Qaroo-dhabeessa Finfinneetti raadiyoo suphan

Mahammad Nuur

Ijoollee ganna 11 tahani iji isaanii dhukkubsannaan maatiin isaanii qoricha aadaa godhaniif, akka isaan jedhanitti, ''ergasii iji isaanii gurguddaa ture lammata ifa hin argine.

Sheek Mahaammad Nuur Kaliifaa amma nama ganna 50ti.

Finfinneetti dhalatanii, barnoota sadarkaa duraa Mana Barnootaa Qaroo Dhabeeyyii Sabbataatti baratan.

Barnoota isaanii sadarkaa lammataa immoo Finfinneetti, Yunivarsiitii Finfinneettis ''barnoota Seenaa waggaa lamaaf qo'adheetan rakkoon na mudannaan addaan kute,'' jedhu.

Raadiyoo, teeppii, televizhinii, eelee elektiriikaa illee waggaa soddomaaf supheera jedhu.

Seenaa, muuxannoofi mudannoo maanguddoo kanaa akka isaan nutti himanitti isinii katabneerra.

Hojii raadiyoo kanin jalqabe qaroo dhabeessa taheeni.

Mana barnootaa bultii qaroo-dhabeeyyii Sabbataa yoon baradhu mooraa keessa meeshaalee elektirooniksii tajaajilaaf dhaabaman yeroo hojjechuu didan baneetan qaqqabee waliisaa baruuf yaala ture.

Ogeessi meeshaalee kana suphan dhufanii sirreessan jiru ture. Meeshicha dura waanin baruuf iddoo isaan sirreessan qalbeefachaa hojjechuun jalqabe.

Ergan raadiyoo fi meeshaalee kaan suphuu jalqabeetii meeqa akka tahan lakkoofsaan yoon himu baadheyyuu waggaa dheeraa gatii meeshaalee gara hin qabne supheera.

As Finfinnee keessaafi naannoleerra deemee yoon hojjedhu namni hanga na barutti waanin hojjechuu danda'u itti hin fakkaatu.

Takka erga na baraniin booda garuu akkuma nama qaroo qabuu ''kana argitee?'' naa ilaali mee naan jedha malee kana qaqqabillee naan hin jedhan.

Animmoo iddoo iddooshee sammuu kootti akka fiilmii waraabamee waan jiruuf isa hojjechuun na hin rakkisu.

Mahaammad Nuur

Raadiyoonii ishee jalqabaa...

Akkoo gaariin qaban ture; amma lubbuudhaan hin jirtu. Isheen yeroo mana barumsaa bultii ture sanatti ''waa ittiin dhaggeeffatta,'' jettee raadiyoo 'president' jedhamtu kan dhakaa sadii liqimsitu naa kennitee turte.

Otuman raadiyoonittii sanaan dhaggeeffadhuu gaaf tokko calliste. Attamiin na jalaa callisti? Kana booda waanin dhaggeeffadhu hin qabaadhuu, silaa raadiyoo immoo sirriitti hojjechuun hin barre jedhe.

Kanumaan raadiyoo sana qabadheen Sabbatarraa Markaatoo dhufe. Ogeessa elektirooniksii hojjetutti kenne jennaan ''birrii sadii kaffalii'' naan jedhe.

Yeroos barataaf birriin sadii guddaa dha. Ani kiisii koo keessa birrii tokkoof sumunii malee hin qabun ture. Raadiyoo koo qabadheen otoo hin hojjechiisiin deebi'een gale.

Halkan erga ijoolleen rafanii booda, ''maal raadiyoon kan hin dubbanne namootatu keessa yaa'ee moo jedheen, keessashee baneen gaafan harkaan qaqqabu shiboo cite wayiin arge.

Yeroos maal akka tahe waliisaa hin beekun ture, akkuma namni hattuu qabatun shiboo sana qabadhee wayii tokkotti qabsiisee jennaan sagaleen 'shuwaa' jedhu dhufe.

Edaa yeroos shiboo sana baatirii karaa 'postive' jedhuttiin qabsiise.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sheek Mahaammad Nuur Kaliifaa qaro-dhabeessa ta'anillee meeshaa elektirooniksii suphu

Achumaan, isa 'xaabiyaa' ittiin barbaadan yeroon naannessu sagaleen 'raadiyoo Itoophiyaa' jedhu dhufe, ammas yoon naannessu sagaleen biraa ''bisraata wangeel'' jedhummoo natti dhagahame.

