Doktaroonni sa'aatii dheeraaf Tiraampiif qorannoo fayyaa taasisanii maal irratti argan?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantii 47ffaa US kan ta'e Doonaald Tiraamp umuriisaa waggaa 78tti Amajjii darbe Waayit Haawus seene, kanaanis seenaa US keessatti pirezidantii umurii guddaa ta'eera.
Isa dura kan turan Pirezidant Joo Baayidan wayita baallii Tiraampitti dabarsan jaarsa ganna 82 turan.
Pirezidant Tiraampiif qorannoon fayyaa waggaa jalqabaa kan bara pirezidaantummaa marsaa lammaffaa taasifameeraaf.
Hospitaala Walter Reed jedhamu kan bulchiinsa Meriilaand, Bethesda keessatti argamutti wayita qorannoon fayyaa sa'atiiwwan shaniif taasifamuuf Tiraamp gurra mirgaarraa godaannisa akka qabu barameera.
Adoolessa darbe duula filannoorratti wayita yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamu ''gurri isaa mirgaa rasaasaan rukutamee,'' ture.
Kanarraa kan hafe dureen US kun ''fayyaa sammuu fi qaamaa guutuu (excellent cognitive and physical health) qaba,'' jedhan doktaroonni Waayit Haawus.
Doktarri Tiraamp akka jedhetti ''Tiraamp sirna hargansuu, sirna narvii fi walumaagala fayyaa guutuu qaba.''
Kaapteen Siyaan Barbela sa'atiiwwan shaniif walitti aansuun qorannoon dhiigaa, wal'aansi onnee fi akkasumas raajii kaafamuun keessi isaa ilaalamuun yaaliiwwan hedduun Tiraampiif taasifamuu ibse.
Yaadannoo dhimma qorannoo fayyaa Tiraamp irratti Waayit Haawus Dilbata kaleessaa gadhiise keessatti Dr Barbabellaan akkas jechuun barreesse:
''Pirezidant Tiraamp fayyaa sammuu fi qaamaa guutuu qaba. Waraana ajajuu fi biyya dursuuf ga'umsa guutuu qaba.''
Akkaataa yaadannoo gadhiifame kanaan pirezidantichi rakkina mukaa'uu yookiin dhiphina tokkollee hin qabu.
Pirezidant Tiraamp sammuunsaa qixa sirriin hojjetaa jiraachuusaa adda baasuuf madaallii kennamu- Montreal Cognitive Assessment (MoCA) jedhamu fudhatee 30 keessaa 30 argateera jedhe Dr Barbabellaan.
Tiraamp xiyyaara Air Force One keessatti wayita gaazexeessitootatti dubbatu ''gaaffii qormaata sammuu hunda sirriitti deebiseera,'' jedhe.
''Gama hundaan yoon ilaalu dhaabbii gaariirra akkan jirun hubadha,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidant Tiraamp kolestirooliin akka itti hin heddummaanneef dawaa gosa garaagaraa fudhata.
Qorannoon onnee Tiraamp irratti gaggeeffames rakkoo akka hin qabne mul'isa jechuun yaadannoorratti barreesse Dr Barbabellaan.
Pirezidantichi yaaddoo dhibee onnee tasa mudatuu keessa akka hin jirre ibse doktarri kun.
Yaada Dr Barbabellaan barreesse irraa akka hubatamutti Pirezidant Tiraamp kiilogiraama 101 ulfaata, dheerinni isaa meetira 1.8 ol. Garuu kan bara 2019 ture irraa hir'iseera.
Akkaataa madaallii guutuu qaamaa- 'Body Mass Index' jedhamuutiin yoo ilaalamu dhaabbiin Tiraamp sadarkaa gaariirra jiraachuus qorannoon fayyaa kun adda baaseera.
Erga Adoolessa darbe namni meeshaa waraanaa hidhate tokko osoo Tiraamp Pensalveeniyaa, Butler keessatti duula filannoo gaggeessaa jiruu yaalii ajjeechaa irratti raawwatee yeroo jalqabaaf bu'aan qorannoo fayyaa pirezidantichaa uummataaf ibsame.
Duula filannoorratti Tiraamo yeroo hedduu dhaabbii qaamaa fi fayyaa sammuutiin Joo Baayidan tuqaa ture.
Bara darbe duula filannoorratti ga'umsa gaarii agarsiisuu kan dadhabe Joo Baayidan, ergasii qormaata sammuu fudhachuu dideera.












