Reebichi poolisiin Muslimoota Indiyaarraan ga'e ijoo dubbii ta'e, maatii dheekkamsiise

Wayita poolisoonni Indiyaa Muslimoota mana hidhaa keessatti reeban viidiyoon agarsiisu namoota miiliyoonaan lakkaa'aman bira erga ga'ee booda mufii cimaa kaasiseera.
Viidiyoon kun jalqaba miseensa paartii biyya bulchaa jiruu, BJP, jedhamuun maxxanfame.
Qondaalli gocha humnoota nageenyaan boonuun maxxansan. Poolisoota gocha hammeenyaa akkanaa raawwatan jajjabeessuun miirasaanii ibsan.
Ergasiis poolisoota gocha kana raawwatan irratti tarkaanfiin homaatuu hin fudhatamne.
Namoonni kunneen yakka tokkollee kan hin raawwanneefi dararaa kana jalaa bilisa ba'uu akka qaban maatiin hidhamtootaa yaada kennaniiru.
Shamarreen wayita obboleessi ishee reebamu arguuf onneenshee dadhabuu himte waa'ee isaa akkas jette.
''Kun obboleessa kiyya. Baayyee isa reebaa jiru. Baayyee iyyaa ture.''

Namoonni mana hidhaatti reebaman kunneen hiriira mormii torbee darbe gaggeeffamerratti warra qabaman keessaati.
Indiyaa keessatti tibbana erga Dubbi Himtuun Paartii biyya bulchaa jiruu- Hindu nationalist Bharatiya Janata Party (BJP)- Nupur Sharmaa Nabiyyuu Mohammad (SAW) maqaa balleessitee hiriirri mormii gaggeeffamaa ture.
Hiriira mormii torban har'aa gaggeeffamerratti namoonni hedduun qamolee nageenyaan hidhamaniiru, hedduunis reebamaniiru.
Paartichi erga dubbi himtuun kun ergaa maqa balleessii kana dabarsitee booda yeroof ishee gaggeesseera.
Paartiin kun arrabsoo amantii kamirrattiyyuu raawwatu akka mormu ibseera.
Garuu reebicha namoota Muslimaa irratti raawwate kana qaamni mootummaas ta'e paarticha keessaa namni gocha kana balaaleffate hin jiru.
Gareen mirga dhala namaaf falman erga paartiin- BJP bara 2014 aangoo qabatee as miirri waldanda'uu fi waliin jireenyaa Indiyaa keessaa badeera jechuun komatu.
Haalli kun ammoo ittumaa hammaatee haasaa jibbiinsaa fi arrabsoo amantii Islaamaa irratti heddummeesse.
Mormii hawaasi Muslimaa dhageessise hordofees poolisiin biyyattii manneen Muslimaa doozariidhaan diigaa turan.
Mootummaan akka jedhutti namoonni manni isaanii diigame kanneen seeraan ala ijaaraniidha.












