Tiraamp garee IS Somaaliyaa kan baqattoota Itoophiyaa mindeessuu irratti maaf qiyyeeffate

Madda suuraa, Getty Images
Hidhattoota garee Islamic State (IS) ofiin jedhanii Afrikaa keessa jiran adamsanii waraanuun hojii salphaa miti.
Keessattuu kanneen kaaba-baha Somaaliyaa keessa riphanii jiran haleeluun ni ulfaata.
Garuu Doonaald Tiraamp kana gochuu akka danda'u dhaadata. Pirezidantiin US kun torbee darbe naannawa kanatti haleellaa qilleensaa ajajeera.
Miidiyaa hawaasummaa irratti ''ISIN ADAMSINEE ISIN AJJEEFNA,'' jedhee katabe Tiraamp.
Erga aangoo qabatee torban lama keessatti haleellaa qilleensaa Somaaliyaatti kan raawwate Tiraamp, haleellaan kun qondaalli buleessa IS haleellaa karoorsee fi hidhattoota kutaa gariin kan Somaaliyaa taate- Puntlaand keessa jiranirratti qiyyaafate jedhe.
''Holqa isaan daqoo godhatan barbadeessine, osoo namoota nagaa hin miidhan shororkeessitoota hedduu ajjeesne,'' jedhe Tiraamp.
Tiraamp kana gochuusaatiin hojii aanga'oonni isa dura turan, Baraak Obaamaa fi Joo Baayidan, dadhaban akka milkeesse himachuun of saade.
''Baayidan fi michoonni isaa hojii kana xumuruuf saffisa barbaachisuun hin deemne. Kunoo an milkeesseera.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp erga aangootti deebi'ee oppireeshinii waraanaa jalqabaa Somaaliyaarraa eegaluun walitti dhufeenya Somaaliyaa fi US irratti yaaddoo ka'aa ture geeddareera.
Kanneen Ameerikaan Somaaliyaa gante jedhanii yaadda'aa turan Somaaliyaan xiyyeeffannaa bulchiinsa Tiraamp ta'uun guddoo isaan ajaayibe.
Tiraamp bara bulchiinsa isaa marsaa jalqabaa loltoota US 700 ta'an Somaaliyaa keessaa baasee ture, tarkaanfiin kun garuu bara bulchiinsa Joo Baayidan haqame.
Mootummaan Somaaliyaa dhihoo kana garee dhiibbaa uumuun beekamu, BGR jedhamu kan teessoon isaa Washingtan DC ta'e waliin waliigaltee mallatteesseera.
Waliigalteen waggaatti doolaara kuma 600 Somaaliyaaf argamsiisu kun Somaaliyaan gargaarsa Ameerikaa ilaalchisee hangam yaaddoo keessa akka galte kan mul'isuudha.
Bulchiinsa Joo Baayidan jalatti loltoonni US Somaaliyaa keessatti oppireeshinii addaa gaggeessaa turan.
Loltoota Somaaliyaa leenjisaa fi guyyuu haleellaa qilleensaa raawwataa turan.

Madda suuraa, @PuntlandSSR
Haleellaan Tiraamp ajaje raawwachuu guyyaa tokko dura barruun Washington Post gaaffii fi deebii Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud waliin taasise maxxansee ture.
Pirezidantichi gaaffii fi deebii sana keessatti US gorsitoota fi leenjistoota humna addaa Somaaliyaa tumsaa turan biyyasaanii keessaa akka hin baasne gaafataniiru.
Ergaan waajjirri isaanii X irratti maxxanses yoo Ameerikaan tarkaanfii kana fudhatte abdii kutannaa hamaa keessa akka galan waan mul'isuudha.
Ergaan kun ''shororkeessitoota idiladdunyaa qolachuu keessatti tumsa Ameerikaa'' galateeffachuun, ''bulchiinsa Doonaald Tiraamp jalattis kutannoon Ameerikaa cimee itti fufuu akka simatan,'' of keessaa qaba.
Haleellaan qilleensaa Tiraamp garuu sochii loltoonni lafoo gaggeessaa jiranirraa adda.
