.

Biinduun namoota ishee qeeqaniif deebiin qabdu ''Waanin barbaadutti heerumuun murtee kooti. Dhiira haa ta'u dubartii haa ta'u ofiikoo,'' kan jedhudha. Ofitti heerumuun sologamy akka baratamu gochuun barbaadas jetti.

''Si caala kan si jaalatu eenyu? Yoo kufte kan ol si kaasu suma.''

Presentational grey line