Mootummaan Indiyaa doozariidhaan Muslimoota biyyattii dararaa jira- Rogeeyyii

Doozariin-Bulldozers jedhamu waggoota 100 dura kan kalaqame yoo ta'u ergasii addunyaa irratti hojii ijaarsa manneenii fi daandiif oolaa jira.
Dhiheenya kana garuu mootummaan Indiyaa paartii BJP'n hoogganamu manneen fi jireenya Muslimoota biyyattii ittiin barbadeessuuf itti fayyadamaa jira.
Konkolaataan ijaarsaaf jedhamee hojjetame kun yeroo ammaa bulchiinsa Uttar Pradesh keessatti hawaasa Muslimaa lakkoofsaan muraasa ta'an dararaa jira.
Mootummaan Indiyaa manneen diigaa jiru kan namoota seeraan ala ijaaraniiti jedha, namoonni manni jalaa diigame garuu kana ni haalu.
Qeeqxonni mootummaa akka jedhanitti, tarkaanfiin manneen Muslimootaa diiguun fudhatamaa jiru ijaarsa seeraan alaan kan walqabatu osoo hin taane namoonni kunneen mootummaa waan qeeqaniif dararamaa jiru jedhan.
Indiyaa keessatti dubbiin amantii Islaamaan walqabatu erga dubbi himtuun duraanii paartii BJP Nupur Sharma ergamaa Rabbii Nabiyyuu Mohammad (SAW) arrabsuun amantichas maqaa balleessitee daran hammaate.
Haasaa dubbi himtuu kanaa mormuun hiriira ba'amerratti poolisiin biyyattii namoota hedduu hidhe, kaan ammoo mana irraa diiguu eegale.
Namoonni sababa kanaan hidhaman bakka itti hidhamanii jiranitti reebichi hamaan wayita irra ga'u viidiyoon mul'isu torbee darbe dheekkamsa kaasisee ture.
Mannee namootaa diiguun Indiyaa keessatti eegale kan Israa'el maashinoota gurguddoodhaan dachee Paalastaayin irratti gaggeessaa jirtuun kanneen walfakkeessan jiru.
Tarkaanfiin Indiyaa keessatti fudhatamaa jiru kun akkaan kan qeeqamee fi yeroo ammaa addunyaarratti mata duree oduu kan ta'aa jiruudha.
Mootummaan golgaa aangoo harkaa qabuu fayyadamuun karaa seeraan alaan manneen namootaa diiguunsaa, seera biyyattiis diigaa jiraachuusaa agarsiisa jedhu qeexonni mootummaa.
Dhimma kanarratti sochii muraasa kan agarsiisan abbootiin murtii fi abbootiin seeraa duraanii xalayaa Hoogganaa jaarmiyaa Haqaaf barreessaniin doozari fayyadamuun diigumsa raawwachuun, ''olaantummaa seeraa kan sarbuudha. Mirga lammiilee Muslimaa sarbuudha,'' jechuun ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexeessaa buleessi biyyattii Alok Joshi, bulchaan Uttar Pradesh Yogi Adityanath waggaa lama dura, wayita yakkamaan Vikas Dubey jedhamu poolisoota saddeet ajjeessuun himatame, akka meeshaa adabbiitti doozarii fayyadamuuf ajajan jedhe.
Doozarii fayydamuun nama dararuun addunyaarratti dallansuu guddaa kaaseera, siyaasa Aab Adityanath illee akkaan quucarsa jedha gaazexeessaan kun.
Tarkaanfiin bulchaa kanaa Pireezidant Naaranderaa Muudii irraallee deeggarsa argateera.
Pireezidantichi Muddee darbe wayita bulchiinsa Uttar Pradesh daawwatan,''Bulldozer maafiyaa irra yoo oofame, manneen seeraan alaa yoo diige namoonni waan kana raawwatan miidhaasaa ni dhandhamu,'' jechuun haasaa taasisanii turan.
Haasaan pireezidantichaa doozariin adabbiif akka oolu jajjabeesseera.
Erga sababa amantii mormiin eegalamees adabbiin akkasii biyyattii keessatti, keessattuu magaalota akka Delhi, Madya fi kaan keessatti baayyinaan hojiirra oolaa jira.