Doonaald Tiraamp duraanis haleellaa qilleensarraa gaggeessuu hin dhaabne.
Inumaa baayyina loltoota haleellaa qilleensaa raawwatanii gara 400tti guddise.
Jaarmiyaa qorannoo teessoon isaa Naayiroobii ta'e- Sahan Research jedhamutti gorsaa tarsimoo kan ta'e Maat Biraayidan ''haleellaan kun mootummaan Ameerikaa hariiroo humna waraanaa Somaaliyaa keessatti eegaluudhaan waan walqabatu miti,'' jedhe.
''Qondaalonni Ameerikaa dhimmoota Afrikaa irratti muudamuuf deeman hedduun mootummaa federaalaa Somaaliyaa akka michuu dhugaatti hin ilaalan. Tumsi humna waraanaa bal'inaan taasifamaa ture bu'aa xiqqoo buuse jechuunis qeequ,'' jedhe.
Akkaataan Puntlaand shororkeessummaa qolataa jiru kan mootummaa federaalaa Somaaliyaa irraa adda.
Hariiroosaanii kan adda kutan Bitootessa 2024.
Oppireeshiniin Puntlaand irra-jireessi of danda'ee kan gaggeeffamudha. Gargaarsa loltoota Gamtaa Afrikaa irratti kan hundaa'es miti.
Loltoonni Gamtaa Afrikaa 12,000 Somaaliyaa keessa jiru. Kan Ameerikaa fi Turkiis jiru. Oppireeshiniin Puntlaand kana hunda irratti kan hirkate miti.
Hoogganaan waajjira qindaa'aa nageenyaa Puntlaand Mohammad Mubaarak loltoonni isaanii kaaba-bahaa keessatti IS waraanaa jiran gargaarsa yookiin ammoo galateeffannaa muraasa qaama biraarraa argatu jedhan.
''Otoo nuti moggaatti adda waraanaa irratti du'aa jirruu giddugalaa fi fuuldura irratti haleellaa qilleensaa gaggeessuun sirrii miti,'' jedhan Aab Mubaarak.
''Nuti waan addunyaan itti jirtuun oofamuu dhiifnee IS haleelaa jirra. IS rakkoo idiladdunyaati. Keeniyaa, Itoophiyaa fi UAE irraa kan hafe kan nu gargaare hin jiru. Ameerikaanis haleellaa qilleensaa kana yeroo tokko caalaa raawwachuushee hin beeknu,'' jedhe.

Madda suuraa, al-kataib
IS waggoota kurna darbees Somaaliyaa keessa tureera, garuu miidhaa fi sodaan inni uume hamma kan al-Shabaab hin ga'u.
Gareen al-Qaeda waliin hidhata cimaa qabuu fi fakkeenya milkaa'ina al-Qaeda jedhamu kun kutaalee Somaaliyaa hedduu to'achuu danda'eera.
Dhihoo kana garuu IS addunyaarratti, akka Afrikaatti akkasumas akka Somaaliyaatti daran babal'ateera.
Aanga'oonni Puntlaand fi Ameerikaa, Somaaliyaa keessatti hoogganaa buleessa IS kan ta'e Abdulqaadir Mu'umin yeroo ammaa addunyaarratti hoogganaa IS jedhanii amanu.
Jalqaba haleellaa US Caamsaa darbe qilleensarraan raawwatteen ajjeefame jedhanii turan.
Garuu gabaasi sunis hin mirkanoofne.
Abdulqaadir Mu'umin jiraatus jiraachuu baatus, hoogganaa IS ta'us ta'uu baatus, IS biyyoota alaatti yaaddoo ta'uu hin hafne.
Akka Tiraamp jedhetti: ''Gareen lubbuu namoota hedduu gaaga'u, kan holqa keessa riphee jiru, kun Ameerikaa fi michoota ishee doorsisaa jira.''

