Hayyuu qaroo-dhabuun Qur'aana qara'uutii hanga PhD qorachuu isaan hin dhorkine

Yunvarsitii Finfinneetti kaadhimamaa PHD Obbo Jamaal Abdulqaadir

Madda suuraa, Jamaal Abdulqaadir

Maqaan isaanii Jamaal Abdulqaadir jedhama. Abbaa ijoollee jahaa yoo ta'an, Arsii Lixaa Adaabbaatti ALI bara 1960tti dhalatan.

Obbo Jamaal ijji isaanii lamaanu daa'immummaa irraa kaasee hin argu.

Haata'u malee, qaroo dhabun barnoota isaanii hanga barnoota olaanaatti barachuu isaanii hin dhaabne. Yeroo ammaa Yunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa PhD ykn digirii sadaffaati.

Barnoonni Qur’aanaa ijoollumman barataa turan akka itti barnoota idileetiin sadarkaa PhD qaqqabaniif bu’uura akka ta’eef BBC'tti himan.

Waggoota 24’f ogummaa barsiisummaan kan tajaajilan Obbo Jamaal, amma yeroo dhiyootti Kolleejjii Barsiisota Fedhii Addaa Sabbataatti Afaan Ingilizii barsiisaa turan.

Wayita barnoota isaanitiin sadarkaa kana irra qaqqabanitti, bu'aa bahii hedduu keessa darbuu kan hima Jamaal, guyyaa dubbisuu itti eegalan gonkumaa akka hin daganne kaasu.

''Jireenya koo keessatti yeroon baayyee itti gammade yoo jiraate gaafan bireeliin dubbisedha,’’ jedhan.

Akkamitti qaroo dhaban?

Obbo Jamaal qaroo ijjasaanii lamaanitu kan dhaban umurii daa'imummaatti ta'uu dubbatu.

''Daa’ima ganna shanii wayitan turetti osoon ijoollee biroo waliin korboo taphadhuu, ijoolleen nyaara gubbaa na waraante. Sababii sanattan qaroo koo dhabe,’’ jedhan Obbo Jamaal.

Yeroo balaan sun irra qaqabeetti maatiin mana yaala geessanii akka turan kan himan Obbo Jamaal, ta'us manni yaalaa qaroosanii deebisuufiif akka hin dandeenye dubbatu.

'‘Yeroo sana qaroo dhabuukootti maatiin koo baayyee nahanii, gaddaasaa turan,’’ jedhan.

'‘Abbaankoo mana yaalaatti na deddeebisaa ture. Ergan guddadhee hojii qabadhee booda wayitan haala yeroo sana ture gaafadheetti, 'qabeenyaan koo hundi dhumee osoo ijjikee fayyee' nan fedhan ture naan jedhe’’ jechuun kutannoo maatiinsaanii isa yaalchisuuf qabu turan yaadatu.

Barnoota idilee attamiin akka eegalan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Baadiyyaa iddoon ani jiraadhetti qaroo-dhabeessi biraa hin jiru ture. Sana booda maatiin barnoota amantii Islaamaa, ''Qur’aana na barsiisan’’ jedhu.

Erga barnoota amantaa eegalanii booda ammoo barnoota idilee barachuuf fedhii qabaachuu maatii gaafachuun akka eegalan dubbatu.

Sana booda barsiisaa Mana Barnoota Adaabbaa sadarkaa lammaffaa barsiisu tokko bira deemanii bireelii barachuu eegaluu yaadatu.

''Jireenyakoo keessatti yeroon itti baayyee gammade gaafan bireeliin dubbiseedha,’’ jedhuu yoo guyyaa jalqaba dubbisuu itti eegalan sana akka hin daganne himan.

Sana booda gara Mana Barnootaa Qaroo Dhabeeyyii Sabbataatti barachuuf carraa argatan. Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa magaalaa Sabbataatti baratanii xumuran.

Itti aansuun ammoo barnoota sadarkaa olaanaa kan eegalan Kolleejjii Leenjii Barsiisummaa Kotobeerraa dippiloomaan eebbifamuuniidha.

Kana qofaan hin dhaabbannee, Yunvarsiitii Finfinneetti digirii tokkoffaafi lammaffaa baratan.

Obbo Jamaal digirii isaanii jalqabaatiin seera, digirii lammaaffaammoo gaazixeessuummaa fi kominikeeshinii baratan.

Waggoota 24'f barsiisaa kan turan wayita ta’u, waggoota shaniif immoo Komishiinii Investimeentii Oromiyaa keessa ogeessa ta’uun hojjachuu dubbatan.

Obbo Jamaal jireenya isaanii keessaatti guyyaan qaroo dhabusanif itti gaddan, digirii lammaffaa wayita baratanitti mata-duree waraqaa qo’annoo isaanii barsiisaa isaanitti kennaniitti dogoggora barreeffamaa qabaachuu itti himamee ta'uu himu.

Haata'u malee, barnoota digirii sadaffaa isaanii wayita baratanitti, teeknolojiifi namnis isaan gargaaraa jiraachuu dubbatan.

''Barnoonni digirii sadaffaa (Phd) ka’uumsa falaasama garaa garaa dubbisuu nama gaafata,’’ kan jedhan Obbo Jamaal, teeknolojii kompiyuutaraa ‘adaptive’ jedhamutti gargaaramuun waraqaa qorannoo isaanii hojjachaa jiraachuu himan.

Faayyidaa irraa argatan irraa ka'unis barattoonni qaroo dhabeeyyiin kaanis teeknolojii kanatti madaqanii, leenji’uun ittiin akka hojjataniif gorsu.

’Ijoollee qaroo-dhabeeyyiif moodelan ta’a’

Obbo Jamaal digirii sadaffaa isaanii akka barataaniif ispoonsara ta’uun kan isaan gargaare Biiroo Barnoota Oromiyaa ta’uu himu.

Akkasumas, Kolleejjii Barsiisota Fedhii Addaa Sabbataas deeggarsa taasisuufiif kaasu.

''Gara fuulduraatti ijoollee qaroo-dhabeeyyiidhaaf moodelan ta’aa, barsiisuu itti fufuun fedha,’’ jedhan. Kaayyoosaanii kanatti milka’aa jiraachuu himu Obbo Jamaal.

Qaro-dhabeeyyiin kutannoo qabachuun teeknolojiitti yoo gargaaraman, hawaasni immoo hojiirratti yoo hirmaachise, rakkoo kamiyyuu keessa ni darbu jedheenii yaadu.

Obbo Jamaal erga barnoota PhD isaanii amma itti jiran xumuraniin booda ammoo, qorannoowwan qaama miidhamtootaaf bu’aa buusaniin hojjadha jedhan.