Tiraamp, Baayidan odeeffannoo icciitii akka hin arganne godhe

Madda suuraa, Getty Images
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Joo Baayidan odeeffannoo icciitii biyyaatti ta'aniif ibsa basaasaa guyyuu akka hin arganne haquu ibse.
Waggaa afur dura Joo Baayidan akkanuma isa godhe.
Tiraamp barreeffama waltajjii hawaasummaa isaanii Truth Social jedhamurratti, ''Joo Biideen odeeffannoo icciitii argachuu itti fufuun hin barbaachisu,'' jechuun barreesse.
"Joo, hojiirraa ari'amte," jechuun jecha yeroo sagantaa televizyinii 'The Apprentice' jedhamurratti beekamuun itti dabale.
Tiraamp qondaaltota basaasaa duraanii afurtamii saddeet ol ta'an kanneen filannoo bara 2020 gidduu seenuun Joo deeggaran jechuun himate, odeeffannoo icciitii akka hin arganne haqee ture.
Tiraamp kana kan eegale Baayidan ta'u Jimaata galgala dubbate. " Bara 2021, Baayidan kabaja pirezidaantota duraaniif kennamaa ture narra haquun, pirezidaantii Ameerikaa 45ffaa (ana!) odeeffannoo nageenya biyyattii akka hin arganne hawaasa basaasaa ajajee ture.
Qorannoo Ministeerri Haqaa akkaataa pirezidaantiin duraanii kun faayiloota icciitii kuusan irratti geeggesse waabeffachuun Baayidan ''odeeffannoo icciitiin amanamuu hin danda'u'' jedha Tiraamp.
Yeroo sana kutaan Haqaa Biidan yaadannoo gaarii hin qabu jechuun himannaa yakkaa osoo irratti hin banin dhimmicha xumure.
Akka qorannoon kun argisiisetti, Baayidan taateewwan jireenyaasaa gurguddoo kanneen akka bara ilmi isaanii Biyoon du'ee fi yeroo itti aanaa pirezidaantii Baaraak Obaamaa ta'uun tajaajilan yaadachuu hin dandeenye. Baayidan yeroo sanatti amala akkasii akka hin qabne haalera.
Pirezidaantiin duraanii kun erga ji'a darbe aangoo gadhiisanii as yeroo muraasaaf miidiyaarra fagaateera, kanaaf battalumatti deebii hin kennine.
Bara 2021 Baayidan ibsa basaasa akka hin arganne Tiraamp dhorke. Sunis yeroo jalqabaa pirezidaantiin duraanii odeeffannoo akkasii dhorkaman.
Sababnisaa Tiraamp "amala sirrii" hin qabu jechuun odeeffannoo icciitiin amanamuu hin danda'u jedhee tarkaanfii san fudhachuusaa amansiise.
Yeroo sanatti baay'een akkas jedhe: "Ibsa basaasaa isaaf kennuun gatii maalii qaba? Inni dhiibbaa akkamii qaba, miliqee waan hin taane dubbachuu danda'a malee."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2022, hojjattooni tikaa federaalaa mana Tiraamp Filooriidaa keessatti faayiloota icciitii argachuun odeeffannoo ittisaa fedhiidhaan qabachuun himatame . Yakka hin qabu jedhee himate, dhuma irratti dhimmichi erga inni filatamee booda haqame.
Tiraamp erga aangootti deebi'anii as qondaaltoonni olaanoo Bulchiinsa Baayiden waliin hidhata qaban odeeffanoo icciitii akka hin argannee fi eegumsa isaanii haquuf tarkaanfii fudhateera.
Namoota eegumsiisaanii haqame keessaa tokkoo ajajaan waraanaa olaanaa Ameerikaa duraanii Maark Millii, kan Tiraamp qeeqaa ture.
Ministirri Ittisaa haaraan, Pete Hegseth, Milliin akka qoratamuufi sadarkaansaa ilaalamu ajajeera.
Traamp eegumsa gorsaa olaanaa fayyaa duraanii, Antoonii Fauci haqeera.
Mootummaaf waan hojjetaniif namni hundi umurii isaa guutuu eegumsa nageenyaa qabaachuun akka hin danda'amne dubbata.
Eegumsa nageenyaa Ministira Dhimma Alaa ofii isaanii Maayik Poompeewoo fi gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii Joon Booltoon ji'a darbe haqeera.
Pirezidaantichis, daayreektaroota CIA duraanii lama dabalatee qondaaltonni basaasaa duraanii hedduun odeeffannoo icciitii fi eegumsa akka hin arganne ajajeera.
Isaanis bara 2020, Laaptooppii ilma Baayiden soba Raashiyaa akka ta'e xalayaa mallatteessaniin murteessan.
Garuu kompiitara, daataa ragaa qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu, sagaagalummaa fi waliigaltee daldalaa biyya alaa of keessaa qabaachunsaa, dhugaa ture.