Har'a cidha dha jedheen shiboo qabadhe sana achumatti akka hin hiikamnettin guduunfe. 'Ogeessa raadiyoon tahe' jedheen ofirratti labsee akkanatti jalqabe.

'Meeshaa isaanii gatuurra na bira fidu'

Namoonni jooranii jooranii kana namni hojjetu hin jiru meeshaa jedhame na bira fidu. Nama meeshaa fidee otoo hin hojjetamiiniif deebi'e deeme hin yaadadhu.

Tibba tokko garuu dubartiin sooreettiin TV naa hojjedhu jettee na waamtee mana mooraa guddaafi bareedaa tahe dhaqeen mana seenee taa'ee otoon miya TV walitti hirphuu abbaan manaa dhufe.

''Sana booda ''jabaadhu, jabaadhu,'' naan jedhe. Xiqqoo turee furtuun ittiin fayyadamaa ture lafa na jalaa bu'ee yeroon kaasuuf rakkadhu na argee akkan 'jaamaa' tahe bare.

''Koottu bahi ati maal argiteet kana hojjetta naan jedheetu, haadha warraa isaa waliin akka na gaggeessituuf atakaaroo jalqabe.

Animmoo 'Gaashee' jedhee waamnaan 'maal barbaadde?' naan jedhe. Sokkeettii kana naa suuqaameen jedheeni, 'dhiisii deemi, maal goota' naan jennaan maaloo takkaashee jedhe isa gaafadhe.

Sokkeetti itti suuqnee yeroo TV bannu sagalee fi ifni mul'atee, yeroon anteenaa mataasaarra jiru naannessu ETVn dhufe.

Namni kun na bira dhufee taa'eetu waanin hojjedhu ilaaluutti ka'e. ''Akkami hin mul'atuu? Hin ifuu? Sagalee hin qabuu? jennaaniin, ''sirrii dha gooftaa koo naan jedhe.'' Kunoo hanga har'aatti maatii sanaa waliin michuu taanee hafne.

'Raadiyooniiwwan koo otoo hammadhee rafee natti tola'

Kana dura mana kireeffadheetan hiriyyoota koo waliin hojjedha ture. Naannoo sanatti karoorri ijaarsa daandii dhufe jennaan mana sanaa baane. Anis har'a filannoo ijaan qabneef 'kuushinaa' haadha warraa koo keessa taa'eetana hojjedha.

Meeshaalee koo durii qabee walitti sassaabe araaxii irra tuulamanii hantuutatu itti taphata.

Ani garuu otooma lagarra tahellee dhakaa gurraacha buufadheen hojjedha malee hin dhiisu sababiinsaa raadiyooniiwwan koo baayyeen jaaladha.

Ijoollee sadiin qaba, haadha warraa na jaallattus qaba. Raadiyoonii fi teeppiiwwan kunneen garuu otoon hammadhee rafeeyyuu natti tola.

Dabalataan immoo ulee namooti qaroo dhabeeyyii ittiin deeman hojjedheen ture. Kanneen biyya alaatii dhufan ijoollee jalaa cabee gamsiise jennaan maaliif hin hojjedhu jedheetan ulee sana tolche.

Haa tahu malee bilisaan yeroon kennu namni na harkaa fuudhee seeraan rabsu dhibe. Yeroon gurguruu eegalummoo hayyama baastu malee jedhanii na rakkisanii kunoo dhiisee taa'eera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sheek Mahaammad Nuur Kaliifaa qaro-dhabeessa ta'anillee meeshaa elektirooniksii suphu

Ammas taanaan meeshaalee embaasiiwwaniifi iddoo gargaagaraatti gatamanii jiran akkan sassaabuuf deeggarsi naaf godhamee waan baayyee hojjechuu danda'a.

Qaama miidhamtootaaf.....

Namni tokko adduniyaa kanarra gaafa jiraatu waan hundaan guutuun taha jedhee yaaduun irra hin jiraatu.

Qaama koo keessa waa yoo hir'ate isa maaliinan bakka buusa jedhanii tattaafachuu dha malee gara kajeellaafi, mataa ofiitti gadi aantummaa himanii hamilee ofii cabsuun warra du'aatiin gaditti miti.

Namni akka koo qaroo dhabeessa tahanii sibila suphan tokko akkamiin hojii kana hojjettu jedhamnaan,''iji koo qaroo dhabuusaa garaa kootti hin himnee,'' jedhaniiti deebisan.

Kanaaf hamileedhaa cabuu hin qaban. Ofii isaaniin erga tattaafataniin booda gargaarsa gaafachuu qabu.