Madda suuraa, Reuters
Yunivarsitii Ameerikaa Washingtan DC keessatti argamutti daarektara imaammata farra shororkeessummaa kan ta'e Tirishiyaa Bakon ''IS-Somaaliyaa caasaa Islamic State iddoo garaagaraa jiran dursa. Kan Afrikaa fi Afrikaan alaas,'' jedhe.
Ammoo Huutii Yaman kan deeggarsa Iraan qabuun michummaa qabaachuunsaa dhimma Ameerikaa yaaddessu kan biraadha.
''IS akkuma al-Shabaab deeggarsa meeshaa waraanaa fi leenjii Huutii Yaman irraa argata. Kun ammoo Ameerikaa fi michuu isheef yaaddoo guddaadha,'' jedhe.
Biyyoota alaarraas gara IS kan makamaa jiran heddudha. Kun ammoo IS baayyinaa fi leenjii ogummaan daran akka dabalu taasiseera.
IS-Somaaliyaa jiru baqattoota Itoophiyaa magaalaa Puntlaand handaara galaanaa jirtu- Bosaasoo keessa jiraatan ofitti makaa jiraachuu ragaan qondaala nageenyaa Puntlaand ni mul'isa.
Baqattoonni kunneen ulaa kanaan gara biyyoota alaatti ba'uun jiruu fooyya'aa barbaadu.
IS ammoo maallaqa guddaa, kan osoo gara biyyoota Galoo Galaanaa (Gulf) seenanii argatan caalu, kaffaluun fedhiisaanii guuteefii fudhataa jira.
Ajajoonni IS hedduun yeroo ammaa Itoophiyaarraa ta'uu mul'isa ragaan damee nageenyaa Puntlaand.
''Miseensonni IS- Somaaliyaa dhibbeentaa 80 fi isaa ol ta'an biyyoota alaa, keessatti Kaaba Afrikaa, Itoophiyaa, Tanzaaniyaa fi Baha Giddugaleessaarraa kanneen dhufanidha,'' jedhan Aab Mubaarak.
Qondaalli nageenyaa Puntlaand kun gareen kun miseensota jajjaboo 1,000 akka qabu tilmaaman, UN 600 hanga 700 ta'u jedhe.
Gareen kun Muddee darbe haleellaa seenaasaa keessatti ammayyaawaa ta'e Puntlaand keessatti raawwatee ture.
Bulchiinsa Bari keessatti buufata waraanaa haleele.
Gareen kun haleellaa kana booda ibsa baaseen lammiin Somaaliyaa tokkollee akka keessatti hin hirmaanne eere.
Kanneen haleellaa raawwatan 12 biyyoota torba- Taanzaaniyaa, Aljeeriyaa, Morookoo, Liibiyaa, Tuniiziyaa, Yaman fi Itoophiyaarraa dhufan jedhe.
Sochiin garee kanaa maallaqaanis deeggaramaa jira. Maallaqa hedduu maloota garaagaraan walitti qabata.
Ministeera maallaqaa Ameerikaatti waajjirri dhimma qabeenya alaa to'atu OFAC akka jedhetti IS-Somaaliyaa walakkaa bara 2022 gara jalqabaatti gibira daldaltoota naannoo, meeshaalee gara biyyaa galan, tikfattoota fi qonnaan bultoota irraa walitti qaberraa maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 2 argateera.
Humnoonni Puntlaand lafoodhaan hidhattoota kunneen kan hadhan yoo ta'e, qilleensarraan deeggarsa taasisuun bu'aa hin qabu.
Akkuma haleellaan qilleensaa US raawwateen poolisiin Puntlaand dursaan garee IS-Somaaliyaa Abdirahmaan Shirwa Aw-Said harka kennachuu ibse.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti yoo ta'e ammoo seelii IS balleessuu fi kana boodas akka hin jiraanne gochuuf haleellaan qilleensaa US itti fufuu qaba.
Ammoo aanga'oonni bulchiinsa Tiraamp jala jiran haleellaa qilleensarraa kana gaarreen kaaba-baha Somaaliyaa keessatti itti fufuu fi dhiisuu isaa tilmaamuun nama rakkisa.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












