Siwiidiinitti namichi Qur'aana gube 'rasaasaan ajjeefame'

Madda suuraa, Reuters
Namichi kun erga Qur'aana gubee booda Siwiidiin keessatti mormii dheekkamsa makate kaasisee ture.
Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti namni kun rasaasaan rukutamee du'eera.
Namni umrii waggaa 38 Salwaan Momikaa mana jireenyaa waliinii (appaartimantii) magaalaa Istookoolmi keessatti ajjeefame jedhameera.
Bara 2023 namni kun Masjiida giddugala magaalaa Istookhoolm fuulduratti erga Qur'aana gubee booda mormiin uummataa dhohee ture.
Poolisiin Istookhoolmi rasaasaan ajjeefamuu Salwan Momika hordofee namoonni shan seeraan to'atamaniiru jedhe.
Namni Qur'aana gubee fi rasaasaan ajjeefame Salwan Momika mormii farra Islaamummaa otoo addaan hin kutin gaggeessuurratti duraanis Qur'aana kabaja dhorkaa ture.
Gochi isaa kun Baha-Giddugaleessaatti mufii gama dippiloomasii uumeera.
Quraanni gubachuu guyyoota booda magaalaa Istookhoolmitti mormiin gaggeeffame hordofee pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdohaan Siwiidiin miseensummaa Nato'f tumsa isaanii akka hin arganne himanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, Salwan Momika yeroo rasaasaan rukutamuuf jedhuutti miidiyaa hawaasaa irratti kallattiidhaan tamsa'aa ture.
Aab Momikan lammii Iraaq garuu kan biyya Siwiidin jiraatu yoo ta'u, ji'a Hagayyaa keessa, ganna bara 2023 keessa yeroo afur ''saba irratti jeequmsa kaasuudhaan'' waliin maddiitti himatamee ture.
Murtiin Kamisa har'aa irratti kennamuuf kan ture yoo ta'u, garuu erga ''himatamtoota keessaa tokko du'uunsaa mirkanaa'ee booda yeroo biraatti darbeera'' jedheera Manni Murtii Aanaa Isteekhoolm.
Salwan Momika walitti fufiinsaan mormiiwwan farra Islaamummaa kan gaggeessan yoo ta'u, biyyoota Muslimoonni baay'inaan keessa jiraatan hedduu keessatti dheekkamsa kaaseera.
Haaluma kanaanis Imbaasii Siwiidin kan Bagdaad keessatti jeequmsi yeroo lama kan uumame yoo ta'u, waldhabdee dippilomaasii umameen ambaasaaddarri Siwiidin magaalattii keessaa ari'ameera.
Mootummaan Siwiidin hiriira mormii inni Qur'aana qulqulluu kana irratti gubee kanaaf hayyama Salwan Momikaf kennee ture.
Kunis akkaataadhuma seera bilisummaa yaada ibsachuutiin kan wal qabate ta'utu ibsame.
Boodarra mormii haalawwan itti barreeffamoota gubuu of keessaa qabu haquudhaaf fala seeraa qorachuuf waadaa galee ture.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












