Yaaddoo al-Shabaabiin Somaaliyaan turtiin waraana Gamtaa Afrikaa jala jiru akka turu gaafatte

Madda suuraa, Reuters
Yaddoo al-Shabaab deebi’ee of gurmeessuu hordofee mootummaan Somaaliyaa yeroo humnoonni nagaa eegan biyyattii keessaa itti ba’an akka dheeratuuf gaafatte.
Reuters sanadoota mootummaa ilaalee akka gabaasetti, biyyoonni ollaa qaxanaa sana keessa jiran Al-Shabaab aangoo qabachuu danda’a sodaa jedhu qabu.
Manni-maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) qophii duraa barbaachisu gahaa tokko malee qaamolee nagaa eegsisan Somaaliyaa keessaa baasuun, “biyyattii keessatti qaawwa nageenyaa uuma” jechuun akeekkachiisee ture.
Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisuuf bobba’ee kan jiru African Union Transition Mission in Somalia (AMISOM) (Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti) turtiin isaa dhuma bara 2024 raawwata.
Akka karoorichaatti humnoonni nagaa eegan suuta suutaan bahaa dhuma bara 2024 guutummaan guutuutti Somaaliyaa keessaa erga bahanii booda waraanni Somaaliyaa itti gaafatamummaa fudhata.
Haata’u malee, mootummaan Somaaliyaa xalayaa mana-maree Nagaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaatiif ergeen humnoonni nagaa eegsisan 2000 ta’an Waxabajji 2024 ba’uuf turan akka hanga Fulbaana 2024tti akka dheeratuuf gaafateera.
Humnoota nagaa eegsisan biyyattii keessaa baasuu ilaalchisee keessattuu Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa biyyattii keessatti bobbaafamanii jiran irratti aanga’oota gidduu yaadonni garagaraa calaqqisaa turaniiru.
Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa waraana Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa baasuuf murteessus gaggeessitoonni kutaa Somaaliyaa tokko tokkoofi miseensonni mana-maree murtee kana mormaa turaniiru.
Itoophiyaan Somaaliyaarraa adda baatee akka biyyaatti kan of ilaaLtu Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa akka argattu taasisu mallatteessuun ishee biyyoota lamaan gidduutti muddamni akka dhalatu taasiseera.
Kana hordofee tasgabbii Somaaliyaatiif itti-gaafatamummaa ba’achaa kan ture waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa akka ba’u fedhiisaanii ta’uu aanga’oonni biyyattii ifatti dubbachaa turaniiru.
Humni waraanaa Itoophiyaa dhaadannoo Garee Manneen-murtii Islaamaa naannicha keessatti yaaddoo ture hordofuun Somaaliyaa seenuun caasaa garee kanaa diiguun, mootummaan Somaaliyaa akka jabaatuuf deeggarsa taasiseera.
Isaan booda erga ardiifi idil-addunyaa jala ta’uudhaan balaa al-Shabaab mootummaa Federaalaa Somaaliyaa irratti fide dhabsisuu keessatti gahee guddaa bahachaa turuun isaa dhugaa ba’amaaf.
Carraan AMISOM maal ta'a?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti (African Union Transition Mission in Somalia (AMISOM))- AMISOM maallaqaan deeggaraa kan jiran Gamtaan Awurooppaafi Ameerikaan, humna nagaa eegsisuu kana yeroo dheeraatiif maallaqaan deeggaruun kan baasuufi waara'aa ta'u miti jedhanii akka amanan dippiloomaatonni afuriifi aanga'aan olaanaa mootummaa Yugaandaa tokko Reuters'ti himaniiru.
Maddeen Reuters muddamni dippilomaasii Finfinneefi Moqadishoo gidduutti dhalate waraana Itoophiyaa Al-shabaabiin loluurratti muuxannoo gaarii qabu akka biyyattii keessatti itti fufu gochuu rakkisaa taasiseera jedhan.
Itti-gaafatamaan AMISOM fi Somaaliyaatti bakka bu'aa addaa Gamtaa Afrikaa Mohaammad El-Amiin Yusuuf; yeroo qaamni nagaa eegsisu kun itti ba'u ilaalchisee hanga ammaatti guyyaan murtaa'e hin jiru erga jedhaniin booda qaamoleen hunduu nageenyaafi tasgabbii Somaaliyaatiif kutannoo ni qabu jedhan.
Xiyyeeffannaan guddaan Gamtaa Afrikaafi mootummaan Somaaliyaa humni nagaa eegsisu biyyattii keessaa yeroo ba'utti qaawwi rakkoo nageenyaa akka hin uumamnedha jedheera.
Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad gara aangootti dhufuu hordofee Somaaliyaan duula al-Shabaab irratti taasiftu cimsitee itti fufuun garee kanarra kasaaraan guddaan gahuu ibsamaa tureera.
Kana hordofees mootummaan Somaaliyaa humnoonni nagaa eegsisan biyyattii gadhiisanii yeroo bahan, Moqaadishoon hojii nagaa eegsisuu bahachuu akka dandeessu amantaan uumameera.
Haata'u malee, dhiyeenya kana gareen hidhataa kun irra deebiin of gurmeessaa humnoota mootummaarratti miidhaa geessisaa jira.
Yaaddoo biyyoota ollaa
Nagaa eegsistoota Somaaliyaa gadhiisanii ba'an keessatti loltoota kan gumaachan Yugaandaafi Keeniyaan nu yaaddessa jedhu.
Ministirri Dhimma Alaa Yugaandaa Henerii Okeeloo Oriyeem waraanni Somaaliyaa leenjiin dheeraan kennamuufillee lola keessa turuun hin danda'amuuf.
Ministirri kun Reuters'tti yeroo dubbatan, "jarjarree baanee Afgaanistaanitti akka uumame sana ta'uu hin barbaadnu," jedhan.
Keeniyaanis gaaffii Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaa hordofee Somaaliyaa keessaa ba'uurratti waliigaltus haalli qabatamaa Somaaliyaa keessa jiru garuu ilaalcha keessa galuu qaba ejjennoo jedhu qabdi jedhan ministirri kun.
Pirezidantiin Keeniyaa torban muraasa dura yeroo daawwannaa hojii Waashingitenitti taasisanitti, waan lafarra jiru osoo hin hubatiin humnoota nagaa eegsisan akka ba'an yoo murteessine "shororkeessitoonni Somaaliyaa fudhatu" jedhanii ture.
Dhiyoo kana Itaamaajor Shuumiin Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiild-Maarshaal Birhaanuu Juulaa TV biyyaalessaarratti yeroo dubbatanitti kutaa bulchiinsa Somaaliyaa walakkaatii ol ta'u humna waraanaatiin akka eegamaa jiru dubbataniiru.
Fiild-maarshaal Birhaanuu, "mootummaan Somaaliyaa Moqaadishoo akka taa'u kan godhe raayyaa ittisaa Itoophiyaadha'', jechuun, "Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa bor yoo bahe mootummaan Federaalaa Itoophiya Moqaadishoo kan jiraatu natti hin fakkaatu," jedhaniiru.












